Namoota yakkaan shakkaman seeraan gaafachuuf hojiin raawwatamu rakkisaa ta’aa akka dhufe himame

0
760

Namoota iddoowwan adda addaatti gochoota yakkaa raawwatan seeraan gaafachiisuuf carraaqqiin taasisaa jiru akka jalaa gufataa jiru abbaan alangee Federaalaa beeksiseera.
Itiyoophiyaatti sirni qorannoo yakkaa ragaa ijaa irratti kan erkate waan ta’eef rakkoo kana yaaddessaa akka taasise itti gaafatamaan pirees seekriitaariyaatii abbaa alangee waliigalaa Awwal Sulxaan Addis Maaladaatti himaniiru.

Yakoota iddoowwan gara garaatti raawwataman irratti jechi ragaa yoo kennamuu baate yakkamtoota adabsiisuun rakkisaa akka ta’u itti gaafatamtichi himaniiru. Yeroo darbe Naannoo Oromiyaa,Beeniishaangul Gumuuziifi naannolee birootti haleellaawwan raawwatamaniin miidhaawwan hedduun kan ga’an yoo ta’u adeemsa qorannoo yakkaatiin hawaasni ragaa jechaa waan kenneef namoonni gochoota yakkaa raawwatan dhibbentaan sagaltamni seeraan akka gaafataman taasifamee ture jedhaniiru.

Wayita ammaa garuu yakkoonni gareedhaan raawwataman duuba isaaniirraa walitti hidhamiinsa cimaa waan qabaniif yakkamtoota hatattamaan too’achuufi seeraan akka gaafataman taasisuun rakkisaa akka ta’e nutti himaniiru.

Abbaan alangee ejjennoo amma qabuun yakka iddoo kamittuu raawwatame,haala yakki ittiin raawwatame irratti ragaa gahaa argannaan murtee sirrii kennisiisuuf gahaadha jedhan.
Haata’u malee tumsi hawaasaa akka barbaadamutti yoo ta’uu baate namoota yakka raawwatan itti gaafatamoo taasisuuf rakkisaa ta’a jedhan Awwal.Kana malees hirmaannaan hawaasaa namoonni gocha yakkaa raawwatan itti gaafatamummaa seeraan qabaniif shoora ol’aanaa akka qabu hubachiisan.

Gochoota yakkaa raawwatamaa jiran wajjin yoo walbiraqabamee yoo ilaalamu lakkoofsi namoota itti gaafatamanii gadi aanaa ta’uusaa kan ibsan yoo ta’u yeroo ammaa akka waliigalaatti namoonni yakka raawwachuudhaan miliqan jiraachuu danda’u,garuu kan itti gaafatamummaa seeraa jalaa ba’u danda’u tokkollee waan hinjirreef dhimma yeroo ta’ee guyyaan itti gaafatamtoota ta’an nidhufa jedhaniiru.

Iddoowwan adda addaatti namoota kan ajjeesan,kan buqqisaniifi qabeenya irratti miidhaa kan geessisan adabbii seeraa barbaachisaa argachuunsaanii waan hin oolle akka ta’e hubachiisaniiru.Kanaanis balleessitoonni adabbii seeraa barbaachisaa akka argataniif abbaan alangee kan yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjechaa akka jiru nutti himaniiru.

Itti gaafatamtichi hookkara yeroo darbe Naannoo Oromiyaatti mudate keessatti shakkamtoota gochoota yakkaa gara garaa raawwatan irratti qorannoo taasisuuniifi eeruu hawaasaatiin godinaalee jaha keessatti shakamtoonni kuma 3 fi 300 seeraan akka gaafataman taasifamuu yaadachiisaniiru.

Namoota shan miseensa maatii tokkoo ta’an ajjeesuudhaaniifi qabeenya irratti miidhaa geessisuun himatamtoota gocha yakkaatti hirmaatan irratti manni murtee waliigalaa Oromiyaa adabbii hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa 20 ga’uufi adabbii maallaqaaa akka murteesses nutti himaniiru.

Kana malees Naannoo Beeniishaanguul Gumuuz godina Matakkal aanaa Daanguur ganda Dagaz jedhamu keessatti dhukaasa humnoota eenyummaan isaanii hin beekamneen banameen lubbuun namoota nagaa darbee,baay’oonnis qayeefi qabeenya isaaniirraa buqqa’uusaaniifi qabeenyis akka barbadaa’e yaadachiisaniiru.

Kanaan dura rakkoolee naannawa Wanbaraafi Buulanitti mudatanitti shiftoota hirmaatan shan irratti tarkaanfiin akka fudhatames himan. Kana malees humni tasgabbii dhiyeenya kana shakkamtoota 20 meeshaa waraanaa sadi wajjin too’annoo jala akka oolche yaadachiisuun,godinichatti hanga ammaatti shakkamtoonni hedduun too’annoo jala ooluudhaan murteedhaaf akka dhiyaatan eeraniiru.

Hawaasni tokkummaadhaan ejjennoo qabatee qaamolee seera kabajisiisan waliin ta’uudhaan yakkamtoota dabarsee kennuu akka qabu itti gaafatamaan pirees seekiitaariyaatii kun hubachiisaniiru.


ቅጽ 3 ቁጥር 139 ሠኔ 26 2013

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here