Ijoolleen akka lafa misoomaa Qonnaaf qophaa’eetti. Maatiin hawaasni biyyaafi dhaloonnii ammoo sanyii gaarii akka facaasan qonnaan bultoota eegamaniidha. Ijaarii eenyummaa dhaloota biyya fudhatu kan jalqabuu lafa misoomaa yaroo daa’imummaa irra jiruu irratti sanyii gaarii facaasuu dhaanii. Biyya keenyatti dhugaa kana ammam habanera laata? Dhaabbanni tola ooltummaa ‘’Tayaayizan Itiyoophiyaa’’ dhimma kana hojii koo jedhee hojjachaa jira.
Dhaabbanni tola ooltummaa kun dhaloonnii haarawa waan danda’uuf waan qabuu lammii isaafi biyya isaaf sababiin tokko maleetiif garaa garummaa tokko malee eeyyamaafi gaarummaadhaan kennu haa baratuu. yaada jedhu qabatera. Ijoolleen arjomtotaaf keenitoota akka ta’an duudhaa kana keessa jiru akka hubatanii taasisuudhaan ofittuummaa of jaalattummaa akkasumas faayidaa barbaachuu akka of irraa maqsan taasisuu faallaa isaatiin ammo miira gara laafiinaafii namoomaa akasumas biyya jaalachuu akka gabbifatan dandeessisu un galma isaatii. Kana taasiisuufiis ijoolee umuriin isaanii waggaa 6 amma 15 jiru manneetii barnootaa kessatti argaman keessatti barumsa idilee cinaatti faayidaa arjoomuun qabuu karaa garaa garaa qabsiisuudhaan hubachiisuu daandii filatamaa taasiisee filatee.
Haalli kun bara 2013 dabarsine manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa Niiroos Adaamaa yaalii taasiisee bu’aan gaariin itti argameera. Kana hordofee sochiin isaa sadarkaa gutuu biyyaatti ijoollee daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman dhaqqabuudhaan bifa warraaqsan hojii irra oluun isaa ifa kan taasiifamee.
Sadaasa 16 bara 2014 Sanyiin dhaabbatichi kennuu seensa 2014 jedhuun sagantaan jalqabsiisuuf waraaqsaafi ibsa Gaazexeessummaa deemsiiseera. Waltajjii kana irratti kessummoonni waamichi taasifameef garaa garaa kan argaman yammuu ta’u dabalataa niis namootiin beekamoo deggartootaa kaayyoo kanaa ta’anii sagantiicha irattii hirmaataniiru.
Qophii kana irratti yaada burqisiisaa dhimmichaa kan ta’an Misgaanaaw Taaddasa haasawa taasisaniin Pirojektii kana qopheessuudhaan kan isaan kakaasee maal akka ta’ee bal’inaan ibsaniiru. Ibsa isaaniitiin sochii kana jalqabsiisuuf itti fufuu wantootii sababiin isaanii ta’an gidduudha tokko haala qabatamaa biyyattii ammaatti. Isaan akka jedhanitti rakkooleen biyyaatti ammaa misooma sammuu caalaa badhaadhina dinagdee irattii qofa xiyyeefatama isaatiin kan dhufeedha.
Isaan akka nama dhuunfaatti rakkoolee kanaaf furmaata fidanii gara dhaloota ittii aanuutti ittu hin ca’in amma yaalii barbaachisaa taasisuudhaan hanbisuun akka waan borif hin jedhamee ta’uu isaa hubachuu isaanii eeruu. Kanaaniis naamusa ijoollee ol adeemtuu irratti hojjechuun kan dandeessisu Pirojektii tokko qopheessinee yalii jalqabaaf naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti hojii irra oolchaniiru. ammas manneetii barnootaa sadarkaa tokkoffaa guutuu biyyattiitti argamuutti hojii irra oolchuuf socho’aa akka jiran beeksisaniiru.
Projaktichi ol’aantummaa dhaan ibsama naamusa kan ta’ee keessaa tokko kennuu irattii kan xiyyefatedha. Kuniis da’iimman goodaa jalqabanii akka wal jaalatan taasiisuuf kennaa amma akka mala tokkotti fayyadamuu deemsa yaadeedha. Yaadni gaariin kun deeggarsa guddaa argateera. Namootiin bebbekamoo ta’aniis qaama warraaqsa kanaa ta’uudhaan walii galanii itti makamaniiru.
Dhaabbanni miseensota boordii torba of keessatti qabuu hoggantoonni isaa Kumaalaa Daraartuu Tulluu fii Artist Saraawwiit Fiqiree dha. Namootiin beekamoo kun projaktiicha wal taasisuufi deeggaruu dhaan gamatti manneetii barnootaa ijoolleen heddumminaan argaman deemuudhaan muxannoo qabaniif dhiimoolee gaarii irratti ijoolee kanaaf yaada qooduu isa s akka hojii ira tolchanii akka jajjabaatan taasisuun.
Namootii beekamoo kanatti dabalee qaamooleen mootummaa garaa garaa hirmaattota taasisuu Ministeerri dhimma dubartootaa da’iimaniifii hawaasummaa Ministeerri nageenyaa akkasumas Biiroon barnootaa Oromiyaa jalqabuuma irraa kaasanii deggartootaa akka ta’an Waltajjichi irratti himameera.
Sadaasa darbee gaafa 16 bara 2014 waltajjii qophaa’ee ture irratti namootiin kaayyoo kana deeggaran argamanii muxannoo isaanii gaarii qoodaniiru. Kanneen keessaa artist Ingidaa Saw Habtee hiriiyoota ogummaa isaa bakka bu’e wayee barbaachifttummaa projaktiichaa hubachiiseera.
Ingidaa Saw projaktichii hojii irra akka oluu warreen ittu hin nuffiin waggaa sadii ol hojjataniif galata dhiyeesseera. Ittii dabalees Ijoollee daa’imman barumsa idilee cinatti barnoota naamusa idileedhaan haala maloti garaa garaan akka kennamuuf yoo taasifamu baate bu’aan isaa ijaaramaa diiguuf ta’a .Kanaafis daa’imman gochoota gaarii hin taanee keessa jiran humna qaban baasanii akka fayyadaman boor bakka yaadan ga’anii biyyaafi ummataaf waan fayyaduu akka hojatan gargaaruun barbaachisaadha jedheera.
Ittii dabaluudhaanis kennu yammu jedhamuu maallaqa qofa akka hin taanee mul’iseera. Namootiin gurguddoo namoota heddu biratti jaalatamaa ta’an beekamtu mmaa isaanii fayyadamuudhaan ijoollee kanaaf kitaaba dubbisuudhaan muuxannoo qaban qooduudhaan waan gaarii barsiisuu dhaan tajaajiluu akka malu kaaseera. Beekumsa keenyaan yoo tajaajiluu banneefii yeroo Kenya kennuu yoo dandeenyee sababiin geeddarumsaa hin fidneef hinjiru jachuudhaanis dubbateera.
Deggartootaa kaayyoo dhaabbatichaa gidduudha Artist Yigaram Dajanee isa tokkodha. Yigaram wayee projaktiichaa yammuu dubbatu haala qabatamaa amma biyya keenya jiruun wantoonni gaggaarii mul’achuuf miira nammoota hawwachuu irratti haalli qaban xiqqoo ta’u dubbateera. Sabqunamtniis Sochiiwwan jijjiirama fidan dhiisanii ragaa diigaa ta’an irratti xiyyeeffachuu isaanii eera Sababii kanaa projaktichii xiyyeeffannaa akka dhabee hubachiiseera.
Itti dabalees sochiin kuun gaariifi siirri ta’u isaa eeruudhaan yaaddo qabuus kaaseera. Keessumaa Naamusaafi amala gaarii kennaa waii kennu irratti bureefatanii barsiisuu gaarii ta’e garuu ammoo dhimma sinsinniin yaroo tokko qofa ta’e akka hin hafnee yaaddoo qabuu ta’u isaa hubachiiseera.
Dabalataanis jijjiirama guddaafi sirrii ta’e fiduudhaan daa’imman qofa irratti hojjechuun ga’a miti jedha. Da’iimaniifii maatii caalaa kan itti dhiyaateefii dhibba irattii uumuu danda’u hinjiru kanaaf daa’imman irratti hojjechuun akkuma jirutti ta’e maatii irrattis xiyyffatamuun barbaachisaadha jechuudhaan hubachiiseera.
Misgaanaaw akka jedhanitti ijoollee daa’imman naamusa gaariidhaan bocamee guddisuun dhima mootummaa qofaa irratti dhiifame miti. Waan gaarii dhalootattii dhaalchisuu lamiileen barbaadan as irattii hirmaachuuf qabuu. jadhaniiru. Akkasumas dhaabbileen mootumummaa fii miti mootummaa waldaaleen dhaabbileen tola ooltoota namootiin dhuunfaa waldaaleen daldalaa abbootiin qabeenyaa qondaalttonni hayyuun seera baaftonnii seera raawwachiiftuu hojii daa’imman abdii biyyaa borii irratti itti gaafataman hojjechuu kan qaban ta’u isaanii eeraniiru.
Projaktiin ‘’Sanyii kennamuu 2014’’dhimmii isaa ol’aanaan deeggarsa meeshaalee deggarsa maallaqaa barameen olittii duudhaalee gaarii hin hubatamnee keennuutii.Projaktichii turtii waggaa tokko akka qabuu misgaanaaw beeksisaniiru.
Projaktiichii keessa isaati boqqoonnaa wwan garaa garaafi hojiiwwan garaa garaa akka qabu qabiyyeen isaa adda kan ta’e sochii warraaqsa hubanna naamusa qabsiisuudhaa. Gararaadhaa akka ibsiteetti xiyyeeffannaan isaa ol’aanaan ibsama naamusa gaarii kan ta’e kennaa irrattidha .Akkaataama kanaan guyyaa kennuu qopheessuun daandiwwan projaktiicha hojii irra oolchan keessaa tokko taasiifamee qabamee.
Guyyaa kanatti daa’imman kennaa akka walii kennan wal kabajaafi jaalala walii qaban akka walii ibsan taasisuudhaan aadaa kana gara fuula duratti akka guddisan yaalii taasisa jedhameera. Namootiin beekamoo abbootiin amantaa ogeeyyonninxin sammuu barsiiftonni walumaa gala namootii ijooleedhaaf fakkeenya ta’u danda’an fayyadamuudhaan kennuufii fudhachuun maaliidha maalif fayyada isa jedhu ijoolleen akka baratan taasisuunis qaama projaktiichaatii.
Dhaabbanni tola ooltummaa Tayaayizan Lakkoofsa labsii dhaabbilee hawaasaa siviil sarvisii 1113/2011 keewwata 57(1) Ebila 01/2013 kan hundeeffamee dhaabbata biyya keessaadha.
አዲስ ማለዳ 25 Sadaasa 2014 No 24



