Manni marichaa Aadda Bilisummaa Uummata Tigraay tarree shororkeessummaarraa haqe

0
446

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii addaa har’a gaggeesseen Adda Bilisummaa Uummata Tigraay moggaasa tarree shororkeessummaarraa akka haqamu yaada murtoo dabarseera.

Waliigaltee Nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay gidduutti Onkololeessa 24, 2015 Afrikaa Kibbaa Magaalaa Piriitooriyaatti gaggeeffamee ture hordofee waliigalticha hojiitti hiikuuf hojiileen garaagaraa raawwatamaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti tajaajilli bu’uuraa akka eegalamuu fi deeggarsi namoomaa haala fooyya’iinsa qabuun akka dhiyaatu taasiiseera.

Addii Bilisummaa Uummata Tigraay hidhattoonni isaa hidhannoo hiikkachuun gara Mooraa waraanaa akka galan taasiisuu fi meeshaalee waraanaa gurguddoo Raayyaa Ittisaaf laachuun isaa ni yaatadama.

Akkaatuma waliigalteen Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii Walga’ii addaa har’a gaggeesseen moggaasni tarree Shororkeessummaa ABUT irra akka kaa’u yaada murtoo dhiyaateerratti mari’achuun sagalee caalmaan raggaasiiseera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Eebila 28, 2013 Garee ‘Adda Bilisummaa Uummata Tigraay’ fi Shaneen shororkeessummaan akka moggaafmaniif yaada murtoo dhiyaate sagaalee caalmaan raggaasuun kan yaadatamuudha.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here