Dhiyeenya kana ijaarsisaanii xumuramee gara hojii omishaatti kan galan omishitoonni zayitii nyaataa sababa rakkoo dhiyeessii humnaatiin humna guutuu qabaniin omishaa akka hinjirre ibsan.
Induustiriiwwan zayitii nyaataa omishaniifi ijaarsisaanii xumuramee hojii jalqaban dhiyeessii humnaa argachuu waan hindandeenyeef kanneen tokko tokko sa’aatii guutuu Janareetaraan omishaa kan jiran yoo ta’u kanneen tokko tokko ammoo yeroo itti omishan irraa walakkaa Janareetaratti fayyadamaa akka jiran ibsaniiru.
Dhiyeenya kana warshaa zayitii omishu ijaaruudhaan hojii kan eegalan obbo Balaayinah Kindee sa’aatii warshaan isaanii fayyadamu keessaa walakkaan kan omishu humna Janareetaraatiin akka ta’e waltajjii marii ministeerri Daldalaafi Induustirii dhimma rakkoo omishitoota zayitii nyaataa irratti mari’achuuf waxabajjii 21 bara 2013 qopheesse irratti argamuudhaan dubbataniiru.
Warshaan zayitii nyaataa Fiibeellaa Magaalaa Bureetti ijaarameefi qabeenya obbo Balaayinah Kindee ta’e kun fedhii zayitii nyaataa Itiyoophiyaa dhibbentaan 60 akka guutu himameera.Warshichi baasii birrii biliyoona 4.5’n kan ijaarame yoo ta’u guyyaatti zayitii nyaataa toonii kuma 1fi 500 qulqulleessuufi guutuu kan danda’udha jedhameera.
Akka Obbo Balaayinah Kindee jedhanitti taanaan Induustiriiwwan zayitii nyaataa omishan gurguddoon damee kanatti yoo makamanis humna guutuudhaan omishuu hindandeenye.Rakkoolee jiran keessaa hanqinni dhiyeessii humnaa tokko yoo ta’u meeshaan dheedhiin omisha zayitii nyaataaf oolu midhaan zayitaa hanqachuunis kan eeramanidha jedhaniiru.
Waltajjii marii dhimma rakkoo omishitoota zayitii nyaataa irratti xiyyeeffachuun adeemsifame irratti zayitii xeenaa baka bu’uudhaan kan argaman Abrahaam Makonnin dhiyeenya kana warshaan zayitii nyataa haarawaan ’Induustirii aart kiraaft’jedhamu ijaaramee hojii yoo jalqabellee hanga yoonaatti dhiyeessii humnaa akka hinarganne eeraniiru.Kanaafuu warshichi Janareetaratti fayyadamuudhaan omishaa akka jiru ibsaniiru.Warshichi hojii haal-duree irraa eegamu xumuruudhaan lakkooftuu ibsaa galchus dhiyeessii humnaa argachuu akka hindandeenye dubbatan.
Ministeerichi omishitoota zayitii nyaataa wajjin wayita mari’atetti quu’annoon rakkoolee gurguddoo Induustiriiwwan omishitoota zayitii furuuf dhiyaate akka mul’isutti taanaan hanqinni dhiyeessiifi fedhii zayitii waggoota lamaan dhufanii bara 2014 dhibbentaan torba yoo ta’u bara 2015 ammoo dhibbentaan sagal ta’a jedhameera.Fedhiin zayitii nyaataa bara 2014 baatiitti leetiroo miliyoona 75.5 yoo ta’u waggaatti leetiroo milyoona 906.5 ta’a.
Rakkoon biroo quu’annicha irratti dhiyaate hanqina midhaan zayitaa yoo ta’u waggoota bara 2007 hanga 2012’tti walumaagalatti lafa akka biyyaatti midhaaniin misoome keessaa midhaan zayitaa omishuun kan danda’ame jiddu galaan dhibbentaan 6 qofaadha.
Midhaan zayitaa lafa kana irratti omishamu midhaan sadarkaa guutuu biyyaatiin omishamu keessaa jiddu galaan dhibbentaan 2.7 qofa kan qabatudha.Kanaafuu omishitoota zayitii nyaataa hanqinni dhiyeessii midhaan zayitaa ol’aanaan akka mudateen ibsameera.Kana booda omishitoonni omishasaanii irratti gatii dabaluuf akka dirqaman eeraniiru.
Warshaaleen zayitii nyaataa humni waggaatti omishuuf qaban leetiroo miliyoona 89 irraa gara leetiroo biiliyoona 1.25 dabaluun akka danda’ame kan eerame yoo ta’u milkaa’inni damee Kanaan argame fedhii zayitii humna ofiitiin kan guutudha jedhameera.Warshaawwan zayitii nyaataa humni omishuuf qaban dabalus sababa rakkoolee mudataniitiin humnaa gadi omishaa jiru.
Fedhiin zayitii nyaataa waliigalaa omisha biyya keessaatiin dhibbentaan 5 irraa gara dhibbentaan 40 guddisuun akka danda’ame kan ibsame yoo ta’u Itiyoophiyaan haala hanga yoonaatti jiruun dhiyeessii zayitii nyaataa dhibbentaan 60 kan guuttu biyya alaa irraa galchuudhaan akka ta’e himameera.
Home Afaan Oromoo Oduu Aboolii Omishtoonni zayitii nyaataa haarawaan hojii eegalan dhiyeessii humnaatiin rakkachaa akka jiran ibsan


