Dhimmichi sababa du’a namootaa ta’aa jira jedhameera
Naannoo Oromiyaa Magaalaa Sabbataatti namoonni abbootii qabiyyee irraa lafa bitatan qaamolee gurmaa’aniin kaffaltii dabalataa akka kaffalaniif dirqamaa akka jiran Addis Maaladaatti himaniiru.
Magaalaa Sabbataatti namoonni karaa seera qabeessaan abbootii qabiyyee irraa lafa bitan qaamolee magaalichatti gurmaa’aniin kaffaltii dabalataaf dararamaaf saaxilamaa kan jiran ta’us qaamni rakkoo kana ittisu akka hin arganne eeraniiru.Namoonni karaa seera qabeessa ta’een iddoo bitan ‘qaamolee seeraan ala gurmaa’aniifi kan meeshaa hidhatanidha’ jedhamaniin mana ijaarrachuufi dalleessuuf yeroo socho’an birrii kaffaltan malee hinhojjettan jechuun dirqamsiisuun akka kaffalchiisaniin beeksisaniiru.
Komattoonni komiisaanii Addis Maaladaatti dhiyeeffatan akka jedhanitti taanaan abbootii qabiyyee irraa yeroo bitanitti bulchiinsi Magaalaa Sabbataa dhimmicha beekus qaamolee gurmaa’aniin birrii akka kaffalaniif kan dirqaman ta’uusaaniifi akka doorsifaman irra deddeebiidhaan yoohimanis rakkoon kun furmaata argachuu akka hindandeenye himan.
Magaalaa Sabbataatti jiraattonni rakkoo kanaaf saaxilaman.Sabbataatti mootummaan eenyu akka ta’e hinbeekamu.Gochi jiraattoota magaalaa irratti raawwatamaa jiru qaamoleen gurmaa’anii socho’an mootummaa akka fakkaatan taasiseera jechuun ibsaniiru.Jiraattoonni magaalaa waliigaltee seera qabeessa mootummaan beekuun lafa erga bitanii boodadha qaamoleen gurmaa’an jedhaman seera qabeessa miti birrii kaffaltan malee hojjechuu hindandeessan jechuun akka kaffalamu taasisu jedhameera.
Namoonni qaamolee gurmaa’aniin gaafatamanii hinkaffallu jedhan reebichaafi doorsifni akka irra ga’u ibsameera.Addis Maaladaan kanneen konii dhiyeessan irraa akka dhageessetti gocha kanaan lubbuun namootaa darbee jira.
Fakkeenyaaf waxabajjii 28 bara 2013 magaalaa Sabbataa ganda 03 naannawa daayaaspooraa jedhamutti namoonni namoota dhuunfaa irraa iddoo mana itti ijaarratan bitan mana ijaaruuf wayita socho’an qaamoleen gurmaa’an akka reebaniin dhaga’meera.Guyyaa kana iddoo bitatanitti mana ijaaruuf wayita socho’an kanneen dararaman keessaa namni Alamaayyoo Tuussaa jedhaman haadha warraa isaanii wajjin midhamuun isaani kan eeramudha.
Nami kun maallaqa gaafataman hinkaffalu waan jedhaniif qaamolee gurmaa’aniin wayita reebaman mucaan isaanii waggaa 18 guute aariidhaan bishaan keessa seenuun akka du’edha kan himame.
Dargaggoon du’e Heenook Alamaayyoo kan jedhamu yoo ta’u dhiyeenya kana qoruumsa kutaa 8ffaa fudhachuun baruumsa bara dhufuutiif bu’aa eeggachaa ture.
Jiraattoonni magaalaa Sabbataa Addis Maaladaa wajjin turtii taasisan akka jedhanitti magaalaa Sabbataatti dhimmuma kana wajjin walqabatee bara 2012 keessa lubbuun namoota saddeetii darbeera.Akka jiraattoonni jedhanitti rakkoo jiru bulchiinsa magaalaatti irra deddebi’uudhaan yoo beeksisanis hanga ammaatti deebiin waan hinargamneef baay’ootatti yaaddoo ta’eera.
Qaamoleen seeraan ala gurmaa’anii jiraattoota rakkisaa jiran kasaaraa qabeenyaa irraa eegalee hanga lubbuu balleessuutti miidhaa geessisaa waan jiraniif jirattoonni dhimmicha gara dhaabbilee mirga namoomaatti geeffachuu akka barbaadan hubatameera.
Addis Maaladaan dhimmicha kanneen komii dhageessisan irraa erga dhageessee booda bulchiinsa Magaalaa Sabbataa irraa deebii argachuuf irra deddeebiidhaan yaaltus milkaa’uu hindandeenye.
አዲስ ማለዳ 03 Adoolessa 2013 No 3



