Naannoo Amaaraatti naanoolee bilisa bahaan hundaatti dhaabbileen bishaanii jiran hundii gutuummaan gutuutti barbadaíinsii irattii taasiifamuu isaatiin kessumaa hiriina bishaan dhugaatii magaalaa jiru furuuf bishaan konkolaataa bishaan fe’áaniin hawaasaaf dhiyaachaa jiraachuu biiroon albudaafii bishaanii naannichaa Addis Maaladaa beeksiiseera.
Ittii gaafatamaan quunamtii ummataa biiroo bishaaniifi albuudaa naannichaa Adam Warquu akka ibsaniitti amma iddowwan ABUT irraa bilisa bahaanitti tajajillii ibsaa ijaa hin jirree humnii elektrikii amma argamutti rakko bishaanii jiruuf ariitiidhaan deebii keennuudhaaf meeshaaleen bishaan kuusan magaalota keessatti rabsamaa jiruu jedhaniiru. Kanaaniis bishaan boollawwan keessaa waraabuudhaan akka wal gaú taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Ittii gaafatamtichii sababii kun taéef yammuu kaasan magaalota hundaatti paampii bishaan harkisan saamamuu isaaniitiin barbadaú isaaniitiin akasumas tajajillii ibsaa jiraachu dhabuu isaatiin dhaabbileen kanaan dura tajajila keennaa turan fayiidaan ala taú isaaniitiidha jedhaniiru.
Fakeenyaafiis magaalaa seenaa qabeetti Laaliibalaatti meeshaaleen bishaan kuusan rabsamanii konkoolaatootaan bishaan hawasichaaf akka qoodaman taasiifamuu eeraniiru.
Ulffina rakiniichaan haalichii mootummaa qofaan kan hikamuu taú dhabuu isaatiin bishaan waliin wal qabatee dhaabbileen mitii mootummaa hojjatan deggarsa akaakuu garaa garaa taasiisaa jiraachu isaanii deggarsa taasiifameeniis meeshaaleen bishaan rabsuuf gargaaran bitamuu isaanii ibsaniiru.Rottowwan dhiyeesuudhaan dhaabbileen miti mootummaa garaa garaa deggarsa taasiisaa jiraachuu isaanii eeraniiru.
Tajajillii bishaanii yoo hin jiraanee bishaan dhiyeesuun hin rakkisa kan jedhan itti gafatamttichii keessumaa Walloo kaabaatti naannowwan tajajila argatan tamsaasa Alamaaxaatti argamuu taú isaatiin ibsaan dafee gad hin dhifamuu abdii jedhuu akka hin qabnee bishaan rabsuun kun amma torbeewwa lamaa turu akka dandaú muliisaniiru.
Ittii gaafatamaan qunamtii umataa biiruuchii iddowwan bilisa bahaaniitti dawwaannaa taasiiseen magaallii hin barbaddofneefii hin saamamnnee akka hin jirreefii meeshaaleen bishaaniis kanuumaan baduu isaanii kanaaf tajajiila kamuu keennun rakkisaa taú himaniiru.
Dhaabbileen bishaanii turan bishaan bollaa kan itti bahuudha . magaalaa tokko qofaattii bollawwan heeddu qotamanii tajajila kennaa akka jiran isaaniis meeshaalee kan akka paampiiwwaniin deggaramuu isaanis hundii saamamaniiru warrii hafaniis barbaddefamaniiru jedhaniiru.
Janareetariin shawaa kaabaa magaalaa Zabiix jedhamtuutti argamuu humna baatirii humnaa isaa buqqisanii ergii fudhatanii booda rasaasaan reebanii aka hin hojjannee kan taasiisan akka fakenyaattii kaasuun ni dandaáma jedhaiiru.
Haaluma wal fakaatuun waajirrii bishaanii magaalaa Laalibalaas akkasuma ompiwutarronni achi turan paampiiwwan birrii miliyoonaan lakaámuu meeshaaleen gurguddaa biraa saamamuu himaniiru.
Ittii gaafatamttichii naannowwan bilisa bahaaniitti dhaabilee bishaanii barbadaán bu’urrii misoomaa hojjatamuuf dhiibbaa kan irra bulchuu taú ibsaniiru.taées garu biiruuchii iddowwan midhaan irra gaée adda baasee hojii guddaa iratti hojjachaa jiraachuu himaniiru.
Naannichatti dhiyeessin humnaas taé humna bobaá ijaa hin jirree rakkoon jiraachu himanii magaalaa tokkoo qofaatti paamppiwwan bishaan rabsan janareetarronnii kan barbaachisan taú isaaniitiin rakkinichaa wal xaxaa taasiisa jechuudhaan ibsaniiru.gatiin janareetara tokkoos amma birrii miliyoona 3 taú isaatiin rakinichii kan mahaalaqaas taú kaasaniiru.
Kanaaniis Ittii gaafatamttichii ABUT miidhaa buuraalee misoomaa gessisee hamaataa taú isaa hawaasichii hubachuudhaan wal taúmsa taasiisuu akka qabuufii hobsaan akka eeguu gaafataniiru.
አዲስ ማለዳ 2 Muddee 2014 No 25


