Awutobuusonni Shaggar 80 ol dhabiinsa meeshaalee jijjiirraatiin bobba’aa akka hinjirre ibsameera.

0
1779

Awutobuusonni 80 ol dhabiinsa meeshaalee jijjiirraatiin bobba’aa akka hinjirre dhaabbanni tajaajila geejjibaa Shaggar Addis Maaledaatti beeksise.

Hoogganaan sab-quunnamtii dhaabbata tajaajila geejjibaa Shaggar Saamu’eel Fissahaa Addis Maaledaatti akka ibsanitti; dhaabbatichi awutobuusota idilee 226 fi awutobuusota deeggarsa kennan 235, waliigalaan awutobuusota 461 bobbaasuun maamiltootaaf tajaajila geejjibaa kennaa jira. Awutobuusonni idilee 80 ta’anus sababa dhabiinsa meeshaalee jijjiirraa adda addaatiin hojiin ala ta’anii jiru.

Hooggantichi ittuma dabaluudhaan dhaabbatichi awutobuusota hojii irra hinjirre kana gara hojiitti galchuudhaaf tattaaffii yoo taasises; Itoophiyaatti dhaabbileen meeshaalee jijjiirraa konkolaataa dhiyeessan baay’een waan hinjirree fi dhabiinsa sharafa alaatiin walqabatee rakkoon kun utuu hinhiikamin ji’a 10 ol lakkoofsiseera jedhan.

Dhaabbatichi awutobuusota baay’inni isaanii kanaan olitti ibsame adeemsa hojiitti ittiin deebi’an irratti bulchiinsa magaalaa Finfinnee wajjin maryataa kan jiru yoo ta’u; hojiin meeshaalee jijjiirraa konkolaattotaaf barbaachisu adda baasuus hojjetameera jedhameera. Hooggantichi walqabsiisuunis bittaan meeshaalee jijjiirraa yoom raawwatamee awutobuusonni hojiitti galaniitajaajila geejjibaa kennu dhimmi jedhu garuu hinbeekamu jechuun ibsaniiru.

Dhaabbanni tajaajila geejjibaa Shaggar dabalataab bara bajataa kana ji’oota sagal darbanitti tajaajila gurgurtaa tikeeta awutobuusa idilee irraa birrii miliyoona 100 fi miliyoona 68 fi kuma 42; tajaajila gurgurtaa tikeeta awutobuusii deeggarsa kennanuu irraa birrii miliyoona 95 ol galii walitti qabuuf kan karoorfate yoo ta’u; birrii miliyoona 100 fi miliyoona torbaa fi kuma 300 fi kuma 48 fi 498 walitti qabuu danda’eera jedhameera.

Waliigalaan ji’oota sagal keessatti dhaabbatichi awutobuusota deeggarsa kennanuu fi kan idileetiin birrii miliyoona 200 fi miliyoona 85 fi kuma 300 fi kuma 24 ol gurgurtaa tikeetaa irraa walitti qabuu isaa beeksiseera. Dabalataan dhaabbilee adda addaatiif tajaajila geejjibaa kontiraataan kennuudhaan birrii miliyoona 6.5; tajaajila geejjibaa barattootaa irraa birrii miliyoona 8.1; galii tajaajiloota adda addaa irraa birrii miliyoona 3.8; waliigalaan galii birrii miliyoona 100 fi miliyoona 86.6 walitti qabuu danda’uun isaa himameera.

Dhaabbanni tajaajila geejjibaa Shaggar bara bajataa kana ji’oota sagalitti baay’ina tajaajilamtoota geejjiba awutobuusii gara miliyoona 42 fi kuma 400 fi kuma 42tti guddisuuf karoorfatee; imaltoota kuma 44 fi kuma 100 fi kuma 93 gadi hintaaneef tajaajila kennuu danda’uun isaa eerameera.

Dhaabbatichi fageenya waliin-gahiinsa tajaajila geejjibaa ilaalchisuun kiiloo meetira miliyoona 7.8 akka imalee fi waliigalaan deddeebii awutobuusa tokkoo kuma 600 fi kuma lamaa fi  991n ga’uuf karoorfamee; yeroo  kuma 600 fi kuma 94 fi 265 deddeebi’uun danda’ameera jedhameera.

Waliigalaan raawwii isaa dhibbeentaa 115 raawwachuun kan danda’ame yoo ta’u; toora itti bobba’amu hundatti hanga sa’atii sadiitti dhiisisanii hojjechuu; hawaasni gara geejjiba walootti akka dhufu taasisuun waan danda’ameef; sirna hoonnachiiftuu hojii irra oolchuudhaan deddeebiin akka dabalu taasisuun; hooggansa qinda’aa; hordoffii fi deeggarsa hojjetaa taasisuun danda’amuun isaa bu’aa argameef kan eeramuu dha.

Dhaabbatichi  toorawwan 24 magaalattii keessatti tajaajilli geejjibaa itti kennamu irratti qorannoo abbaan taayitaa geejjiba magaalaa Finfinnee taasiseen yeroon turtii maamiltootaa gara daqiiqa 13tti gadi bu’uu isaa eeraniiru.

Qorannichi bakkawwan fedhiin geejjiba uummataa olaanaan jiru; bakkeewwan ka’umsaa fi ga’umsaa imalli daandii dhedheeraan jiruutti taasifamuu isaa kan kaasan hooggantichi; toora tokko tokko irratti yeroo turtii daqiiqaa jahaan ga’uudhaan milkaa’ina gaarii galmeessisuun akka danda’ame kaasaniiru. Faallaa kanaatiin geejjiba argachuuf tooronni hanga daqiiqaa 33tti ittieeggatamu jiraachuus ibsaniiru.

Dhaabbatichi garaagarummaa bal’aa kana dhiphisuuf bara kana baay’ina awutobuusii dabaluudhaan; toorota adda baasuun; deeggarsaa fi hordoffii taasisuun hojjetaa akka jiruu fi maamiltoonni buufataaleetti daqiiqaa 10 ol akka hineegne taasisuuf hojjechuun gamatti odeeffannoo qorannoo bara kana taasifamuu hawaasatti akka beeksisu eerameera.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 6 2014 No 48

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here