Filannoo waliin walqabatee namoota 200 ol irratti himatni dhiyaate

0
666

Yakka filannoo duraafi filannoo boodaafi wayita filannoo raawwatameera jadhameen Wal qabatee biyyattiitti waliigalaan namoota 200 irratti himatni dhiyaachuusaa abbaan alangaa waliigalaa Fedaraalaa beeksiseera.

Labsii filannoo keewwata 1162 yookan seera yakkaan sirnnawwan muurtaa’an namoota darbanii argaman hojiin gaafatamoo taasisuu akka hojjjetamu itti gaafatamaan prees seekiretariiyaatii Abbaa alangaa fedaraalaa Awwal Suulxaan Addis Maaladaatti himaniiru.

Kanaaniis yakkawwan filannicha waliin walqabatanii raawwataman poolisii fedaraalaa komishinii poolisii naannolee waliin ta’uudhaan hojjachaa turuusaa itti gaafatamttichii himaniiru.
Keessumaa Finfinnee kuutaalee magaalaa hundatti akkasumas bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa babalatee waajjira Abbaa alangaa ramaddi 11 jiraniitti waliin yakkawwan filannoo waliin Wal qabatan hordofaa turaniiru.

Filannoo biyyaalessaa waxabajjii 14/2013 gaggeeffameen biyyattii naannolee tokko tokkotti dhabamuu tasgabbii muraafni mul’atee akka ture itti gaafatamtichi kaasaniiru.
Kanaanis yakkawwan filannicha waliin walqabatanii raawwataman poolisii fedaraalaafi komishinii poolisii naannolee waliin ta’uudhaan hojjechaa turuusaa itti gaafatamttichi himaniiru.
Kana waliin wal qabatee walumaa galatti yeroodhaaf namoota 200 ta’án irratti himatni banamuusaa kan dubbatan Awwal yakkawan raawwataman sadiitti adda baasanii kaásaniiru.
Tokkofaatiin filannicha hordofee biyyattii iddowwan tokko tokkotti namooti lubbuu namaa balleessan irratti himatni banamuu ibsaniiru.

Akka fakkenyaatti naannoo Amaaraatti jeequmsa filannoo waliin walqabatee miseensii poliisii tokko ajjefamuu kaasanii hidhattonni miidhaa kana raawwatan to’ánnaa jala oluusaanii dubataniiru.

Lammaffaammoo namootiin adeemsa filannichaa gufachiisuuf bakka filannoon gaggefametti jequmsa uumuudhaaf yaalan akkasumas raawachiifttonni filannoo hojii isaanii sirnaan akka hin hojjenne kan taasiisan ta’uú hubachiisaniiru.

Sadarkaa sadafaatiinimmoo walii galaan amma ragaan kun qindaa’ee namootii himatni itti baname dhibba lamman keessaa harka dhibba keessaa 80 warreen waraqaaleefi poostaroota maxxanfaman ciccirandha.

Karaa biraa sadarkaa arfaffaatiin warreen himannichi irratti baname filannoon gaggeefamuuf guyyaa afur yammuu hafu dadammaqsa filannaa gaggeesuun dhorkamee utuu jiruu seera kanaaf kaá’amee darbuudhaan dadammaqsa kan taasisan akka ta’an itti gaafatamttichi himaniiru.


አዲስ ማለዳ 03 Adoolessa 2013 No 3

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here