Danbiin Taarifaa fooyya’e meeshaalee waraanaa bilisaan galchuuf kan hayyamu akka ta’e himame

0
1310

Danbiin taarifaa fooyya’e meeshaaleen waraanaa loltummaa jechuunis qawwee.rookkettii,laawunchariifi meeshaalee ibidda tufan ashuuraa irraa bilisa ta’anii akka galaniif kan hayyamu akka ta’e ibsameera.

Ministeerri ittisaa,dhaabbileen poolisii naannoofi Federaalaa,dhaabbileen nageenya ummataa meeshaalee waraanaafi wantoota jijjiirraaf ta’an gara biyya keessaatti galchan bilisaan akka galchaniif fooyyessi taasifame nihayyama.

Biyyi teenya haala qababatamaa amma irra jirtu irraa ka’uudhaan meeshaalee waraanaa gara biyya keessaatti galchuuf fedhiin jira.Meeshaaleen waraanaa gurguddoofi xixixqqaan ashuuraan dhibbentaan shanii hanga kudhanii akka itti murtaa’uuf qajeelfamni ajaju akka fooyya’u taasisuudhaan bilisaan akka galfamaniif fooyyessi taasifame mul’iseera.

Meeshaalee waraanaa kanneen biroofi boombii harkaa,meeshaalee dhoo’aniifi rasaasawwan qadaada qaban ammoo hanga dhibbentaan 35 akka ashuuramaniif murteeffamee ture.
Qajeelfamoonni turan yoo fooyya’an ka’uumsa ofii qaban kan jedhan gorsaan tajaajila seeraa Saamu’eel Girmaa ol’aantummaadhaan daldala ba’ii ilaalchisuudhaan meeshaalee biyya keessa galfaman ilaalchisuun ashuuraa guumruukaa kaffaluudhaan haala diinagdee biyyattii ol dabaluufi gadi buusuuf hojjetama jedhaniiru.

Danbiin taarifaa waggoota lama booda fooyyeffame kun meeshaalee gara biyyaa galfaman irratti ashuuraan murteeffamu haala gabaa addunyaa irratti hundaa’uun kan raawwatame akka ta’e Saamu’eel eeraniiru.

Tartiiba maqaa meeshaalee gara garaa gara biyya keessaatti galfaman kan qabate danbiin fooyyessa taarifaa fuula 357 qabu meeshaaleen ashuuraadhaan ala galan akka jiraatan taasifameera.Meeshaaleen bu’uraa ashuuramaa turan bilisaan akka galfamaniif filmaannis qophaa’eera.

Gogaawwan beeyiladaa gara garaa gara biyya keessaatti bilisaan akka galan kan taasissu fooyyeessi haarawaan gogaan qophaa’e ammoo hanga dhibbentaan 25’tti akka ashuuramu ibsa.Omishawwan 90 ol gara biyya keessaatti galfaman irratti galiin ashuuraa kan sirraa’e yoo ta’u kanneen keessaa akkaatuma duraatiin kan itti fufaniifi omishawwan hir’ifaman akka jiran eerameera.

Ashuuraan galii kan hir’ifamu ol’aantummaadhaan qaal’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf yaaduudhaan akka ta’e kan himan Saamu’eel kaffaltiiwwan sababa gara garaatiin kaffalaman ilaalcha keessa galchuun kan hir’ifaman akka jiran beeksisaniiru.

Meeshaalee biyya alaa iraa galfaman irratti ashuuraa galiitiin ala ashuuraa eeksaayiz,akkasumas baasiin imalchiisuu waan jiruuf fooyyessa taasisuun barbaachisaa akka ta’e Saamu’eel himaniiru.
Qaala’iinsi jireenyaa,haalla waqtaawaan biyyattiifi hanqinni doolaaraa jiraachuunsaa galiin ashuuraa akka fooyya’uuf sababadha jedhameera.

Omishawwan haala jireenya hawaasummaa namootaa nifaallessu jedhaman keessaa dhugaatiifi Sigaaraa irratti ashuuraan guddaan akka dabalu taasifama kan jedhan Saamu’eel sababiin kanaa ammoo fayyaa hawaasaa eeguu akka ta’e ibsaniiru.


አዲስ ማለዳ 15 Adoolessa 2013 No 8

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here