Itoophiyaan lammiiwwan biyyoota alaa jiraatanuu fi michuuwwan ayyaana Gannaa (Qellee) Itoophiyaa keessatti akka kabajanuuf waamicha taasiste hordofuun; dhufaatiin dayaaspooraa galiin hoteelotaaf ni argamsiisa jedhame akka eegame ta’uu hafuu isaa Waldaan Abbootii qabeenyaa Hoteelotaa magaalaa Finfinnee beeksise.
Ministirri muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad; ji’a Sadaasaa darbe Itoophiyaanotaa fi dhalattoota Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan miliyoona tokkoof waamicha dabarsan hordofee; kutaalee adunyaa hedduu irraa ayyaana Gannaa (Qellee) kabajuuf gara biyya dhaloota isaaniitti deebi’aa jiru. Kana hordofuun dameen tajaajilaa gara waggoota lamaatiif rakkoo seenee ture; keessumattuu hoteelota hojii keessummaa simachuutti bobba’aniif deebii jajjabeessaan mul’ataa akka hinjirre beekuun danda’ameera.
Baay’inni daayaaspooraa ayyaanicha kabajuuf gara Itoophiyaa dhufanii sirriitti beekuun yoo hindanda’amnes; hoteelonni magaalaa Finfinnee keessa jiran hanga gabaasni kun qindaa’etti baay’inni keessummeessaa jiran gahaa akka hintaane waldichi Addis Maaledaatti beeksiseera.
Kovid 19 Bitootessaa bara 2012 erga Itoophiyaa keessatti mul’atee jalqabee; dameewwan hubaatiin isaan mudate keessaa dameen hoteelaa isa ijoo dha. Kana hordofee hangi siree qabsiisuu hoteelotaa gara dhibbeentaa lamaatti gadi bu’ee akka ture ni yaadatama.
Hoogganaan Waldaa Abbootii qabeenyaa Hoteelotaa magaalaa Finfinnee miseensota 170 ol qabuu Ammahaa Baqqalaa Addis Maaledaatti akka ibsanitti; uumamuu vaayireesichaa hordofee dhorkaan imalaa darbee fi qajeelfamoonni biraa dame kana dhiibbaa keessa akka galchan eeranii; gidduutti mallattoo fooyya’insaa agarsiisuun dadammaqinni dhibbeentaa 40 gahee ture waraana kutaa kaaba biyyattiitti ka’een gara dhibbeentaa lamaa fi isaa gaditti akka gdi bu’u taasiseera jedhan.
Ayyaana Gannaa (Qellee) kabajuuf gara biyya isaaniitti kan galan miseensonni dayaaspooraa hoteelota irra manneen boqonnaa keessummootaa (guest houses) filachuun isaanii dadammaqinni damee hoteelaa irratti ni uumama jedhamee yaadame akka hinuumamne taasiseera jedhan. “Daayaaspooraan hoteelota irra manneen firaa fi manneen boqonnaa keessummootaa meeshaan guutameef (guest houses) filannoo isaanii taasisaniiru” jechuun Ammahaan Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Hooggantichi itti dabaluunis; manneen boqonnaa keessummootaa (guest houses) sababni filataniifis tarii ji’oottaniif hoteela keessa turuu irra qabbaneessituu (refrigerators) fi bakki itti bilcheeffatan kan guutamanii fi kan hanga bakka ciisichaa (siree) hanga sadiitti qaban argachuu danda’uu isaanii ti jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Daarikteerri Ejensii Dayaspooraa Itoophiyaa gama isaaniitiin; gara Itoophiyaatti dhufuu Itoophiyaanotaa hordofuun hoteelonnii fi manneen boqonnaa keessummootaa magaalaa Finfinneetti argaman qabbanaa’uu gabaa irra sochii foyya’e agarsiisuu jalqabuu isaanii ibsaniiru.
Yeroo ammaa dhufaatii dayaaspooraa hordofee manneen boqonnaa keessummootaa meeshaa guuttatanii fi naannoo Boolee fi Kaazaanchiisitti argaman hanga doolaara 2500tti kireeffamaa akka jiran Addis Admaas mirkaneeffachuu dandeesseetti. Akkasumas namoonni dhuunfaa mana jireenyaa isaanii meeshaa guutuu wajjin mana boqonnaa keessummaa taasisuudhaan ji’aan giddugaleessaan hanga doolaara kuma 30tti kireessaa jiraachuu beekuun danda’ameera.
Finfinnee keessa hoteelonni sadarkaa abbaa urjiitti jiran hanga yeroo dhiyootti siree hanga kuma 16 hincaalle qabaachuu isaanii kan ibsan ogeessi hoteelaa Ermiyaas Alamuu; siree 100 ol kan qaban gara sagalii kan akka Neekses, Saafaayer fi Hooliideey yeroo ammaatti saamsamanii furmaata tokko malee dhaabbachuun isaanii baay’inicha ni hir’isa jedhaniiru. Kun immoo keessummoonni tarii manneen boqonnaa keessummootaa nagaa fi tasgabbiin isaanii hineegaminitti wayita boqotan baasii hinmallee fi gaaga’amaaf saaxilamuu danda’u yaaddoo jedhu qabaachuu isaaniis Addis Maaledaatti ibsaniiru.
አዲስ ማለዳ 30 Muddee 2014 No 29



