Hongee Booranaatti mudateen bineeldonni jaalatamoo balaadhaaf saaxiluun isaanii ibsame

0
562

Sababii hongee Boranaatti uumameen bineeldonni jaalatamoo paarkii Biyyaaleessaa Boranaatti argaman balaaf saaxiluun isaanii ibsame. Sababiin hongee kanaa naannichatti naannichattihiri’innii nyaata beeladaa fii bishaanii ol’aanaan waan jiruuf bineeldonni kun balaadhaaf saaxiluun isaanii dhaga’ameera.

Daayireektarri paarkiiwwaniifiibineeldoota naannoo Oromiyaa MahaammadNuur Jamaal Addis Maaladaaf akka ibsa niitii Afrikaa bahaatti ItiyoophiyaafiKeeniyaa qofaatti kan argaman sanyiiwwan Harreedidoo gara caaluu paarkii Biyyaaleessaa Boranaatti akka argaman eeranii amma sababiin hongee naannicha jiru bineeldonni kun hiri’innii bishaanii akka isaan mudatemul’isaniiru.

Naannoo kanaafi Afriikaa bahaan ala biyya kanbirraatti kan hin argamne bineeldootakanatti balaaf saaxilee jira kan jedhan daayireektarichibineeldonni kun hongee yeroo daddabalamaa godinichatti mudachuunhongee kana kan baraniifiibeledota caalaa hongee dandamachaa akka jiran amma garu bishaan barbaacha paarkicha keessaa ba’u jalqabanii jechuudhaan dubbataniiru.
Godinichatti bineeldonni kun kan argaman paarkii biyyaalessa Boranaatti yammu ta’u HarreedidooLeencaArbaafii bineeldonni hosiisan gara 42 ta’an paarkicha keessa jiru jedhameera. Akkasumas paarkicha keessa sanyiiwwansimbira 286 ga’an kan jiran yammu ta’u kanneen keessaa afur simbira jaalatamoo ta’uun isaanii mul’ateera.

Daayireektarichibiqiltonnii paarkicha keessa jiran gara caaluu qileensa gammoojjii ta’u isaanii eeranii amma margii paarkicha keessa jiruu goguu isaa ibsaniiru.Kunis isaan marga nyaatanii ala bineeldoota warreen biraa miidhuu isaa mul’isaniiru.

Daayireektarichiwayiita ammaa bineeldootaaf hordoffiin ga’a taasifameefi akka jiru eeranii hawaasninaannichaaiddo guyyaa beledootaaf bishaan ka’u irra bineeldootafis bishaan ka’a jiraachuu isaafi kanaanisbineeldonnidu’an akka hin jirree kaasaniiru.

Gara fuula duraattis godinichatti bishaan ga’an akka jiraatuu qorannoo gaggeeffamu keessatti bineeldoota tilmaama keessa akka galchu taasisuudhaan bakka jireenyaa isaanii itu jiranii bishaan akka argatan yoo mijatee yaaddoon nigodaanuujadhuu akka hin jiraanne kaasanii bifa biraatiin bineeldonni Keeniyaatti argaman gara biyya kenyaa galuu akka danda’an daayireektarichi ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa godina Boranaatti waggaa darbeefii barana roobnii ga’a jiraachuu dhabuu isaatiin hongeen mudates gara fuladuraattis itti fufu akka danda’u mul’ateera amma iddo iddootti Roobni addaan ciccituu kan roobuu ta’uus roobniikan argamuu Fulbaanaa amma Sadaasaatti baatilee jiranitti kan turan ta’us yeroo kanattiRoobni ga’a ijaa hin roobnee hongeen kun dheerachuu danda’uu isaati himamee.

Kana tilmaama keessa galchuudhaaniisbineeldootafkantaasifamuu cinaatti bineeldoota fiis bishaaniifi nyaata dhiyeessuudhaan sochiin taasiifamaa jiraachuu daayireektarichimul’isaniiru.Yoo furmaatnii ka’amufiibaate bineeldoota irattii miidhaa ol’aanaa kangeesisee hongeen kun bineeldoota irattiis akkasuma miidhaa geessisa jedhamee yaada’amera.

Bara 2005tti kanhundeeffamees paarkiin biyyaalessaBooranaa lafa kiloo meetira 3741 kan uwwisuu yammu ta’u sanyiiwwan simbira fibineeldoota jaalatamoo garagaraa kan uf keessatti qabateedha.Sababii vaayirasii Koronaa hawwatnii turistii kanaan dura qorree ture amma rakkoo tasgabbii jiruun addaan cituun isaa beekuundanda’ameera.


አዲስ ማለዳ 25 Sadaasa 2014 No 24

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here