Hiriira mormii humna addaa bifa haaraan gurmeessuu magaalota naannoo Amaaraa

0
764

Magaalota naannoo Amaaraa keessatti humna addaa naannolee diiguun bifa haaraan gurmeessuu ilaalchisee tarkaanfii fudhatame mormuudhaan Sambataa fi Dilbata hiriirri gaggeeffameera.

Pireezidantiin naannochaa Yiliqaal Kaffaale (PhD) magaalota tokko tokko keessatti hiriirri mormii, waamichi diddaa fi daandii cufsiisuun raawwatamuu ibsaniiru.

Paartiin mormituu naannocha keessa socho’u- ABIN humna addaa naannochaa raayyaa ittisaa fi humnoota nageenyaa kaan keessatti makuuf sochiin eegalame, ”naannoo Amaaraa keessatti mormii guddaa kaasiseera,” jedhe.

Humnoota addaa naannolee raayyaa ittisaa, poolisii federaalaa fi poolisii naannoleetti makuuf murtee darbe hordofee naannoo Amaaraatti torbee darberraa eegalee mormii fi muddamni dhalateera.

Suuraafi viidiyoon miidiyaalee hawaasummaarratti gadhiifaman dhuma torbee darbee kanatti magaalota naannochaa garaagaraa keessatti hiriirri namoota hedduu hirmaachise ba’amuufi daandiiwwan cufamuu mul’isu.

Magaalaa guddoo naannochaa Baahir Daar keessatti sochiin qabbanaa’uu fi magaalota akka Gondar fi Dabra Maarqos keessatti ammoo hiriirri namoota hedduu hirmaachise gaggeeffamaa jiraachuun jiraattonni magaalichaa mirkaneesaniruu.

Dilbata kaleessaa (Ebla 9, 2023) yoo xiqqaate magaalota lama keessatti hiriirri mormii gaggeeffamuu fi sagaleen dhukaasaa dhagamaa akka ture Rooyitarsi gabaaseera.

Magaalaa mormii guddaan keessatti gaggeeffameera jedhame Gondar irraa jiraataan tokko Rooyitarsitti akka himetti, miseensonni humna addaa tarkaanfii mootummaa mormuun Sambata galgala waaqatti olqabanii dhukaasaa turan.

Hookkara tarkaanfii mootummaan labse kana booda ka’uu malu ilaalchisee Ministirri Muummee Abiy Ahmad fi Pireezidantiin naannoo Amaaraa Yiliqaal Kafaale ibsa kennaniin, miseensonni humna addaa fedhiisaaniin gara raayyaa ittisaa, poolisii federaalaa fi poolisii naannootti akka makaman ibsaniiru.

”Yeroo ammaa miseensonni humna addaa irra-jireessi isaanii marii xumuruun mooraa keessa turuun tarkaanfii fudhatamu eegaa jiru,” jechuun Dr Yililqaal miseensonni kaanis gara mooraatti akka deebi’an waamicha dhiheessaniiru.

Gara kutaa baha biyyattiitti kan argamtu magaalaa Qobboo keessaa jiraattonni Rooyitarsitti akka himanitti handaara magaalattiitti dhukaasni gurguddaan akka madfii dhukaafamaa tureera.
Dhukaasni kun garee hidhate kamirraa akka ta’e garuu hin beekamu.

ABIN gamasaan Dilbata kaleessaa magaalota naannochaa hedduu keessatti mormiin gaggeeffamuu fi sochiin gufachuu ibseera.
Keessattuu magaalaa Raayyaa Qobboo fi naannawasheetti ”meeshaaleen waraanaa gurguddaan dhukaafamuu,” ibseera paartiin mormituu kun.

Dilbata kaleessaa yoo xiqqaatee magaalota naannoo Amaaraa ja’a ta’an keessatti hiriirri mormii gaggeeffamuu namoonni nageenyasaaniif sodaatan maqaasaanii dhokfachuun Rooyitarsitti himaniiru.

Iddoowwan hedduutti daandiiwwan dhagaadhaan, mukaa fi wantoota adda addaan cufamuun sochiin geejjibaa gufachuu fi kanaanis sochiin magaalattii kan kanaan duraarra akkaan qabbanaa’uu namoonni ijaan argan himaniiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here