Mootummaan ce’uumsaa Naannoo Oromiyaatti nihundeeffama jedhame fudhatama hinqabu jedhame

0
638

ABOfi KFO’n Naannoo Oromiyaatti mootummaa ce’uumsaa nihundeessina jechuun isaanii fudhatama qabaachuu akka hindandeenye biiroon komunikeeshinii mootummaa naannichaa ibseera.

Gara taayitaa dhufuufi mootummaa hundeessuun kan danda’amu filannoo qofaadhaani,kan jedhan hoogganaa biiroo dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Getaachoo Baalchaati.

Hoogganaan biirichaa Addis Maaladaatti akka himanitti Mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti murteessuu kan danda’u ummata naannichaa qofadha.
Akka isaan jedhanitti ABO ta’e KFO’n mootummaa hundeessuuf sagalee ummataa argachuun dirqamadha.

Paartiiwwan lamaan kanaan duras mootummaa barbaadan yoo hundeessan,yoo diigan yoo kaasanii kuffisan muuxannoo ittiin dhufan akka qaban kan ibsan hoogganaan biirichaa waan haarawa uumuu waan hindandeenyeef naannichaaf yaaddoo hinta’an jedhan.

Haala sagalee ummataa caalmaa qabu hin argannetti ummata naannootiif dhaabbanna jechuun ummanni naannichaa cunqurfameera jechuun fincilaaf kakaasuufi mootummaa ce’uumsaa hundeessuuf yaaduun abjuudha.Ummanni nagaadhaan akka hinjiraanneefi tasgabbii akka hinqabaanneef ABOfi KFO’n hojjechaa akka jiran hoogganichi himaniiru.

Ummanni Naannoo Oromiyaa nagaa barbaada kan jedhan hoogganaan biirichaa nagaa argamsiisuufi amansiisaa taasisuun kan danda’amu ummanni mootummaa filateen yoo bulu qofa akka ta’e hubachiisaniiru.

Kana dhugoomsuufis filannoon guutuu biyyaa marsaa 6ffaan naannichatti karaa nagaatiin adeemsifamuun akka xumurame ibsuun paartiin moo’ate Boodii Filannoo Itiyoophiyaatiin adda baafamuun mootummaan hanga hundaa’utti eegamaa akka jirus himan.

Kanaan alatti akka heera mootummaa irra taa’ee jirutti filannoodhaan ala mootummaa ce’uumsaa hundeessuufi karaa qaxxaa muraatiin taayitaa qabachuuf yaaduunuu yakkadha.Gocha akka kanaa raawwachuun ummata paartii naaf ta’a jechuun kutannoon ba’ee filate tuffachuu akka ta’es hubachiisan.

Naannichi haala amma irratti argamuun mootummaa ce’uumsaa hin barbaadu kan jedhan obbo Getaachoon kana cabsuudhaan yaadi ce’uumsaa fudhatama akka hinqabne himan.
ABOfi KFO’n gamasaaniitiin filannoon guutuu biyyaa marsaa 6ffaan ulaagaa kamiiniyyuu fudhatama kan hinqabne ta’uusaafi Naannoo Oromiyaatti filannichi kan dorgommii utuu hintaane qofuma gulufuu ture jechuun mormaniiru.

Paartiiwwan kun ibsa baasaniin filannichi paartiiwwan Oromoo,ABO fi KFO’n dhiibamanii kan keessaa ba’an,kana malees hooggantoonni,miseensonniifi deeggartoonni isaanii hidhaarra utuu jiranuu kan adeemsifame ture jedhaniiru.

Adeemsa filannichaatiin waajjiraaleen paartiiwwan lamaanii haala guutummaatti jedhamuun akka cufamaniifi paartiiwwan kun filannichi haqa qabeessa akka ta’uuf waan danda’an hunda gochaa akka turan eeraniiru.

Filannoon fudhatama hinqabne furmaata ta’uu akka hindandeenye eeruudhaan falli mootummaan yeroo dhaabbileefi paartilee keessaa walitti baba’e akka hundeeffamuuf yaada dhiyeessaniiru.

Kanaaf ABO fi KFO’n haala siyaasaa biyyattii amma jiru gadi fageenyaan erga xiinxalanii booda hayyootaafi ummata wajjin mari’achuun mootummaa ce’uumsaa naannoo Oromiyaa hundeessaniiru jechuun labsii mootummaa ce’uumsaa baasaniiru.

Ibsa isaaniitiin mootummaan ummataa fedhii ummataatiin hanga hundeeffamutti mootummaan ce’uumsaa waggoota sadiif turu hundeeffameera jedhaniiru.


አዲስ ማለዳ 03 Adoolessa 2013 No 3

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here