Bu’awwan qonnaa Finfinnee dhaa gara jibuutii gatiin ittiin geessan dabalaa jira jedhamee

0
805

Homishoota qonnaa gabaa alaaf dhiyaatan Finfinneetti gara jibuutiitti imalchiisuuf gatiin geejjibaa kaffalamu yeroodhaa yerootti dabalaa deemuufi isaa Daldaltonni homishoota qonnaa gabaa alaaf dhiyeessan ibsan.

Maqaan isaanii akka hin eeramne barbaadaniif abbaa qabeenyaafi hojii gaggeessaa dhaabbata fichiisiisaaf al eergii idil addunyaa kan ta’an namni tokko Addis Maaladaatti akka himaniitti waggaa tokkoon dura gatiin fe’uumsaa kuuntaala tokkoo birrii 120 gad ture yeroo dhiyoodhaa asitti garuu birrii 170 ga’eera jedhan.

Kunis Finfinneetti Amma buufata Jibuutii tti yammu ta’u konkolaataan fe’uumsaa tokko kuuntaala dhibba afur kan qabaatu ta’u isaatiin gara birrii kuma 68 kanfalchiisu akka danda’u eeraniiru. Geejjibnni Doonii sanaan booda jiruus akkasuma baasii guddaa akka baasiisuu ibsaniiru.

Namootii komii dhiyeessan kan biraa irras yaadni walfakkaataa kan ka’u yammuu ta’u rakkinichi gara fuula duratti bifa kami in akka hiikamu hin beekamuu jechuudhaan ibsaniiru.
Tajaajila geejjibaa daldala al ergiifii fichiisiifttu mmaa irratti kan bobba’ee dhaabbata Firetars Idil addunyaa ittii gaafatamanii isaa murta’etti itti aanaa hojii gaggeessaan kan ta’an Zamikaéel Daani’el gatiin geejjiba mi’a ta’u kaasanii kanaaf akka sababaatti kan dhiyeessan qaamooleen homisha ergan heddumachuufii gatiin meeshaa jijjiraa konkolaataa miá taú isaati. Itti dabalaniis gatiin bittaa konkolaattota fe’uumsaa mi’a ta’u isaa kaasaniiru.

Akkasuma gatiin Goomaa mi’aun dabaluun gatii boba’a durgon konkolaachisaa kaffaltiin fe’uufii buusuu walitti eda’amanii gatiin geejjibaa akka dabaluu taasisuu isaanii ibsanii gara fuula duraattis gatiin isaa dabalaa malee hiriisaa deema amantee jedhu hin qabne eeraniiru.

Waggaa tokko dura waggoota turan itti gatiin fe’uumsaa fichiifttonni kanfalan warren ergan kan kafalanii dachaadhaan kan caalu akka turee kan ibsan gargaaraa hojji gaggeessaan kun amma garuu lakkofsii eergiitootaa dabalaa dhufuu isaatiin ergiitonnii Finfinnee dhaa amma buufata Jibuutii ttii gatiin fe’uumsaa kanfalan dabalaa akka deemuufi hiri’innii isaas dhiphachaa dhufuu isaa hubachiisaniiru.

Waggaa sedan kana dura fe’uumsaa wal fakaataaf fichiisiifttonni birrii naannoo 160 ergiittonni ammo 60 kaffalaa akka turan amma garuu fichisifttonni birrii 200 amma 250 ergiitonni ammo 150 amma 170 akka kaffalameefii gatiin isaanii walitti dhiyaachaa dhufuu isaa mul’iisaniiru. Amantaan wal geggeddarii daldalaa kin harka dhibba keessaa 23 gara 48 tti guddachuuf isaas akkasuma ol dabaluu gatii geejjibaa fiduu akka dandaú ibsaniiru.

Fe’uumsaa bunaafi gatiin geejjibaa akka dabaluuf akkasuma of eeganiifi amanamtummaatiin meeshaaleen mi’a gatii gabaa irraa ol ka’uun akka dabaluu mul’isaniiru.

Ministeera Geejibaafi lojistikiitti itti gaafatamaan dame dhimmi isaan ilaallatu Alamaayyoo Waldee Mootummaan bara 1984 irraa jalqabee imaammannii gabaa hordofu gabaa bilisaa ta’u isaatiin kana keessa hin galuu jachuudhaan Addis Maaladaaf ibsaniiru. Itti dabalaniis fichiifttonniifii eergittonnii meeshaalee isaanii gatii gad aanaadhaan qaama isaan kanfalchiisa waliin walii galuudhaan yookaan caal baasii baasuudhaan gejjibsiisuu danda’u jadhaniiru. Dhaabbileen mootummaas kanuma godhu kan jedhan Alamaayyoon dame kanaan gaéen ministeera geejjibaaf loojistiksii hiri’innii konkolaataa yammu mudatu bittaadhaan akka galuu mijjeesuufii deggarsa kennuu taú isaa eeraniiru.

Gati boba’a addunyaa gatii meeshaa jijjiirraa konkolaataa mootummaan to’achuu amma hin dandeenyeetti wareen dame kanaan seeraan ala bobaánii waan sirrii hin taanee raawwatan to’achuu ala gatii fe’uumsaa baasuufi wanti taasifamuu hin jiru jechuudhaan dubbataniiru.


አዲስ ማለዳ 25 Sadaasa 2014 No 24

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here