Qaamoleen daldala gogaa dheedhii irratti bobba’an qisaasa gogaa dheedhiitiif sababa ta’aniiru jedhame

0
600

Itoophiyaa keessa oomishni gogaa dheedhii hedduun yoo jiraates; faddaalttonni gidduu seenuun fayyadamtoota irraa gatii rakasaan bitanii warshaaleedhaaf gatii mi’aawaan dhiyeessuun; qisaasa uumaa turuu isaanii instiitiyuutiin misooma induustirii gogaa Addis Maaledaatti ibse.

Hawaasni gogaan gatii hinbaasu jechuun akka gatuu fi wayita qalmaattis gogaa dheedhiidhaaf of eeggannoo akka hintaasisne sababa uumuu isaa ti instiitiyuutichi kan eere. Kana waan ta’eefis rakkoo kana furuuf warshaaleen gogaa kallattiidhaan gogaa hawaasa irraa akka bitan waggaa darbe irraa jalqabee hayyamni kennamuu instiitiyuutichatti dursaan garee koomunikeeshiinii fi sab-quunnamtii Biruk Xilaahun Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Akkasumas; biyyattii keessa dhiyeessiin gogaa bal’aan utuu jiruu, garuu immoo tamsa’inni warshaalee gogaa naannoo tokkotti waan murtaa’eef yeroo itti aanuttis warshaaleen gogaa naannoleetti akka ijaaraman taasisuuf furmaanni qabamuu eeraniiru.

Fakkeenyaafis naannoo uummattoota kibbaa, Affaar fi Amaaraatti qalmi bal’inaan akka raawwatamu kaasanii; garuu warshaaleen gogaa naannolee Finfinnee fi Moojoo qofatti tuulamuun isaaniitiin gogaa dheedhii hedduun waggaa waggaadhaan akka qisaasa’u himaniiru. Yeroo kanattis hawaasni filannoon qabu gogaa dheedhii gatii gadi bu’aadhaan daldaltootatti gurguruu ykn immoo gatuu dha erga jedhanii booda; warshaaleen kallattiidhaan humna hawaasa irraa bituu akkuma guddifataniin garuu gatiin gogaa waan ol ka’uuf hawaasni gogaadhaaf of eeggannoo taasisa jedhan.

Amma warshaaleen gogaa dheedhii kallattiidhaan hawaasa irraa akka bitanuu fi warshaaleen gogaatti fayyadaman bakkeewwan adda addaatti ijaaruu irra darbee faddaalessitootaan akkas godhaa; gatii kanaan bitaa jechuuf; sirna gabaa biliisaa biyyattiin hordoftuun waan walitti bu’uuf rakkisaa ta’uu dursaan garee kun dubbataniiru.

Kanaan dura gogaa dheedhii walitti qabuuf dhaabbilee adda addaatiif jechuunis ministeera qonnaatiif; dhiyeessitoota galtee induustirii fi kan kana fakkaatanuu fi dhaabbilee kan biraa dhimmichi isaan ilaaluuf kan kennamee ture wal dhahuun hojii fi itti gaafatamummaa qaawwaa uumee akka ture himaniiru. Kun yeroo ammaatti yoo xiqqaate dhaabbileen kunneen hojii ofii isaaniitiin raawwataa turan waliin maryachuudhaan akka raawwatanu eeraniiru.

Dabalataanis; qalmi mana keessatti raawwatamu qisaasa gogaa olaanaa waan umuu fi kana dhaabsisuuf hawaasni qeeraatti qalchiisuuf humni maallaqaa qabu gadaanaa ta’uun isaa; akkasumas manatti qaluu akka barsiifata bu’a qabeessaatti fudhachuun rakkoo ta’uu isaanii dubbataniiru.

Kanaanis waa’ee gogaa fi bu’aawwan gogaa hawaasaaf hubannoo uumuun gatii fi of eeggannoo gogaaf qabu guddisuuf beeksisa dhaabbataa bakkeewwan uummanni baay’inaan argamutti himsiisuun akka furmaataatti ilaalamuu isaa dursaan garee kun beeksisaniiru.

Pirezidaantiin waldaa dhiyeessitoota gogaa dheedhii Biraanuu Abaatee gama isaaniitiin; qaamni gogaa sirnaan walitti qabu dhabamuu isaatiin qisaasni hedduun akka raawwatamu eeranii; waldaan isaanii yeroo ammaatti daldaltoonni guutummaa biyyattii keessa jiran gara hojiitti akka galanuu fi gogaa dheedhii sirnaan akka walitti qaban kakaasaa jiraachuu Addis Maaledaatti himaniiru. Daldaltoota qofatti osoo hintaane hawaasnis gogaan gatii hinqabu jechuun akka hinganne hubaachiisaa jirra jechuun dubbataniiru. Itti dabaluunis; daldaltoonni qisaasama uumaniiru jedhanii akka hinamannee fi yeroo ammaatti kan rakkoo ta’e kan walitti qabu dhabamuu dha jechuun ibsaniiru.

Dameen gogaa xiyyeeffannaa sirriin yoo kennameef oomisha gogaa biyyoota alaatii gara biyyaatti galu bakka bu’uudhaan; carraa hojii olaanaa fi hanqina sharafa biyya alaa furuun qooda olaanaa akka qabu dubbatama.


አዲስ ማለዳ 30 Muddee 2014 No 29

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here