Waldaan kun garee ogeeyyii fayyaa gara godina Booranaa erguun iddoowwan buufati fayyaa hin jirree fi tajaajila fayyaa argachuuf rakkisaa ta’etti tajaajilaa kennaa jira.
Pirezidantiin waldichaa Dr Balaaynee Lataa, hakiimota waliigalaa qabatanii gareedhaan gaafa Sambata xiqqaa (Bitootessa 11, 2023) garas imaluu himan.
Hojii kanaaf tumsi miseensota waldichaa, Waldaa Ogeessotaa Fayyaa Oromoo Idil-addunyaa, waajjiraaleen fayyaa godinarra jiranii fi Biiroon Fayyaa ga’ee olaanaa gumaache jedhan.
Erga gara Booranaa imalanii waajjira fayyaa waliin qindoomina uumuun jalqaba uummata qe’eerraa buqqa’ee bakka tokko qubsiifame jiru irraa eegaluu himan.
”Ulaagaan keenya uummata baayyinaan iddoo tokkotti walitti qabamee jiruu fi fageenyarra iddoo qaqqabuun rakkisaa ta’e jiru tajaajiluudha.”
Magaalaa Godina Booranaa Yaa’abal’ootti dhihoo kan jiru iddoo hawaasa kuma 10 caalu keessa qubatee jiru Aanaa Dubluq irraa tajaajila wal’aansaa kennuu eegalan.
Isa booda Yaa’abal’oo irraa kiilomeetira 200 ol imaluun Aanaa Dhaas iddoo tajaajilli wal’aansa fayyaa hin jiretti namoota 340’f tajaajila fayyaa bilisaan kennuu himan.
Iddoo uwwisni tajaajila fayyaa mootummaa hin qaqqabin kan isaan itti tajaajila wal’aansa fayyaa kennuu himan keessaa kan biraan Aanaa Dirreeti.
”Nuti iddoowwan fageenyarra jiran, buufata fayyaa hin qabne, gara buufata fayyaa deemuufis humna hin qabne tajaajiluurratti xiyyeeffanne,” jedhaniru.



