“Pirezidaantonni naannolee hundaa torban dhufu pirezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaatiin durfamuun Tigraay ni daaw’atu.
Sirni beekamtii qooda fudhattoota waliigaltee nageenyaa mataduree “Waraanni haa ga’u; Nagaa haa mirkaneessinu” jedhuun gaggeeffameera.
Sirnicharratti Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad haasawaa taasisaniin, torban dhufu keessaa taateeewwan gaggeeffaman keessaa mariin nageenyaa Shanee waliin taasifamuu Taanzaaniyaattii akka gaggeeffame himaniiru.
Kanas hawaasni godinaalee Wallaggaa boqonnaa akka argatuuf hunduu gumaachaa gamaasaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniru.



