Dhaabbileen dhaabbattummaa hawaasa siviilii Itiyoophiyaatiin galmeeffaman socho’an qabeenyaa qaban akka galmeessisan abbaan taayitaa dhaabbilee hawaasaa siviilii ajaja kennera.
Akkaataa lakkoofsa labsii dhaabbilee hawaasaa 1113/2011 dhaabbileen hawaasa galmeeffaman akkaataa waajiriichii qopheessee qabeenyaa isaanii galmeessisanii waajjira abbaa taayitiichaaf akka dhiyeessan abbaan tayiitichaa hubachiiseera.
Dhaabbileen qabeenyaa isaanii abbaa taayitiichaaf galmeessisan amma Muddee 30/2013 akka beeksisan yeroon kan kennameef yammu ta’u kaayyoon isaas akkaataa qabinsa ragaa ammayyeessuu dhaaf deggarsa taasiisuuf ta’u isaa daayireektarri ittii aanaa abbaa taayitiichaa Faasiikaaw Moolaaliny Addis Maaladaatti himaniiru.
Ittii aanaa daayireektara abbaa taayitiichaa Addis Maaladaatti akka himaniitti qabeenyaa isaanii galmeessisuuf dirqama kan qaban abbaa taayitiichaan galma ’ani dhaabbiilee hundaa ta’u isaanii eeraniiru. Dhaabbileen hawaasa sivilii qabeenyaa bulchaan kaayyoo yaadameef oolchuu isaanii hordofuuf deggarsa taasiisuuf galmee qabeenyaa gurmaa’ee ta’u ibsameera.
Abbaan taayitiichaa akkaataa qabaa qabeenyaa isaanii ammayyeessuu dhaan qabeenyaa wwan kun kayyoo yaadamee akka oluu hojii hordooffiifi too’annaa akka hojjetu daayireektarichi eeraniiru. dhaabbileen kun qabeenya qaban Amantiidhaan galmeesiisuu akka qaban kan eeran Faasiikaaw dhaabbileen qabeenyaa isaanii hin galmesifne yoo jiraatan karaa mataa isaa ragaa akka walitti qabu eeraniiru.
Dhaabbileen kun ummataaf kan hojjetan qabeenyaa ummataa ta’u isaanii kan ibsan daayireektarichi hawaasni siviilii labsii lakkoofsa 1113/2011 galama’anii dhaabbileen socho’an akkaataa labsichaan qabeenyaa qaban beeksiisuuf dirqama qabu jedhaniiru. dhabbannii qabeenyaa qabuu hin galmeesifnnee yoo jiraatee hawaasicha eeruu akka kennuu waamichi dhiyaateeraa.
Dhaabbileen hawaasa siviilii waggaa waggaadhaan gabaasa faayinaansii qabeenyaa qaban abbaa taayitiichaaf kan dhiyeessan yammu ta’u galmeen ammaa akkaataa hojii ammayyeessuu fi ta’u mul’ateera. dhaabbiilee siviilii hordooffiifi to’achuu taayitaa kan qabuu abbaan taayitiichaa qabeenyaan Ummataan walitti qabamuu kaayyoo ummataaf akka oluu mirkaneessuuf damee kanaan akka biyyaatti qabeenyaan ammamii akka jiru ragaan walii galaa akka jiru ragaa walitti qabuuf galmeen kun barbaachisaa ta’u ibseera.
Dhaabbileen kun qabeenyaa galmeessisan gidduudha konkolaataa tajaajila kennaa jiru konkolaataa tajaajila hin kenninee konkolaataa gurgurame konkolaataa dhaabbata biraa irraa darbee meeshaalee manaafi waajjiira dhaabbii akkasumas qabeenyaa dhaabbii dhaabbilee kan akka hospitaalaa kiliniikaa manneetii barnootaa gara garaafi kanneen keessatti argamuu.
Itiyoophiyaatti dhaabbileen 500 ol galma’anii argamuu dhaabbileen kun fayyaadhaan barnootan akkasumas dameewwan garaa garaan fayiidaa hawaasaaf kan hojjatan dhaabbilee miti mootummaadha.
አዲስ ማለዳ 2 Muddee 2014 No 25



