Qabeenyi birrii biliyoona 100 fi biliyoona 61tti herregamu barbadaa’eera
Ji’oota saglan darbanitti magaalaa Finfinnee fi naannoo isheetti namoonni 104 balaa tasaa fi abiddaan dud’uu isaanii koomishiiniin hooggansa balaa fi abiddaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Addis Maaledaatti beeksise.
Bara bajataa 2014 ji’oota sagalan darbanitti namoonni 104 balaa tasaa fi abiddaan akka du’anii fi 154 kan ta’an immoo miidhamni qaamaa cimaa fi salphaan akka isaan irra gahe ogeessi sab-quunnamtii koomishiiniin hooggansa balaa fi abiddaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Nigaatuu Maammoo Addis Maaledaatti beeksisaniiru.
Ogeessichi itti dabalunis; namoonni 13 balaa abiddaatiin; kan hafa 89 immoo akkasuma balaa lolaa, bishaan ciisu fi balaa konistiraakshiiniitiin du’aniiru jedhan. Walqabsiisunis; ji’oota sagalitti magaalaa Finfinneetti balaawwan 342; godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneetti balaawwan 35; waliigalaan balaawwan 377 kan mudatan yoo ta’u; kana keessaa 251 abiddaan; kan hafan 176 lolaa fi hojiiwwan konistiraakshiiniitiin kan uumama ta’uun ibsameera.
Kan bara bajataa 2013 yeroo walfakkaataa wajjin walcinatti wayita ilaalamu bara bajataa darbe du’a 74 fi balaa qaamaa salphaa fi cimaan 86 akka qaqqabee fi bara kana balaan du’aa 30 fi balaan salphaa fi cimaan 68 dabalata agarsiisuu ogeessichi ibsaniiru.
Dabalataan; ji’oota sagal darbanitti qabeenyaan birrii biliyoona 100 fi biliyoona 61 ol irra miidhaan akka gahee fi tumsa hojjettoota koomishiinichaatiin taasifameen qabeenya birrii miliyoona 300 fi miliyoona torba baasu baraaruun danda’ameera jedhan.
Ayyaana du’aa ka’uu bara 2014 tibbana kabajamuun walqabatee carraan balaawwan tasaa adda addaa uumamuu itti danda’an jiraachuu waan danda’uuf; kana bu’ureffachuun qophiiwwan lama taasifamaniiru jedhameera.
Koomishiinichi jalqaba balaan akka hinuumamnee fi balaawwan akkamiitu uumamuu danda’u jedhee addaan baasuudhaan hawaasni dursee of-eeggannoo akka taasisu birooshara, waraqaalee adda addaa bakkeewwan gabaa; dhaabbilee amantaa; naannoo uummanni baay’inaan itti walga’utti balaan utuu hinuumamin dura raabsuun ykn maxxansuun hojii qophii-duraa hojjechuu isaa ogeessichi dubbataniiru.
Kanaan alatti; koomishiinichi kan kanaan duraa irraa haala adda ta’een xiyyeeffannoodhaan qophii akka taasisee fi balaan tasaa fi abiddaa; akkasumas kan biraa yoo uumaman; koomishiinichaa fi waajjiraalee dameetti hojjettoota 100 ol; akkasumas konkolaattota 20 ol qopheessuun hojjechuuf qophaa’uu isaa ogeessichi ibsaniiru.
Koomishiinichi kanaan dbalatatti ayyaanichaan walqabatee sochiin namootaa baay’achuu waan danda’uuf hawaasni balaa tiraafiikaa irraa akka of eegu hubachiiseera.
Hawaasni kabaja ayyaanichaatiin walqabatee of eeggannoo taasisuun cinatti yaaddoowwan balaa wayita argu toora bilbila biliisaa 939 bilbiluun dameewwan sagal magaalaa Finfinneetti argamanuun tajaajila si’ataa gaafachuun kan irra jiru yoo ta’u; dhaabbatichi kanaafis qophii dursaa taasisuun bu’ura eeruu hawaasa irraa isa qaqqabuutiin socho’aa jiraachuu ogeessichi dubbataniiru.
አዲስ ማለዳ Ebla 15 2014 No 45


