Hiyyummaa Itoophiyaa fi Afriikaa duuba wantoonni dahatan hedduun akka jiran namoonni hedduun ni amanu. Awurooppaanonni Afriikaa qoqqooddachuuf waliigalanii ifatti gara ardittiitti galuun waggoota hedduudhaaf erga saamanii booda yoo gadhiisanii bahanis, ammas hojii isaanii hammaataa sanaan Afriikaa dirree walitti bu’iinsaa, bakka ka’umsa godaansaa, akkasumas bakka argama hiyyummaa hammaataa akka taatu godhaniiru jechuun ni danda’ama.
Gaaga’ama dinagdee hammaataa Waraanni Adunyaa lammaffaan qaqqabsiise hordofuudhaan, ji’a Adoolessaa bara 1936tti marii Ameriikaa – Biraayitenwuuditti taasifameen dhabbanni sadarkaa adunyaatti maallaqa liqeessuu fi yeroo ammaatti I.M.F. jedhamuudhaan bekamu hundeeffamuun isaa ni dubbatama. Kaayyoon isaa ardii Awurooppaa waraanaan barbadaa’e deebisanii bayyanachiisuuf giddugala walta’insa maallaqaa hundeessuu dha kan jedhu yoo ta’es, keessa isaatti garuu shira olaantummaa biyyoota muraasaa mirkaneessu akka qabu qaamolee hedduudhaan amanama. Maallaqni sirna bittaa fi gurgurtaa biyya tokkoo (Doolaariin) kan bittaa fi gurgurtaa biyyoota hedduu akka ta’uuf yaadnni bu’uuraa kan kaa’ame mariidhuma Ameriikaan olaantuu itti taate sana irraa eegaluun akka ta’e qorannoowwan ni mul’isu.
Biyyoonni daldala duraan taasifamuuf Warqee akka meeshaa bittaa fi gurgurtaa olaanaatti fayyadamaa akka turan ni beekama. Haata’u malee waggoottan booda doolaarri daldala biyyoota gidduutti taasifamuuf faayidaa irra wayita oolu biyyoonni warqeedhaan doolaara bituu akka jalqaban himama. Kunis Ameriikaan kuufama warqee hedduu qabdu irratti warqee dabalataa argachuu akka dandeessu kan taasise yoo ta’u, booda garuu wayita barbaachisummaan warqee dabalaa dhufu warqiidhaan doolaara bituu hambisuudhaan walitti hidhamiinsa inni doolaara waliin qabu Ameriikaan addaan kutteetti.
Kanatti fufuunis daldala biyyoota gidduutti taasifamuun dabalatti, dhaabbileen daldalaa biyya tokko keessatti argaman osoo hinhafin bittaa fi gurgurtaa doolaaraan wayita raawwatan hubatameera. Kun ammoo hanqina doolaaraa kan uumu waan ta’eef, qaala’insa gatii ittisuudhaaf biyoonni doolaara bitanii akka kuusan isaan dirqisiiseera jedhama. Kunis Ameriikaan doolaara gurguruu qofaan faayidaa akka argattu ishee dandeessiseera.
Gochaan Ameriikaa kun Awurooppaa keessaa bahuun guutummaa adunyaatti hojii irra ooluu wayita jalqabu; keessumattuu Afriikaadhaaf hanga du’atii firaa dhaga’uutti kan tilmaaman jiraachuu isaaniitu dubbatama.
Ogeessi dinagdee, akkasumas yuunivarsiitii Yuuniitiitti barsiisaan dinagdee Dr. Dammallaash Habtee dhimma kana irratti ibsa Addis Maaledaaf kennaniin, Doolaarri maallaqa bittaa fi gurgurtaa adunyaa ta’uun dhiibbaan isaa kan hammaataa dhufe A.L.A. bara 1973 irraa jalqabeeti jedhu. Sababni Doolaarri daldala idil-adunyaatiif ooleefis waliigaltee daldalaa biyyoonni taasisaniin malee humnaan miti. Gabaa alaa irratti kan bituu fi kan gurguratu gatii kan tilmaamanu Doolaaraan akka ta’u waliigaltee irra gahamee ture. Sana dura garuu gabaa warqii irratti xiyyeeffatetu taasifamaa ture jedhan. Ogeessichi itt dabaluunis; yeroo sanaa asitti bakka warqee Doolaarri akka bu’u taasifamuu isaatiin biyyoonni hedduun dhiibbaa keessatti akka kufan ibsaniiru.
Biyyoonni hinguddatin akka Itoophiyaa jiran; dinagdee isaanii qonnaadhaan durfamu gara kan induustiriidhaan durfamuutti jijjiirruf sochii taasisan keessatti galteewwan barbaachisan biyyoota guddatan irraa wayita bitan dirqama Doolaara akka isaan barbaachisu eeranii, hanqinni Doolaaraa wayita isaan mudataa adeemu, kanumaan qixatti qaala’insa gatiitiin hubamuu jalqabuu isaanii ogeessichi eeraniiru.
Daldalli alaa biyyoota gidduutti taasifamu Doolaara biyyoota hedduu biratti fudhatama qabuun hata’u malee; maallaqni gabaa adunyaatiif tajaajilu kan biraa hinjiru jechuu miti. Ogeessichi akka ibsanitti Itoophiyaa keessatti wayita ammaa sharafa olaanaa kan qabu Paawundiin isa tokko. Kunis kan ta’e barbaachisummaan isaa daraan olaanaa waan ta’ee fi bara gita bittaatti biyyoonni hedduun Ingiliiz waliin walitti dhufeenya uuman irraa kan dhufe ta’uu utuu hinibsin hindabarre.
Hata’u malee, haala kanaan itti fufnaan gaaga’ama dinagdee hammaataa kan hordofsiisu waan ta’eef; Ameriikaas ta’ee biyyoonni Lixaa biyyoota hinguddatin irraan haala kanaan dhiibbaa itti uuman ittisuun barbaachisaa akka ta’e eeran. Dhiibbaa kana hir’isuuf filannoowwan furmaataa sadii hojii irra oolchuun akka danda’amu dubbatan.
Inni duraa, Doolaara bu’uraalee misooma induustirii ijaaruuf galteewwan dirqama ta’an bituuf itti fayyadamuu dha. Haala hanga yoonaatti jiruunis, akkaataa dinagdee gad-aanaa jiruutiin, Itoophiyaa guddisuuf ijaarsa dinagdee taasifamu keessatti barbaachisummaa Doolaaraa keessaa guutummaadhaan bahuun akka hindanda’amne dubbataniiru. Haata’u malee Doolaara faayidaa bittaa fi gurgurtaa wantoota baay’ee barbaachisaniitiif qofa oolchuun dhiibbaa isaa akka hir’isu agarsiisuuf yaalaniiru.
Filmaanni furmaataa itti aanu biyyoota waliin maallaqa ofiitiin bittaa fi gurgurtaa raawwachuu danda’uu yoo ta’u, kunis dhiibbaa isaa hir’isuuf qooda olaanaa qaba. Biyyoota gidduuti walitti hidhamiinsa guddisuu isaa caalaatti daldalli si’oome akka jiraatu ni taasisa. Fakkeenyaafis, daldala Chaayinaa waliin taasifamuuf Doolaaratti fayyadamuu dhiisuudhaan maallaqa biyyoota lamaaniitti fayyadamuudhaaf waliigaltee taasisuu akka barbaachisu ogeessichi dubbataniiru. Gama kanaan hanqina sharafa alaa uumamu ittisuu irra darbee, maallaqa daalataa Doolaara ykn Paawundii bituuf oolu hambifachuun akka danda’amu ibsaniiru.
Furmaata kan biraati kan jedhan; sirna waliin wal-jijjiiruu (bartering system) hordofuu dha. Kun daldala meeshaa ykn tajaajila wal jijjiiruudhaan biyyoota Gmtaa Sooviyeet duraanii gidduutti itti fayyadamanii fi, waggoota 50 ta’aniif utuu biyyoota Lixaa waliin siruma walitti hindhufin ittiin fayyadamaa turanii dha. Biyyi oomisha qonnaa oomishtu tokko biyya biraa konkolaataa oomishtu waliin gatii murtaa’een oomisha isaanii wal jijjiiru. Kunis daldala isaanii sharafa irraa biliisa taasisa.
Daldalli biyyoota Afriikaa gidduutti taasifamu hanga yoonaatti dhibbeentaa 20 irra darbuu kan hindandeenyee dha kan jedhan ogeessichi; Ardittiin sirnoota filannoo daldalaa kanaan olitti eeramanitti fayyadamuu yoo dandeesse guddina akka fiddu beeksisan. Boba’aa, oomisha qonnaa, meeshaalee jijjiirraa maashiinotaa, albuudotaa fi bu’aawwan beeladaa bal’inaan gabaa adunyaatiif kan dhiyeessitu Afriikaan; hanga yoonaatti kan guddachuu dadhabde sirna daldalaa Doolaara irratti xiyyeeffate keessaa bahuu waan dadhabdeef ta’uu ibsanii; kana kan mul’isu biyyoota Ardittii keessa jiran bira hanqinni sharafaa jiraachuu isaatiin; biyyoonni Afriikaa hundi oomisha isaanii kan dhiyeessan gabaa Afriikaatiif osoo hintaane Doolaara argachuuf kan isaan dandeessisu gabaa biyyoota Lixaatiif ta’uu isaa ti jedhan. Afriikaanonni kan ittiin bittaa fi gurgurtaa raawwatan maallaqni walfakkaatu utuu jiraatee; ykn maallaqa ofii isaaniitiin raawwachuu osoo danda’anii garuu; oomisha isa tokkoo isa biraatiif dhiyeessuudhaan gabaa bal’aa uumuu fi dhiibbaa biyyoota Lixaa jalaa bahuudhaan akka salphaatti guddachuu akka danda’an mul’isaniiru.
Biyyoonni hedduun Waraana Adunyaa Lammaffaa booda biliisoman hanga yoonaatti biliisummaa siyaasaa malee biliisummaa dinagdee akka hinargatin ni dubbatama. Kanaanis, biyyoonni 150 caalan hanga ammaatti hiyyummaa keessa kan jiran yoo ta’u, sirni dinagdee adunyaa (Global Economic Order) waraanicha booda diriire biyyoota Kaappitaalistoota ta’an akka fayyaduuf ta’ee kan tolfame ta’uu isaa hayyoonni ni dubbatu. Sirni kun biyyoonni hiyyeeyyiin maxxantoota biyyoota biyyoota kaappitaalistootaa guddatanii ta’uun akka jiraatanii fi, meeshaa isaanii dheedhii gatii rakasaan akka itti gurguran; haala walfakkaatuun biyyoonni kaappitaalistootaa badhaadhan oomisha bu’aa warshaa isaanii biyyoota hiyyeeyyiitti gatii olaanaadhaan akka akka itti gurguratan kan taasisuu dha.
Wayita ammaatti sirni kun yeroo jijjiiramuu qabu irra kan gahe fakkaata kan jedhan Dammallaash; biyyoonni dhiibbaan isaan irratti taasifame dhuunfaa fi gareedhaan of irraa ittisuudhaaf wayita yaalan akka mul’atu himaniiru. Awurooppaanis biyyoota guddataa jiran kan biraa irratti dhiibbaa taasisaa yoo jiraattes; ofii ishee dhiibbaa sirna dinagdee adunyaa wayita ammaa Ameriikaadhaan durfamu jalaa baasuuf Gamtaa Awurooppaa hundeessuu fi baay’ina biyyoota miseensotaa guddisuudhaan walitti hidhamiinsa daldalaa fi dinagdee Ardii ofii ishee akka uummatte dubbatan. Kun Afriikaanotaaf muuxannoo gaarii ta’uu akka danda’uu fi, Afriikaanis sirna dinagdee ofii ishee uummachuun hojjechuu akka qabdu cimsanii hubachiisaniiru.
Dabalataanis; A.L.A. bara 1989 irraa eegalee hanga ammaatti dhiibbaa guddaa uumaa kan jiru Kaappitaalizimii qolachuuf maqaa “BRICS” jedhuun Biraaziil, Ruusiyaa, Hindi, Chaayinaa, akkasumas Afriikaan-kibbaa gamtaa uumuudhaan socho’aa jiraachuu ibsaniiru. Afriikaattis kutaaleen dinagdee Kaaba, Kibba, Bahaa fi kan Lixaa jedhaman waan jiranuuf; kana yaada keessa galchanii yoo socho’an dhiibbicha keessaa bahuu fi daandii guddinaa keessa galuun akka danda’amu dubbataniiru.
Sirni Sooshaalizimii erga kufee jalqabee sirni dinagdee Ameriikaa fi Gamtaa Awurooppaatiin durfamu qajeelfama Kaappitaalizimii olaantummaan qaama tokkoo keessatti dagaage waan ta’eef; keessumattuu biyyoonni hinguddatin sirna kaappitaalizimiitiin alatti filannoo biraa akka hinqabaanne taasisuu isaatu dubbatama. Kunis gaaga’ama biyyoota hiyyeeyyii kan hammeesse yoo ta’u, Ameriikaanis biyyoota biraa irratti biyya naamusa hinqabnee fi kan seeraan hinabboomamne akka taatu taasiseera jedhama.
Chaayinaa fi Ruusiyaan gama kanaan dhiibbaa biyyoota Lixaa, keessumattuu kan Ameriikaa ittisuudhaaf biyyoota adda-durummaan socho’an keessaa isaan ijoo ta’uun isaanii wayita ibsamu mul’ata. Kanaanis yeroo tokko adunyaa irratti maallaqni bittaa fi gurgurtaa hundaatiif oolu jiraachuu qaba yoo jedhan, wayita biraa immoo daldala biyyoota lamaan gidduutti daldalamu maallaqa ofii isaaniitiin taasisuuf wayita yaalan mul’ataniiru. Kunis qoqqobbii Ameriikaan isaan irratti taasistu fashaleessuun olitti sababa dhabiinsa Doolaaraatiin sochiin daldala isaanii akka hingufannee fi, biyyoota hanqina sharafa alaatiin rakkatan caalaatti guddina arifataa akka qabaatan isaan gargaareera jedhama.
Itoophiyaanis dhiibbaa kana jalaa bahuuf biyyoota socho’an waliin hiriiruudhaan dhiibbaa dinagdee daldalaa bu’uura isaa Doolaara taasifateen ishee mudatu of irraa ittisuu akka qabdu hayyoonni ni eeru. Yeroo ammaatti sochii kana ifatti yoo jalqabde goolamnii fi dhiibbaan ishee mudatu kan caalu ta’uu danda’a kan jedhan ni jiru. Garuu, amma osoo hinyaalin dhiibbaa dinagdee ishee mudatu yoo jijjiirama taasiste kan ishee mudatu daraan kan xiqqaatu waan ta’eef yaalii gochuu qabdis jedhu hayyoonni. Ta’us immoo biyyi kamiyyuu waan barbaade gochuu fi toora dinagdee filate hordofuuf mirga guutuu waan qabuuf; kan murteessu dhiibbicha keessaa bahuuf tooftaa qabsoo hordofuu dha.
Ogeessi dinagdee kunis kan ibsan; keessumattuu biyyoonni Afriikaa bowwaa dinagdee itti seenan keessaa bahuuf furmaata jalqaba irratti eeran akka furmaataatti fayyadamuudhaan cinatti; kallattii furmaataa lammaffaa fi sadaffaa irratti eeran irratti sirriitti xiyyeeffachuu akka barbachisuu dha. Kun ta’uu baannaan garuu Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afriikaa hundi kufaatii dinagdee amma keessa jiran caalaatti rakkoo hammaataan kan isaan mudatu ta’uu dubbatan.
Afriikaanis dhiibbaa dinagdee doolaaraa fi sharafa biyyoota alaa kan biraatiin ishee mudatu qaama duula # ni gahaa, “# NoMore” keessaa tokko taasisuun maallaqa bittaa fi gurgurtaa ofii ishee uumuu fi kutaa daldala biliisaa biyyoota miseensota Gamtichaatiin dursee yaadame cimsitee itti fufuun; dinagdeen guddachuu fi sirna bittaa haaraa jalaa bahuu qabdi jechuun qaamoleen yaada cimaa dhiyeessan heduu dha.
Sadarkaa dhuunfaa fi dhaabbataattis; kan Doolaara kuusanus ta’ee kan daldalaaf Chaayinaa fi Dubaayitti imalan Doolaaraan alatti maallaqa bittaa fi gurgurtaa biyyoottanii kan biraa akka filannootti akka fayyadamanuuf hojiin kakaasuu fi waliigalchuu hojjetamuu akka qabu kan dubbatanus ni jiru. Yeroo tokkotti jijjiirama fiduun ulfaataa waan ta’uufis ammumaa jalqabuun suuta suutaan yaadaa fi kallattiiwwan bu’uraa jijjiiruun gara hojiitti seenuun akka danda’amu hayyoonni ni hubachiisu.
አዲስ ማለዳ 16 Muddee 2014 No 27



