Humna Addaa Naannolee hojiin deebisanii gurmeessuu ammaa kan eegalee miti jedhan Itaamaajoor Shuumii Ittaanaan Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaan.
Jeneraal Ababaawu dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, hojiin humna addaa deebisani gurmeessuu yeroo dheeraa qoratamaa kan ture malee hojii amma eegale miti jedhan.
Qorannichi, cimina humnoota addaa naannolee kan ilaale ta’us, gurmaa’inni humna addaa hanqina akka qabuufi seera qabeessa akka hinturre akeekaniiru.
Heera biyyaatiin wayita ilaalaamus gurmaa’inichi seera qabeessa akka hintaaneefi heerris beekamtii hinkennu jedhu Jeneraal Ababaawu.
Ijaarsi Humna Addaa, sabummaarratti kan bu’uureffate ta’uu kaasanii, kun ammoo duudhaa waliin jireenya ummatootaa kan laaffisuudha jedhan.
Daandii furtuu siyaasa biyyattii kan balleessee ta’uu eeruun, kunis “Heera mootummaa keenyaan siyaasniifi humni walfaana hindeeman; kanaafis beekaan siyaasaa yaadaan injifachuu wayita dadhabu ulee biraa qaba jechuudha; humna addaa hidhate ol fudhata” jechuun ibsu.
Qorannichaan humni addaa naannolee sirrii miti erga jedhamee waggoota afur akka lakkoofsise eeraniiru.
“Haaluma kanaan humna kana irra deebiin haa gurmeessinu jedhamee murtaa’e malee haa diigamu, hidhannoo haa hiiksisnu hinjedhamne” jedhan.
Daandiiin ittiin gurmaa’us akkaataa fedhiisaaniitiin Raayyaa Ittisaa Biyyaatti, Poolisi Federaalaafi poolisii idileetti akka makaman kaa’ameera jedhan.
Kunis kabaja, haamileefi faayidaasaa haala hin tuqneen akka raawwatamu sagantaan qabamuu eeraniiru.
“Kun hammeenya hinqabu; seera kan qabsiisu; yeroo kan kennineef rakkoo biraan waan tureef” jedhan.
Naannolee hunda haala hirmaachiseen qorannicharratti yeroo dheeraaf irratti mari’atamee kan murtaa’e ta’u kaasaniiru.
Qorannoo kana raawwachiisuu kan danda’u koreen biyyaalessaa hundeeffamuu eeranii, kunis kan taasifameef raawwiisaarratti hanqinni akka hinjiraanne yaadamee ta’uu Jeneraal Ababaawu Taaddasan himaniiru.



