Naannoo biyyaalessa Amaaraatti kan argaman iddoowwan beleedaafi horteen sanyii isaanii argamuuttifii eegamo taa’anitti waraanicha waliin wal qabate gubaatiin abidda qaqqabu isaafi bosona cituun gaggeeffamu isaa abbaan taayitaa eegumsa naannoo naannichaa Addis Maaladaatti hime.
Daayireektarri Qorannoofi eegumsa bineeldoota abbaa taayitiichaa Abraham Maariyaam Shawaa kaabaatti kan argamuu iddoon eegama Manz Gwaasaa jedhamuu gubaatiin abidda ira ga’u beekuun danda’a eera jedhaniiru. Dabalataanis iddoo eeramee kanattii Lojiiwwan hawaasa turistootaaf tajajiila kennaa turan afur saamamuu isaanii ibsaniiru. Ta’es garu amentaa miidhaa gubaatiin ibiddaa kun qaqqabsiiseen ta’e amentaa Lojiiwwan saamsamanii ragaa argachuun rakkisaa ta’u isaa dubbataniiru. Miidhaa qaqqabe qulqulleessuuf kan dadhabamee nageenyii naannicha jiru amansiisaa ijaa hin taaneef dinni addicha keessaa karaa bahuu dhabee dhokattee jiraachuu danda’a waan ta’eef jedhaniiru.
Iddoon bosona eegama Manz Gwaasaa bali’ina heektaara 7800 kan qabuu yammu ta’u wangoo diimaa Itiyoophiyaa jalddeessa Cilaadaa simbira Saranee Wangoo Miniliik akkasumas baar gamoowwan adunyaa irattii iddoowwan ol ka’a muraasa qofaatti argaman marga Gwasaa naannoo baddaa qofaatti biqilan kan of keessatti qabateedha.
Paarkiin biyyaalessaa Booranaa sayiint Warraa Himanuus akkasumaas bosona ciruudhaan gara qonnaatin kan galan jiraachuu isaanii ragaan jiraachuu isaa Daayireektarichi dubbataniin waraanicha dhokachuuf bosona galanii qaamooleen ciraa bosonaa gaggeessan jiraachuu akka danda’an ibsaniiru. Haata’u malee amma ammaatti mancaasa bosonaa kana enyuu akka taasiisee bosonni ammamii akka manca’ee beekuun akka hin danda’amne kan ibsan daayireektarichi nageenyii waaraa yammu mirkanaa’uu miidhaan isaa Ogeessota mirkanaa’ee ummataaf ifa akka taasifamu eeraniiru.
Akaakuu biqiltuu bosonaa garaa garaa qabachuudhaan kan beekamee paarkiin biyyaalessaa Booranaa Sayint Warra Himanuu Baargamoo Zigbaa Gaatiraa Marga Gwasaafii baargamoo Astaa dabalatee sanyiiwwan biqiltuu baddaafii gammoojjii 460 ol qaba. Paarkiin bal’ina heektaara15,262 qabu kun Jalddeessa Cilaadaa Wangoo Dimaafii Awwaaniisa heddumiinaan akka qabu beekuf danda’a eera.
Daayireektarichi itti dabaluudhaanis iddoon eegama naannoo Laaliibalaa jirus akkasuma daandii waan ta’eef humnoonni ABUT ba’uudhaaf yammuu yaalan miidhaa irraan ga’u akka hin olee mul’isaniiru. Iddoon eegama Abuna Yoosef bal’ina heektara 8500kan qabuufii wangoo diimaa Itiyoophiyaa bineeldoota Jalddeessa Cilaadaa akkasumas Wango Miniliik fafakaatan of keessaa qaba.
Iddoowwan kanatti qabeenyi uumamaafi bineeldonni heddu kan argaman yammu ta’u bineeldonni kun uumamaan adamoo ijaa soodaatan sagalee dhukaasaa dhaga’amuun heddu jeeqamaa akka turan daayireektarichi dubbataniiru. Itti dabalaniis naannoon jireenyaa isaanii iddo olmaafii bultii ta’e ergii midhamee bineeldonni kunis midhamaa akka jiran hubanna jechuudhaan ibsaniiru. Miidhamuun iddoo jireenyaa isaanii bineeldoota kana irattii miidhaa olaanaa akka qaqqabsiisuu daayireektarichi kan kaasan.
Wayita waraanicha bineeldoota kana irratti adamoo seeraan alaa qaamni raawwate jiraachuu ijaa danda’u kan mul’isan daayireektarichi bineeldonni du’aniifii badan yoo jiraatan qorannaa gara fula duratti gaggeeffameen kan ibsamu ta’a jedhaniiru.
Yaroo ammaa kana hojjataniifi eegddonni paarkiiwwan dirree waraanaa akka jiran eeranii iddoowwan waraana irraa gad lakkifaman irattii nageenyii amansiisaa akka mirkanaa’ee jalqaba eegumsa isaa cimsuudhaan iddoowwan midhaman gara haala qabatamaa isaanii duratti akka deebi’an haalduree tokko malee hojjanna jedhaniiru.
Paarkiin biyyaalessa gaarreen kaabaa kallattiidhaan miidhaan akka irra hin genyeefii dhiyeenyatti turistotaaf banaa akka ta’u daayireektarichi kan himan yammu ta’u ammas yoo ta’e qaamni daawwachuu barbaadu yoo jiraatee daawwachuu akka danda’u waajjirri paarkicha dhiyeenyatti akka beeksisuu ibsaniiru.
አዲስ ማለዳ 2 Muddee 2014 No 25



