“Har’arraa eegalee gurmaa’iinsi humna addaa jedhamu hinjiru” Fiildi Maarshaal Birhaanuu Julaa

0
391

Har’arraa eegalee gurmaa’iinsi humna addaa jedhamu kan hinjirre ta’uu Shuumiin Itaamaajoorii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa beeksisan.

Hojiin humna addaa naannolee dhaabbilee nageenyaa federaalaafi naannoleetti gurmeessuu bakka jeneraalonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaafi hoggantoonni olaanaan naannolee argamanitti qoratameera.

Humnoonni addaa naannolee irra deebiin gurmaa’uun dhaabbata cimaa sab-daneessa ijaaruuf kan gargaaru ta’uu Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa waltajjichaan ibsaniiru.

Itoophiyaan rakkoo nageenyaa keessaa saffisaan bahuu eeruun, mariin nageenyaa Piriitooriyaa haala gaariin hojiirra oolaa jiraachuu addeessaniiru.

Gurmaa’iinsi humna addaa naannolee ture seera qabeessa ta’uu dhabuun, naannolee gidduutti akka yaaddootti ilaalamuun akkasumas rakkoolee humnaan hiikuuf sochiin taasifamu gurmaa’iinsichi akka jijjiiramuuf dirqisiisuu eeraniiru.

Yeroo ammaa naannolee hundatti hojiin irra deebiin gurmeessuu cimee itti fufuu eeruun, har’a irraa eegalee gurmaa’iinsi humna addaa naannoo jedhamu kan hin jirre ta’uu dubbataniiru.

Caasaan nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaafi Poolisii naannoo ta’uu ibsuun, maqaa humna addaa naannootiin humni ergamas ta’e dirqama fudhatu kan hin jiraanne ta’uu addeessaniiru.

Kanaan booda bu’uura gurmaa’iinsa filataniin hojiin gara ramadamanitti geejjibsiisuufi leenjiitti galchuu kan hojjetamu ta’uu ibsuusaniru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here