መነሻ ገጽAfaan OromooHaala YerooGuyyaan injifannoo Gootota Itoophiyaa wayita Yaadatamu

Guyyaan injifannoo Gootota Itoophiyaa wayita Yaadatamu

Waggoota 86 dura bara 1928tti Xaaliyaaniin Itoophiyaa weeraruudhaan; baruma sana Ebla 27 Maarshaal Baadooliyoon alaabaa magariisa, keelloo fi diimaa Itoophiyaa buusuudhaan alaabaa Xaaliyaanii fannisuu isaa seenaan ni yaadata.

Xaaliyaaniin waraana Adiwaa bara 1888tti adeemsifameen injifannoo ishee irratti argame fudhachuun waggoota afurtamaaf qopjhii olaanaa tasisaa turuun; yeroo lammaffaaf bara 1928tti Itoophiyaa weeraruun ishee kan beekamuu dha.

Mosolooniin Itoophiyaa Afriikaa keessatti gama baay’eedhaan iddoo murteessaa qabdu weeraruun kutaa gita bittaa Xaaliyaanii keessaa tokko gochuuf; kana malees maqaa biyya isaa haaromfachuuf qophii olaanaa of eeggannoodhaan taasisaa jiraachuun isaa seenaadhaan ni eerama.

Kanaaf akka isa gargaaruttis loltoota kuma 300 gadi hintaane; xiyyaarota waraanaa 500 ta’an; akkasumas taankota 500 ta’anu jalqaba bara 1928tti Xaaliyaaniin Itoophiyaa irratti waraana akka bantuuf jecha karaa Mitsiwwaatiin Maarshaal De Boonoof ergamuun isaa seenaadhaan galmaa’ee argama.

Barreessitoota seenaatiin galmaa’ee akkuma argamu; biyya Afriikaa keessaa biliisummaa ishee kabachiistee jiraachuun beekamtu Itoophiyaa guddittii too’achuuf tattaaffii olaanaa taasisaniiru. Garuu sababa gootota Itoophiyaatiin guutummaa Itoophiyaa utuu hintoo’atin hafaniiru.

Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan seenaa Saamu’eel Nagaash; ayyaanni injifannoo waggaa waggaadhaan Ebla 27 kabajamu; birmadummaan Itoophiyaa waggoota muraasaaf Xaaliyaanotaan sarbamee waan tureef; qabsoo sana deebisuuf taasifamee fi dhuma irratti injifannoo argame yaadachuuf akka ta’e Addis Maaledaatti himaniiru.

Xaaliyaannonni daangaa Itoophiyaa cabsanii erga seenanii booda waggoota shaman turanittis bakkeewwanii fi magaalota hedduu too’achuu danda’uu isaaniitiin; qonnaan bultootaa fi hojjettota Xaaliyaanii gara Itoophiyaatti fiduudhaan lafa filatamaa ta’e akka qoodaniif ni ibsama.

Itoophiyaanonni beekumsaa fi aartiidhaan akka hinjabaanneef manneen barnootaa cufuu irraa jalqabee abbootii amataa bebbeekamoo; maanguddoota biyyaa fi gootota ni ajjeesu turan. Kunis Itoophiyaanonni qabsoo biliisummaa isaanii jabeessanii akka itti fufan isaan dirqisiisuun ni eerama.

Keessaattuu immoo Gurraandhala 12 bara 1928 Finfinnee keessatti Maarshaal Giraaziyaanii ajjeesuuf yaalii taasifameen; Xaaliyaanonni ummata irratti gaaga’amni raawwatan qabsoo goototaa akka sibiilaatti kan cimsee fi ummata Itoophiyaa hundas biliisummaa isaatiif hadheeffatee akka lolatu taasisuun isaa namoota baay’eedhaan kan dubbatamuu dha.

Xaaliyaanonni utuu weerara hinjalqabin dura Finfinnee; guutuu biyyattii; akkasumas raayyaa ittisa biyyattii keessatti basaastota baay’ee naquudhaan Itoophiyaa injifachuuf tattaaffii olaanaa yoo taasisanis; yeroon ummata itti gabbarsiisan; akkasumas tasgabbaa’uudhaan hojiiwwan bulchiinsaa nageenyaan kan itti raawwatan waggaan tokko illee akka hinjirre ragaalee hedduutu mirkaneessa.

Yeroo sanatti gootota irra hubaatiin akka qaqqabu kan taasisanuu fi turtiin faashistootaa akka dheeratuuf baandaawwan wajjin hojjetanu malee; gootonni bosonaa fi hallayyaatti gootummaa fi kutannoodhaan biliisummaadhaan falmaniiru. Gootonni dubartootaas gala qopheessuu fi kennuu irra darbuun waraanatti hirmaachuun; daa’immanis umurii fi waa’een cimina qaamaa utuu isaan hindaangessin gatiin biliisummaa isaaniitiif gumaachan kan haalamu miti.

Guutummaan Afriikaa waanjoo sirna bittaa keessa wayita turetti Itoophiyaan biyyoota adunyaa birmadummaa qaban keessaa tokko ta’uu isheetiin miseensa waldaa mootummoota adunyaa ta’uun ishee ni yaadatama. Kana bu’ureeffachuunis mootichi Hayile Sillaasee weerara Xaaliyaaniin Itoophiyaa irratti raawwatte akkasumas daba hammaataa ummata irratti raawwataa jirtu mootummoota adumyaatti beeksisuudhaan furmaatan fida jechuun gara Geeneevitti qajeeluun dhimmicha yoo ibsanis kan isaan dhaga’u argachuu hindandeenye.

Kana waan ta’eef; mootichi sababa kanaa fi kan biraatiin kan dhaga’u hinjiru jechuun harka maratanii akka hintaa’in ni himamaaf. Akkaataa meeshaalee waraanaa fi humna waraanaa hammayyaa’aa Xaaliyaaniitiin wayita ilaalamu waraanni Hayile Sillaasee duubatti hafaa akka ture sirriitti yoo hubatanis; biyya hormaa taa’aniis gootonni hinbitamnu jechuudhaan Xaaliyaanii akka waraananuuf hojii isaanii hojjetaa turan kan jedhan ni jiru.

Barsiisaan seenaa Saamu’eelis mootichi biyyaa bahuu isaaniitiin garaagarummaan yoo jiraates; biyya isaaniitti guyyaan injifannoo akka dhufuuf qooda olaanaa gumaachuu isaanii kaasaniiru. Akka mootota Itoophiyaa duraanii aarsaa lubbuu kaffalluuf qophaa’uutu irra ture jechuun biyyaa ba’uu isaanii kan morman yoo jiraatanis; lakkii adeemuun isaanii faayidaa ni qaba kan jedhanis baay’ee dha jedhaniiru.

Kanaanis; aasaan mootummoota duratti bahuudhaan taasisan hundeeffamuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiif bu’ura isaa ti erga jedhanii booda; biyyoota adunyaa sadaffaa dha jedhamaniif yaada fayyadu dhiyeessaniiru jedhu.

Awurooppaanonni duraan itti qoosaa turan booda irra waraana adunyaa lammaffaadhaan wayita gaaga’aman Itoophiyaa akka isaan yaachisu taasiseera ittiin jedhu akka yaadatan isaan taasisa barnoonni jedhu ni kennama; jechuun hubachiisan.

- ይከተሉን -Social Media

Namoonni baay’een Gurraandhala 12 bara 1928 enyutu jalqabe? Jechuun gaafatu. Ta’us garuu yaada kana kan fidanii fi guutuu isaa kan qindeessan mooticha Hayil Sillaasee ta’uu cimsanii kan dubbatan ni jiru.

Yaaliin ajjeechaa Giraaziyaanii irratti taasifame milkaa’uus milkaa’uu baatus ummata irratti dhumaatii olaanaa fiduu akka danda’u dursanii tilmaamanii kan ture yoo ta’es; wanti kamiyyuu kan biliisummaa caalu miti jechuun akka raawwatamu taasisaniiru jedham.

Itti fufuun; adunyaa irratti ka’uuf kan ture waraana adunyaa lammaffaaf guyyaan injifannoo gootota Itoophiyaa akka arifatuuf qooda qabaachuu isaatu ka’a.

Biyyoonni gurguddaan wayita sanaa Ingiliizii fi Faransaay; Itoophiyaan akka meesha waraanaa hinbinne dhorkaa yoo turanis; Xaaliyaan Germeen waliin tumsuu isheetiin; Ingiliiz qabsoo gootota Itoophiyaa deeggaruun Xaaliyaanii waraanuuf akka karoorfattu taasiseera. Kanaanis deeggarsa loltummaa taasisuudhaan Hayile Sillaaseen gara biyya isaaniitti akka galan dandeessisuu isaa galmeewwan nutty himu.

Humni waraanaa lammii Ingiliiz Kaaniinghaamiin durfamus Keeniyaa ka’ee gara giddugaleessa biyyaatti wayita qajeelu waraanni general Pilaatiin durfamu immoo Sudaanii ka’ee karaa Asmaraatiin gara giddugaleessa biyyaatti akka qajeelu taasifamuu isaa ragaaleen seenaa ni mul’isu.

Mootichaan kan hoogganamu waraanni gootota Itoophiyaa fi gorsitoota Ingiliiz of keessaa qabu immoo Sudaan irraa karaa Goojjamiin gara giddugaleessa biyyaatti seenuuf as qajeeluun isaa galmaa’eera.

Kana boodas waraanichi cimee itti fufuu isaatiin; yeroo ji’a lama hinguunne keessatti Xaaliyaanonni Finfinnee gadhiisanii akka bahan beekama.
Waraanni Keeniyaa irraa ka’uun gara giddugaleessa biyyatti qajeelus deeggarsa goototaa dabalatee; Bitootessa 28 bara 1933 Finfinnee seenun isaa ni himama.

Kana hordofees; guyyaan yaadannoo injifannoo goototaa Bitootessa 28 jechuun kan dubbatan yoo jiraatanis; guyyaa kanaa kaasee hanga Ebla 27tti mootichi Goojjam keessa waan turanii fi teessoo isaanii irra akka hintaa’in eeruun ayyaana injifannoo guutuu dha jedhamuu akka hindandeenye kan ibsan ni jiru.

- ይከተሉን -Social Media

Mootichi ji’a tokkoof sababni Goojjam keessa turaniif Ingiliizonni gootonni Finfinnee akka seenan waan hinbarbaadiniif kan jedhani ni jiru.

Barsiisaan seenaa kun falmiin ayyaanni injifannichaa yoom kabajamuu qaba jedhan akka turan kaasanii; inni duraa gaafa Ingiliizonni Xaaliyaanii baasuun Finfinnee seenan haata’u kan jedhanii dha. Kan biraa gaafa mootichi Finfinnee seenanitti kabajamuu qaba kan jedhu ni jira. Wanti guddaan garuu injifannicha jedhaniiru.

Ingiliizonni erga Finfinnee seenanii booda waan godhan dhiisuudhaan; isaanis utuu hinhirmaatin ta’ee injifannichi ni arifata turee laata jedhanii yaaduu akka barbaachisu kaasaniiru.
Ta’us gootonni Finfinnee turan kana waan mormaniif Ingiliizonni yaada isaanii kana akka itti hinfufinii fi Ebla 27 bara 1933 mootichi Hayile Sillaasee dabaalama olaanaadhaan guyyaa saafaa addabaabayii masaraa Minilik lammaffaatti alaabaa Itoophiyaa magariisa, keelloo fi diimaa sana deebisanii akka fannisan seenaadhaan kan himamuu dha.

Guyyaa sanas “sagaleen dhageessan kun kan kook an mootii keessanii kan Hayile Sillaasee ti” jechuun aasaa jalqabaniin; Xaaliyaaniin daangaa Itoophiyaa cabsitee waraana banuu ishee mootummoota adunyaatti hiyyata dhiyeessuu isaanii; gootonni Itoophiyaa gootummaa uumama isaanii ta’een akkamitti diinatti akka qabsaa’an eeruun; guyyichi waggoota shan keessatti uummanni Itoophiyaa gaaga’ama qe’ee isaatti isa mudataa ture ture irraa kan itti biliisome guyyaa gammachuu olaanaa ta’uu isaa ibsaniiru.

Waliigalaanis Itoophiyaanonni mootii isaanii irraa jalqabee hanga daa’immaniitti qabsoon biliisummaa isaaniitiif taasisan; Xaaliyaaniin turtii waggaa shan hincaalle akka qabaattuu fi Itoophiyaanis biliisummaa ishee irra-deebiin eegsisaa akka itti fufte dandeessisuu isaatu eerama.

Faayidaa ayyaana injifannichaa
Ayyaanni injifannoo kun dhaga’amummaa Itoophiyaan adunyaa irratti qabdu kan jabeesse; akkasumas uummata moo’ataa biliisummaa isaa mariif hindhiyeessine akka qabdu kan mirkaneessee dha. Isa irra darbees dhaloonni dhufu afuura moo’annaa qabatee sab-boonummaan akka jiraatu kan taasisu faayidaa seenaa fi siyaasaa olaanaa kan qabu ta’uu isaa barreessitoonnii fi qorattoonni seenaa gara garaa ni ibsu.

Ta’us ayyaanonni injifannoo baay’een xiyyeeffannaa fi ulfina isaaniif malu argataa hinjiran jechuun kan ibsan barsiisaa seenaa Saamu’eel Nagaashi.
Akka ibsa isaaniitti; wal-dhabiinsa gama seenaatiin jiru; akkasumas taateewwan seenaadhaan argaman busheessanii ilaaluun keessumattuu waggoota 30 darbanitti ayyaanonni injifannoo ulfinnaa fi surraa isaanii guutuu wajjin wayita kabajaman akka hinmul’atin eeran.

Wayita guyyaan isaa gahu akkuma ta’etti kan kabajamuun ala; ulfinaa fi bakka isaaf malu kennuuf fedhii fi kaka’umsi waan hinjirreef yeroo yeroon xiyyeeffannaan kennamuuf hir’ataa dhufuu kaasan.

- ይከተሉን -Social Media

Haalli kun yeroo ammaas akka hinfooyya’in eeranii; “gatiin nu kaffalchiise hinilaalamne; seenaa irraa barachuuf kutannoon dhabamuu caalaa daandiiwwan seenaa ittiin barsiisanis akkuma dhiibamanitti jiru” jechuudhaan itti dabalan.

Adeemsi keenya gatii nu kaffalchiisaa fi nu miidhaa jira kan jedhan barsiisichi; akkasitti yoo itti fufnemaaltu akka nu mudatu wantoonni amma arginu tokko tokko ni mul’isu jedhan.
Seenaadhaan walqabatee rakkoowwan uumaman keessattuu waggoota 10 dura biyyoota adunyaa irra jiranuttis rakkoo akka ture ibsaniiru. Ta’us waggoota 10 as garuu biyyoonni Afriikaa baay’een utuu hinhafin seenaa isaaniitiif gatii kennuudhaan dadammaqaa jiraachuu mul’isaniiru.

Kanaanis seenaa irratti ciminaan hojjechuu akka barbaachisuu fi kunis tokkummaa, guddinaa fi misoomaaf faayidaa olaanaa akka qabu hubachiisan.
“yeroon kun injifannoowwan dhaloota darbe irraa dhaalleef ulfina kennuu fi irraa barachuudhaan dhaloota dhufu miira biyyummaa olaanaa fi tokkummaan kan itti qopheessinu ta’uu qaba” jechuunis dhaamaniiru.
Yaadannoo guyyaa injifannoo kanaaf siidaan Araat kiilootti kan argamu yoo ta’u; guyyaan goototaa bara kana yeroo 81ffaaf kabajama.


አዲስ ማለዳ Ebla 22 2014 No 46

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች