Maallaqni deeggarsaaf dhaabbilee mootummaa keessaa bahu hangam kaayyoo yaadameef oola?

0
956

Itoophiyaa keessatti sababa rakkoo uumamaa fi nam-tolchee dabalaa dhufeen qaamoleen deeggarsa barbaadan baay’ee dha. Dhaabbilee sababa waraanaatiin barbadaa’an suphuuf, akkasumas lammiiwwan sababa ongee fi waraanaatiin buqqa’an dabalatee namoonni gargaarsa barbaadan naannolee keessatti baay’eetu jiru.

Kunis kan amma uumame osoo hintaane; biyya ongee fi waraanni itti deddeebi’u Itoophiyaa keessatti waggoota 50 ol kan lakkoofsisee dha. Naannoo bara xumura aangoo mootichaa irraa eegalee waraanaa fi ongee bara mootummaa Dargii uumamee tureen, lammileen deeggarsa mootummaa barbaadan baay’ee akka turan ragaaleen ni mul’isu.

Boodas bara 1983 jalqabee hanga ammaatti walitti bu’iinsaa fi ongee; akkasumas sababoota biraatiin lammiiwwan harka mootummaa fi deeggartootaa eeggatootaa eeggatan baay’inni isaanii xiqqaa miti.

Rakkoo fi gadadoo lammiiwwan Itoophiyaa dhuma hinqabne kanaaf biyyoonni alaa adda addaa; dhaabbileen mootummoonni fi miti mootummaa; dhaabbileen gargaarsaa biyya keessaa; mootummoonni alaa; waliigalaan qaamoleen adda addaa sadarkaa fi yeroo adda addaatti wayita gargaarsa bal’aa gosaa fi maallaqaan deeggaran ni mul’ata. Mootummaan Itoophiyaas qaamolee gargaarsa barbaadaniif jechuudhaan saanduqa mootummaa keessaa maallaqa akka baasu ni beekama. Sana irra darbees naannoleen wayita rakkoon isaan mudatu inni tokko isa biraatiif wayita gargaarsa waliif kennan ni argama.

Akka fakkeenyaattis naannoon Oromiyaa kan naannoo Amaaraatti waraanaan miidhamaniif deeggarsa maallaqaa taasisuu isaa; mootummaan naannoo Amaaraas naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti lammiiwwan hongeen miidhamaniif gargaarsa gochuun isaa ni yaadatama. Bulchiinsi magaalaa Finfinnees bajata qabu irraa naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Affaarii fi Somaalee fi kan biraatiif yeroo yeroon wayita deeggarsa taasisu mul’ata. Dhaabbileen federaalaa fi naannolees akkasuma waan humna isaanii wayita arjooman ni mul’ata.

Ta’us deeggarsi dhiyaatu kun kaayyoo yaadameef sirriitti ooluu isaatiif wanti himamu jiraachuu hafuun ummata biratti shakkii kan uumu ta’uun isaa namoota baay’ee biratti ni dubbatama.
Naannolee fi bulchiinsi magaalotaa bakka tokkoo gara biraatti maqaa gargaarsaa fi deeggarsaatiin maallaqni waliif kennan kaayyoo yaadameef ooluu isaa ummataaf ifa taasifamuu hafuun isaas; ummanni yeroo rakkinaatti walgargaaruu isaa osoo hintaane; dhimmicha karra malaanmmaltummaa guddaa akka ta’etti akka ilaalu taasiseera jedhama.

Waggaa kana mootummaan naannoo Oromiyaa naannoo Oromiyaatiif birrii miliyoona 100 deeggarsa yoo taasise; itti aanee immoo mootummaan naannoo Amaaraa deeggarsa jechuudhaan Oromiyaadhaaf deebisee haala walfakkaatuun maallaqa kennuudhaan baasii fi galiin hinsakatta’amnee fi hinqoratamne akka baay’atu taasifama jechuun yaada isaanii kan ibsan ni jiru.

Naannoon tokko kan biraatiif deeggarsa wayita taasisu pirezidaantonni naannolee wayita deeggarsicha walitti kennan televizhiiniidhaan arguu irra darbee; enyu akka fuudhuu fi deeggarsichi bifa kamiin akka raabsamu; kana malees deeggarsi argame odiitii ta’uu fi dhiisuun isaa namoota baay’eef ifa miti.

Deeggarsi yeroo yeroon argamus naanna’ee naanna’ee bajata biyyattii borsaatti galfachuu irra darbuun; fedhii gargaaramtootaa wayita hir’isuu fi misooma arifachiisu hinmul’atu jechuun guddina rakkina biyyattii waliin qixa kan kana kaasanus ni jiru.

Kanaan kan ka’es deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa fi lammiiwwan waraanichaan miidhamaniif jechuun miindaan isaanii kn jalaa murame hojjettoonni mootummaa maallaqni keenya nuuf hadeebi’u yaada jedhu wayita tarkaanfachiisan ni hubatama. Yaadni kunis kan uumame maallaqni miindaa irraa kutame raayyaa ittisa biyyaa fi lammiiwwan miidhamaniif ooleera amantaa jedhu dhabuu irraa akka madde dubbatu. Dhiyeenya kana hooggantoonni Badhaadhinaa naannoo Amaaraa maallaqa hanga birrii miliyoona 100 gahu ifatti qisaasuun isaanii saaxilamuun isaa caasaa mootummaa keessa hattummaan jiru hangam akka hundee dheereffate agarsiistuu akka ta’e namoonni baay’een wal harkaa fuuchaa turaniiru.

Biyya keessas ta’ee biyyaan ala; rayyaa ittisa biyyaa fi kan hubamaniif jechuun karaa ofii isaaniitiin kan ummata irraa maallaqa walitti qabaa turan baay’ee ta’uun isaanii kan dagatamu miti. Kun mataan isaa qaamoleen mootummaa rakkina akka waan ittiin faayidamanuutti fudhachuu isaanii hordofee qaamni too’atu waan hinjirreef kan uumame ta’uutu amanama.

Waldaa ogeeyyii herregaa fi oditeroota naannoo Amaaraa keessaa ogeessi maqaa isaanii ibsuu hinbarbaanne yaada Addis Maaledaaf kennaniin; deeggarsa naannichaaf barbaachisu qaamolee adda addaa irraa kan walitti qabamu namoonni amanaman akka itti dabalaman; hojmaata odiitii taasifamuu iftoomina qabu akka jiraatuuf ummanni irra deddeebi’uun gaaffii dhiyeessuu isaa ibsaniiru.

Tibba weerarri uumame gara jalqabaatti deeggarsa walitti qabamu biiroon maallaqaa fi misooma dinagdee naannichaa fuuchaa akka ture kaasanii; booda garuu koreen walitti qabduu qabeenyaa nagaa fi tasgabbii mootummaan naannoo Amaaraa jedhamu hundaa’ee; baankota afuritti lakkoofsi herrega baankii galiin ittiin walitti qabamu banamee isaan maallaqni walitti qabamaa akka ture eeraniiru.

Ta’us; maallaqichi erga walitti qabamee booda kaayyoo yaadameef ooleera kan jedhu beekuu fi tilmaamuun rakkisaa akka ta’e kaasan. Kana qofas osoo hintaane; Itoophiyaan uumamuu vaayireesii Koroonaa irraa kaasee dhaabbilee idil-adunyaa fi biyyoota adda addaa irraa deeggarsi maallaqaa hedduun taasifamaafii akka ture kaasanii; kunis beekamuu hafuun isaa iftoomina irratti gaaffii guddaa akka kaasu ibsaniiru.

Keessumattuu badiin naannichatti qaqqabeera jedhame; maallaqni walitti qabamee fi maallaqichi qaamilee maluuf sirriitti ooleeraa? Kan jedhu dhimma gaaffii kaasisuu dha kan jedhan namni kun; deeggarsa hawaasa irraa walitti qabame miidhamtootaa fi raayyaa ittisaatiif geessuuf wayita adda waraanaa adeemnes itti gaafatamummaa fudhatee qaama nagahee kutu hinarganne jedhu.
Itti dabaluunis; deeggarsichi qaamolee barbaachisuuf gahuu isaa karaa ofii keenyaatiin mirkaneeffanna jechuun ibsanii; waa’ee deeggarsa taasifamee dhaabbileen sab-quunnamtii kan himanuun alatti ragaalee sanadaan argachuun akka hindanda’amne ibsaniiru.

Wayita waraanichaatti maallaqaa fi loojistiiksii olaanaa dhiyeessaa kan ture hawaasa daldalaa ti; ammas ta’u naanna’ee gibiraan rakkataa jira kan jedhu yaada isaanii ibsanii; waliigalaan dhimma kana irratti qabeenya walitti qabamuu fi raabsaa irratti iftoomni akka hir’atu xiyyeeffannaa itti kennuun dubbataniiru.

Biiroo odiitara muummee naannoo Amaaraatti mirkaneessaan odiitii Dassaaleny Naggaa gama isaaniitiin; haala yerootti fayyadamuudhaan faaidaa isaanii kan kabachiifatanuu fi wayita bittaatti bittaa qulqullina hinqabne qaamoleen raawwatan jiraachuu eeranii; keessumattuu deeggarsoota dhiyaataa jiran ilaalchisee gama iftoominaatiin qaawwaan jiraachuu hindhoksine.

Kanaanis; deeggarsoota walitti qabaman keessaa kan badan ni jiru kan jedhan odiitarichi; bifa deeggarsaatiin dhufanii nagaheen kutameefii qabeenyaan gara itti fayyadamtootaatti hindarbin jiraachuu fi kutaa qabeenyaa keessa wayita barbaadaman immoo meeshaaleen hinargamne akka jiran dabalataan kaasaniiru.

Yeroo kanatti gaheen waajjira odiitaraa gabaasa argama odiitichaa qaamolee dhimmichi ilaalutti beeksisuu akka ta’e eeranii; nu bira qaamni seeraa waan hinjirreef qaamoleen raawwachiiftuu dhimmichi isaan ilaalu garuu xiyyeeffannoo kennanii hojjechuudhaan balleessitoota itti gaafatamaa taasisuu qabu yaada jedhu dhiyeessan.

Gama kanaan qaawwaan akka jiru kan kaasan ogeessi odiitii kun; hojmaanni biyyoonni akka Hindii fi Biraaziil hordofan kan biyya keenyaa irraa adda; ogeessa ofii isaaniitiin odiitii taasisanii balleessaa yoo argan abbaa alangaa ofii isaaniitiin himata bananii abbootii seeraa ofii isaaniitiin murtee kennu jedhan. Nuti sadarkaa kana irra waan hinga’inii fi itti waamamni keenya mana maree naannootiif waan ta’eef argama odiitii irratti too’annaan taasifamu akka laafu taasiseera jedhan.

Hojmaata amma jiruun argama odiitii irratti deebiin kennameera moo hinargamne kan jedhu waggaa waggaadhaan mana mare ni gaafanna. Kana irra darbee garuu deebiin kennamuu qaba jennee humna dirqisiisu hinqabnu jedhan.

Kana irra darbees; hojmaata waliigaltee shananii kan jedhamu biiroo haqaa, kan maallaqaa fi misooma dinagdee, biiroon farra malaammaltummaa fi odiitii mana maree naannoo wajjin waliin ta’uun; gabaasota argama odiitii irratti hooggantoota deebii hinkennine aangoo irraa kaasuu fi seeraan itti gaafatamtoota taasisuu kan jedhu sanada waliigaltee irra taa’uu isaa kaasaniiru.
Adeemsi kun aanaa tokko irratti hojii irra kan oole yoo ta’u; jabaatee adeemuu garuu hindandeenye jechuun ibsaniiru.

Balaa naannichatti uumame hordofee maallaqa gargaarsaaf dhufu kamiyyuu waajjirri ittisa balaa nagahee kutuun maallaqichi gara biiroo maallaqaa fi misooma dinagdeetti akka galu eeranii; qorannoo odiitii xumura waggaa irratti taasifamuun dhaabbileen lamaan odiitii wayita taasifaman maallaqni deeggarsaan argame qaama odiitichaa isa tokko jedhan.

Garuu; qisaasni qabeenyaa fi hojmaanni badaan kan jiru yoo nutty fakkaatee fi rakkoon akka jiru yoo beekne; odeeffannoon dogongoraa akka hinhojjetamne gochuu fi qabeenya qisaasa irraa baraaruuf qorannoo odiitii-duraa adeemsisuu ni dandeenya jedhaniiru.

Odiitii fandii waliigalaa kan jedhamuu fi hojii odiitii waggaadhaan taasifamuun; waggichatti bajati hinmirkanaa’in hangam? Bajata kana keessaa godinaa fi aanaadhaaf bajati ramadamu waan jiruuf jijjiirraan seeraa fi sirna hordofe adeemsifamuu; akkasumas bittaan sirnaan hojjetameeraa? Kan jedhan odiitiidhaan argama jechuun ibsaniiru.

Waliigalaan; Itoophiyaa keessatti dhaabbileen hojii hojjetanu haala sirriidhaan kan too’atu; amanamummaa fi sirrii ta’uu gabaasa isaanii kan qulqulleessuu fi jal’inni yoo jiraate hojmaannii fi ogeessi ykn qaamni gahaan itti gaafatamaa taasisu jiraachuu hafuun; dhaabbileen akka barbaadan qabeenya uummataa akka qisaasaniif karra baneeraaf jedhama.

Dhaabbileenis maqaan isaanii yeroo yeroon jijjiiramaa; diigamaa fi hojjetamaa jiraachuun isaanii; hojii gaarii hojjetan caalaatti kan balleessan guddatee kan mul’atu yoo ta’u; dhaabbileen yeroo yeroon kan diigaman bifa saamichaaf toluuni kan jedhanis hindhabaman. Qeeqxonnis akka agarsiiftuutti jedhanii dhaabbanni farra malaammaltummaa federaalaa itti waamamni isaa waajjira ministira muummeetiif ta’uu; dhaabbilee fi hojmaata isaanii irratti iftoomnii fi too’annaan dhabamuu isaatiif agarsiiftuu dha jechuun kaasu.

Gbaasa kanaaf Addis Maaledaan biiroo odiitara muummee naannoo Amaaraa irraa odeeffannoo argatteen daalatatti biiroo odiitara muummichaa naannoo Oromiyaa irraa odeeffannoo argachuuf tattaaffiin taasiste utuu hinmilkaa’in hafeera.


አዲስ ማለዳ Bitootessa 10 2014 No 39

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here