L awuutoo injiinariing konkkoolaattota duubatti harkiifachuu isaaniitiin komeen iratti ka’ee biyya keessa galchuusaa ibse

0
746

L awuutoo injiinariing naannoo Oromiyaatti maamiiltoota koonkoolaataa bituudhaaf waadaa seenanii marsaa jalqabaatiin akkawuntii socho’uun mahaalaqa gallchaniif konkoolaattota galchee maamiltootaaf dabarsuuf ta’uu ibse.

Naanno Oromiyaatti namootiin 500 waldaa itti gaafatamnni isaa murta’aa L awuutoo jadhamu karaa biiroo interpiraayiziifii daldala oromiyaa konkoolaataa bituudhaaf kafaltii duraa birrii kuuma dhibba sadii yoo kafalaniis akkaataa waadaa isaaniitiin koonkoolaataan akka hin dhiyaannef warren koonkoolaataa bituudhaaf mahaalaqa kafalan addis maaladaatti hiimuunsaanii niiyaadatama.

L awutoo injiinariing konkoolaattota tuuruu isaaniitiin komeen iratti dhiyaatee biyyatti galchee maamiltootaaf keennuf adeemsarra jiraachuusaa ibsee ture.Dhaabatiichii jalqaba torbee darbee kafaltii marsaa jalqabaa jachuuniis birrii kuma dhibba sadii ereega socho’aatti warreen galchaniif konkoolattota 45 kennuuf doonii googaa moojoo galchuusaa hojjii raawachiisaa ola’anaa L awuutoo obbo Baqqalaa Abbabaa addis maaladaatti himaniiruu.

Konkoolaattonni marsaa lamafaadhaan galan 138 ta’uu isaanii kan ibsan hoojji raawachiisaa ola’anaan kuun koonkoolaattoota hafan galchuudhaaf deemsawwan raawatamuu qaban raawwachaa jiraachuu isaanii eeraniiruu.

Koonkoolaatoota bituudhaaf warreen marsaa jalqabaan qarshii kuma dhibba sadii galii taasiisan akkawuuntii lamaan ta’u kan ibsan hojjii raawachiisaa ola’anaan kuun akkaawuuntiin inni jalqabaa cuufaa waan ta’eef ama yoonaa mahaalaqiichii hinsochonee jadhaniiru.

akkawuuntiin inni lammataa kan socho’uu yammu ta’u konkkolaattonni amma galan warreen kafaltiisaanii duraa akkawuuntii socho’aatiin kafalaniidha jadhameera.Akkawuuntii lammataan jachuuniis akkawuuntii cuufaatiin warreen mahaalaqa galchan mahalaqiicha gara akkaawuuntii socho’aatti yoo naanneessuu baatan konkoolaattota kana galchuun akka hin danda’amnee ibsameera.

Dhaabbanni dhiyeesuu kuun mahaalaqa kana yoo sochoosuu baatee konkolaattota kana bituu akka hin danddenyee hojji raawachiisaa ola’anaan kuun dubataniiru.Konkkolaattonni amma doonii gogaa Moojoo jiran kan mamiiltoota akkawuuntii socho’aadhaan galchanii ta’uusaanii kan ibsamee yammu ta’u kan bitamaniis mahaalaquuma isaaniitiiniidha jadhameera.

L awuutoo irraa konkkolaataa bituudhaaf walii galanii kafaltii marsaa jalqabaa kanneen raaawwatan namoota 500 gidduudhaa kafaltii marsaa jalqabaa akkawuuntii socho’aatiin kan birrii kuma dhibba sadiitti kuma dhibba lamaaf shantama dabalanii galchuudhaan konkkolaataa isaanii akkataa wal duuraa duubaasaatiin fudhachuu danda’uu jadhaniiru hojjii raawachiisaa ola’anaan kuun
Maamiilttonni L awuutoo injiinariingi irraa konkoolaataa bituudhaaf walii malattessan qarshii kuuma 250 dabalata kafaluudhaan konkoolaattota isaani akka fudhatan dhaabbatiichii torbee darbe Hagayya 5 2013 maree biiroo daldalaaf interprayiizii Oromiiyaa waliin wali galteerra ga’amuusaa ibseera.

Maamilttonni L awuutoo irraa konkkolaattota bituudhaaf mahaalaqa birrii kuma dhibba sadii kafalan birrii kuma dhibba lamaaf shantama dabalanii waluumaa galatti birrii kuma dhibba shaniifii shantama kafaltii duuraa akka kafalan murta’eera.Kuun kan murtaa’ee warreen konkkoolaataa bitaniif dhabbata fichiisiisuu giddutti walii galtteen yammu malattefamuu konkkolaattonni ashuurarraa biliisa kan jadhuun turee ammammo konkkolaattonni ashuurrii ijaa itti kafalameedha jadhameera.

karaa biiroo industriifii intrpraayzii Oromiyaa namootiin konkkolaataa bituuf humnasaa qaban adda baafamanii karaa l awuutoo konkkolaattonni akka dhiiyaatan walii galamee akka turee kan yaadatamuudha.kanuumaaniis muuddee 5 bara 2013 namootiin konkoolaataa bituu barbaadaniifii l awuutoo injiinariing walii galtte bittafii gurgurttaa walii malattessanii ture.


አዲስ ማለዳ 24 Adoolessa 2013 No 8

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here