Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken Itoophiyaa daawwachuuf

0
388

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken Bitootessa 15 Itoophiyaa daawachuuf akka jedhan ministerri Dhimma Alaa biyyattii hime.

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabeen as Antoonii Biliinken Itoophiyaa yoo daawwatan kun isa jalqabaati.

Dhiyeenya MM Itoophiyaa Abiy Ahimed kora Ameerikaa-Afrikaa irratti argamuuf US deemanii turan.

Kun erga lameen isaanii dhimma hojiirra oolmaa dhukaasa dhaabuu waraana Tigiraayii fi nageenya Oromiyaa keessaa irratti bilbilaan waliin dubbataniiti.

Hariiroon Ameerikaa fi Itoophiyaa erga waraanni Kaaba biyyattii jalqabeen as akka duraa hin turre.

Biliinken daawwannaa isaanii ammaan dhimma hojiirra oolmaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu mootummaa Federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti malla’aate irratti ni mari’atu.

Nagaan waaraa biyyattii keessatti akka dhufuu fi dhimma haqa yeroo ce’umsaa irratti marii ni taasisu jedhamee eegama.

Dabalataan dhaabbilee gargaarsa namoomaa kennanii fi dhaabbilee siivilii biroo waliin akkaataa deeggarsi itti dhaqabu, wabii nyaataa fi mirga namoomaa irratti ni mari’atu jechuun Ministerri Dhmma Alaa US mirkaneessera.

Turtii isaanii Finfinnee irratti Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamat waliin dhimmoota ijoo addunyaafi naanichaa irratti ni mari’atu.

Keessumaa wal gahii gaggeesitoota Afrikaa fi US hordofee dhimma wabii nyaataa ardichaa, jijjiirama qilleensaa fi ce’umsa madda aannisaa irratti marii taasisu.

Kana malees, diyaaspooraa Afrikaa – Ameerikaa jiraatan fi fayyaan addunyaas dhimma marii isaanii biroo akka tahe himeera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here