Gatiin qullubbii magaalota Finfinnee fi naannoleetti dabalata gatii olaanaa agarsiisaa jira.

0
1034
  • Torban keessatti kiiloon tokko birrii ol dabaleera.

Magaalota Finfinnee fi naannoleetti gatiin qullubbii diimaa turban tokko keessatti dabalata olaanaa agarsiisuu isaa bitattoonni Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Gatiin asbeezaa yeroo yeroon dabalaa jiraachuutu mul’ata kan jedhan bitattoonni Addis Maaledaan dubbiste; keessumattuu qullubbii diimaa fi timaatimiin xumura ayyaana Faasikaatii as turban torbaniin dabalata gatii agarsiisaa jiru jedhaniiru.

Bitattoota Addis Maaledaan aasofsiiste keessaa naannoo Oromiyaatti jiraattuun magaalaa SulultaaGannat Alamuu; magaalaa Sulultaatti torban tokko dura qullubbii diimaan birrii 45tti gurguramaa ture tibbana birrii 70tti gurguramaa jiraachuu himaniiru.

Jiraattuun magaalaa Finfinnee Sa’adaa Mahaammad gama isaaniitiin; torban lama dura qullubbii diimaa kiiloo tokko birrii 40n bitaa akka turan yaadatanii; amma garuu kiiloon tokko birrii 50 akka seenedha gatii dabalataa magaalaa Finfinnee kan ibsan. Dabalati gatii torban torbaniin jijjiirama kan jedhan Sa’adaan; ayyaana Faasikaatiin dura qullubbii diimaan kiiloon tokko birrii 40tti gurguramaa turee; booda garuu gara birrii 45tti akka guddatee fi kana irra darbees tibbana birrii 50 akka ga’e dubbataniiru.

Kana hordofees keessumattuu namoota maatii bulchanuuf gatiin jijjiramuun isaa qofti qaala’insa jireenyaa hammeesseera jechuun rakkoo jiru ibsaniiru.

Jiraattuu magaalaa Finfinnee kan ta’an Iteenesh Arraagaawu haadha ijoollee shanii akka ta’an ibsanii; “qullubbii diimaa mataa sadii birrii 50n bitee akkamittan ijoollee koo bulchuu danda’a?” jechuudhaan gaafatu.

Bitattoonni Addis Maaledaan aasofsiiste akka ibsanitti dabalati gatii kan mul’ataa jiru qullubbii qofa irratti osoo hintaane kan biraa irrattis yeroo gara yerootti hammataa itti fufeera.

Addis Maaledaan bakka gurgurtaa ashaakiltii Kaarraatti argamuudhaan kan daawatte yoo ta’u; guyyoota sadii dura timaatimiin kiiloon tokko birrii 12 irraa gara 24tti akka dabalee fi Caamsaa 3 bara 2014 jalqabee immoo gatiin isaa birrii birrii 18 ta’uu mirkaneeffatteetti.daldaltoonnis ka’umsi dabalatichaa maal akka ta’e akka hinbeeknee fi gatiin ittiin bitan akka itti dabalame eeraniiru.

Daldaltoonni gama isaaniitiin gatiin dhiyeessitoota irraa ittiin fuudhan dabaleera jechuu isaanii eeranii; gatii hanga ammaatti ittiin gurguraa turaniin yoo gurguran akka isaan hinbaafne ibsaniiru.

Qinxaabdota keessaa Ahimad Mahaammad kan jedhaman jiraataan magaalaa Kombolchaa; kanaan dura qullubbii diimaa kiiloo tokko birrii 23 hanga 26tiin bitaa akka turan eeranii; tibbana garuu gara birrii 43tti dabaluu isaa Addis Maaledaatti ibsaniiru. Kana hordofees magaalaa Kombolchaatti birrii 43n gurguramaa kan ture qullubbii diimaan kiiloon tokko gidduu kana birrii 55 hanga birrii 60tti gurguramaa jiraachuu himaniiru.

Gatiin dabaluu hordofuudhaan manneen ciree tokko tokko hojii dhaabuu isaanii beekuun danda’ameera. Haati Buzaayyoo Akililuu jedhaman; nyaata gurguramu qullubbii diimaa malee mi’eessanii hojjechuun hindanda’amu; kanaaf hojii koo mana ciree dhiisuun hojii biraan hojjetaa jira jedhaniiru.

Namoonni qullubbii diimaa dhiyeessitoota irraa fuuchuudhaan karaa suuqii isaaniitiin tajaajilamtootaaf dhiyeessan dabalati gatii tibbana jiru gatii geejjibaa wajjin walitti dabalamuudhaan baasii malee bu’aa argamsiisuufii waan hindandeenyeef dhiyeessuu akka dhaaban ibsaniiru.

Addis Maaledaan dhimmicha irratti ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannootti daarikteera daarikterootii qo’annoo gatii meeshaalee daldalaa Maskaram Baahiruu argachuuf irra-deddeebi’uun yoo yaaltes milkaa’uu hindandeenye.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 6 2014 No 48

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here