Godinoota Wallaggaa bahaafi lixaatii buqqa’anii magaalaa Bureetti kan argaman abbootiin warraa 4500 rakkoo hamaaf saaxiluu isaanii dubbatan

0
1002

Naannoo Oromiyaa Godinoota Wallaggaa bahaafi lixaa irraa buqqa’anii naannoo Amaaraa Godina Goojjaam lixaa magaalaa Buree kan qubatan buqqaattonni abbootii warraa 4500 mootummaan naannichaa deggarsa tokko iyu ijaa hin taasifnee rakkoo hamaaf saaxiluu isaanii dubbatan.

Buqqaattonni kun kanaan dura wallaggaa bahaafi lixaatii jireenya hundeefatanii jiraachaa kan turan yammu ta’u ABO Shaneen eenyummaa isaaniitiin yaroo daddabalamaa miidhaa isaan irraan ga’u isaatiin qa’ee isaanii dhiisanii gara magaalaa buree godaanuu isaanii mul’ateera. Keessumaa ammoo bultiiwwan 15 dhabanii as jiraattonni Godina Wallagga bahaa jiraachaa turan Ajjeechaa Shanee baqachuudhaan miilaan guyyaa 5 imaluudhaan gara magaalaa Buree seenuudhaaf akka danda’an Addis Maaladaatti ibsaniiru.

Buqqaattonni kun dubartootaa garaatti baatan daaiimman maanguddoolii barcuma mukaa irraa hojjatame baatanii amma Bureetti daandii dheeraa deemanii baqachuu isaanii dubbataniiru. Dhalattonnii Amaaraa 10 ABO Shaneetiin midhaan irra ga’e namaan baatamanii gara magaalichaa dhufanii dhaabbiilee wal’aansaa keessatti wal’aansi taasifameefi jira.

Daandiin Naqamtee tii amma Buree jiru ergaa cufame baatilee 8 ol ta’uu isaatiin dhalattonni Wallagga jiraatan yaaddoo ol’aanaa keessa akka jiran Addis Maaladaan kanaan duura yaroo daddabalamaa gabaasa turuun ishee niyaadatama. Magaalaa Bureetti kan argamtuu haati ijoollee shanii Addisee Alamuu kan isheen dhalatee wallaggaa bahaa Aanaa Limmuu bakka mandaraa 6 jedhamutti yammu ta’u miseensota maatii 10 qabatte rakkoo hamaaf saaxiluu ishee dubbatteetti. Ilmii ishee jalqabaa umurii waggaa 16 yammu ta’u gara adda waraanaan deema jedhee ergii manaa bahee bultii torba akka ta’een dubbatti. Waan nyaatamuufii dhugamu dhabne ijoolee koo da’iimaniifii maatii koo man guddota qabadheen hurufattii kufeen jira jechuudhaan mootummaan dafee furmaata akka kennuuf Addiseen kadhateettii.

Namni buqqa’an biraan Chakkol Yirgaxee jedhamuu Aanaa Kiiramu Aanaa kilaaliitii Sadaasa 12 amma 16 2014tti milaan deemee magaalaa buree galuu isaa dubbata. Abbootiin warraa kuma 4 ol ta’an Wallaggaa buqqa’anii magaalaa kanatti baatilee shan darbanitti gidiirfamaa jireenya gadadoo dabarsa jiraachuu isaanii eeraniiru.

Wal qabsiisaniis iddoo bulmaataa dhabuu isaaniitiin gara bakka dhaabbii konkolaataa deemuudhaan bakke keessa bakka qubannaa taasiifachuu akka danda’an dubbataniiru. Bultiiwwan ittii aanan bulchiinsi magaalichaa Walgahii ergii isaan waamee booda fira barbaadaatti gara qa’ee keessan itti debi’a mootummaan waraana TPLF waliin taasiisuuf xiyyeeffannaa ol’aanaa kennee waan jiruuf homaa isiin gargaaru hin dandeenyu jechuudhaan hurufa irratti akka isaan bittinneessee gaddaan ibsaniiru.

Buqqaattonni kun gara Godina Finoota Salaam deemuudhaan rakinicha dubbachu yoo yaalanis warreen waggaa 40 gad taatan gara adda waraanaa deemaa akka jedhaman fi rakkini isaanii dhaga’amu illee dadhabuu isaa akka isaan gaddisiise Addis Maaladaatti himaniiru.

Namni buqqa’uu kami iyu daandii irra Laastikii diiriirfatee jiraachuuf yoo yaale seeraan akka gaafatamu hoggantoonni mootummaa cimsanii nutti himaniiru jedhaniiru yaada keennittonni kun. Biyya mootummaan jiruutti gidiiraan kun hundi lamiilee irratti raawwatamuun isaa akka isaan gaddisiise kan dubbatan buqqaatonnii kun ammas buqqaattonni buqqa’anii dhufanis ta’e dhalattoota Itiyoophiyaa Wallaggaa jiraatan beelaaf du’a irraa akka isaan baraaruu mootummaaf waamicha dhiyeessaniiru.

Addis Maaladaan gaafii buqqaatootaa qabatte bulchaa ol’aanaa Godina Goojjaam Malkaamuu Tashoomaa dubbisuudhaaf yeroo daddabalamaa bilbila yaaltus bilbila kaasu dhabuu isaaniitiin deebii isaanii argachuu hin dandeenyee.


አዲስ ማለዳ 25 Sadaasa 2014 No 24

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here