መነሻ ገጽAfaan OromooHaala YerooWalabummaa pireesii sodaa keessaa hin baane

Walabummaa pireesii sodaa keessaa hin baane

Miidiyaan dhiibbaa mootummaa fi qaamolee adda addaarra bilisa ta’uu akka qabu kan  amanamu yoo ta’u,Walabummaa pireesiin ala dimookiraasii fiduu yookaan mirkaneessuun dhimma yaadamu miti.

Itoophiyaan tarree Biyyoota Waggoota hedduuf walabummaan pireesii keessatti hin  mirkanoofne keessatti eeramti.

Itoophiyaan Waggoota hedduuf tarree biyyoota walabummaa pireesii hin kennine keessatti hiriiraa kan turte yoo ta’u,mootummaan haaraa erga gara aangootti dhufee booda waggaa tokkoof jijjirama agarsiisee kan ture walabummaan pireesii gara sodaa Isaa duraaniitti deebi’eera.

Waggaa waggaan sadarkaa walabummaan pireesii biyyootaa madaaluun kan maxxansuu gareen Gaazexeessitoota addunyaa daangaa hin qabnee,Itoophiyaan kan Waggoota darbaniin Wal bira qabamee yoo ilaalamu sadarkaa ishee kan Waggoota darbaniirraa  fooyyeessu ishee eerera.

Garichi sadarkaa bara darbe ifa godheen Itoophiyaan gabatee sadarkaa walabummaa pireesiitiin sadarkaa lama hir’isuun 101ffaa ta’uu ishee eerera.

Gareen Gaazexeessitoota daangaa hin qabnee Kun erga ministirri muummee Abiy Ahmad gara aangootti dhufanii booda mul’atee kan ture walabummaa pireesii balaan mudachaa jiraachuu hin dhoksine.

Garichi Gaazexeessitootaa fi qaamolee adda addaa hidhaarra hiikuun akka tarkaanfii gaariitti lakka’amuus naannoolee Itoophiyaa garagaratti walitti bu’insoota mudatan hordofee miidiyaan irratti fiixee akka qabatu gochaa jira jechuun Isaa ni yaadatama.

Maqaa masoo RSF jedhamuun kan beekamu gareen Gaazexeessitoota daangaa hin qabnee Kun bara darbe bu’uura qorannoo biyyoota addunyaa 180 hammachiisuun hojjeteen gaazexeessummaa dhiibbantaa 70 guufuun kan mudatee fi gaazexeessummaa odeeffaannoonis akkasuma biyyoota 73’tti rakkoo guddaan Isaa mudachuu ibsa.

Dhaabbatichi itti dabaluunis biyyoonni weerara vaayresii koronaa sababa godhachuun Gaazexeessitootni socho’anii akka hin gaabaafne dhorkaniiru jechuun komateera.

Qorannichi akka eerutti keesumaa Eeshiyaa,giddu bahaa fi Awurooppaatti Gaazexeessitootni socho’anii gabaasuuf rakkachaa jiru.Itti dabaluunis abbootiin aangoo biyyoota hedduu odeeffannoo dogoggoraa yoo tamsaasan Gaazexeessitootni garuu odeeffannoo sirrii dhiheessuun odeeffannoo dogoggoraa kan sirreessa turanii jedha.

Bara 2021 sadarkaa 174ffaa irratti kan argamtu Iraan walabummaa pireesii irra caalaa cunqursuudhaan maqaan ishee eerameera.Biyyi Abdulfattaa Alsisii Ijiptis sababoota garagaraatiin walabummaa pireesii mulquun sadarkaa 166ffaa irratti galmaa’uun ishee hin dagatamu.

Noorweey pireesiif walabummaa olaanaa kennuun waggoota shaniif  walitti aansuun sadarkaa 1ffaa to’attee kan turte yoo ta’u,Fiinlaandi 2ffaa,Siwiidin ammoo sadarkaa 3ffaa qabatteetti.

Us Ameerikaan sadarkaa 44ffaa irratti kan argamtu yoo ta’u,dhaabbatichi cunqursituu pireesiiti jechuun kan faraju Chaayinaan sadarkaa 177ffaa irratti argamti.

Biyyoonni sadarkaa dhumaa sadan  qabatan ammoo Tarkemeniistan 178ffaa,Kooriyaan Kaabaa 179ffaa akkasumas Eertiraan 180ffaa irra teessetti.

Dhaabbatichi Afriikaatti ammoo biyyootni fooyya’insa gaarii agarsiisuun gabatee sadarkaan ol siquun argamaniiru jedhe Buruundii,Senegaalii fi Maaliidha.

Itoophiyaatti Waggoota hedduuf dhorkamee kan ture walabummaa pireesiis Waggoota sadii dura wayita  ministirri muummee Abiy Ahmad gara aangootti dhufan waggaa jalqabaa sirna duraan turerra fooyya’insa kan  agarsiise ta’u hedduun yeroo dubbatan dhagahameera.

- ይከተሉን -Social Media

Itoophiyaatti sochii dhaabbilee sabqunnantii irratti jijjiiramoonni galmaa’uun fi sababa jijjiiramoonni Kun mul’ataniin addunyaa irratti wayita dinqisiifatamtus  dhagahameera.

Mootummaan haaraa Walabummaa pireesii Itoophiyaa mirkaneessuun dabalata dhaabbilee miidiyaa jajjabeessuun,deeggaruun gahee Isaa akka gumaachuu odeessuurra kan darbe,gama immaammata miidiyaa,seera dhaabbilee sabqunnantii baasuun mirkaneessuun hojiirra oolchuutiin gahee Isaa bahachuun hin haalamu jechuun kan dhagahamanis hedduudha.

Haa ta’u malee Mootummaan aangoorra jiru suuta suutaan seera barreesse haguuguudhaan walabummaa pireesii Itoophiyaa keessaa jiran gara ukkamsaa duraaniitti akka deebi’an akkasumas sodaa irraa bilisa akka hin taane dhimma waldaa ogeesota dhaabbilee sabqunnantii irratti walii galuu akka ta’etu dhagahama.

Yeroo ammaa Gaazexeessitootni reebamuu,ukkaamfamuu,hidhamuu fi erga hidhamanii boodas bakki jiran beekamuu dhabuu fi fooyya’insoonni naannoo bilisummaatti mul’atan gara duubaatti deebi’uun sodaa jiru miidiyaaleef qormaata ta’anii jiru.

Guyyaa walabummaa pireesii addunyaa mata duree gaazexeessitummaan addunyaa keessatti jedhuun Itoophiyaanis kabajjetti.

Yeroo 31ffaaf dhiheenya kana kan kabajame guyyaan walabummaa pireesii addunyaa kun bifa naamusa  ogummaa kabajeen,gaazexeessummaan akka hojiirra oolu,Mootummaan walabummaa pireesii fi waadaa gale akka kabajuuf yaadachiisuufidha jedhameera.

Miidiyaleen bilisummaan isaanii Jala dhorkamee fi sababa gaazexeessaa ta’uu isaaniif qofa kanneen hidhamaniif sagalee ta’uu fi Gaazexeessitoota ogummaa isaaniif jedhanii lubbuu isaanii  dhabaniif yaadannoo gochuufidha.

Afriikaa keessaa biyyoota Gaazexeessitootni keessatti hidhaman keessaa Itoophiyaan tokko akka taatee fi Gaazexeessitootni yeroo yerootti kan hidhaman ta’uun kan beekamudha.

- ይከተሉን -Social Media

Waldaan ogeesota dhaabbilee sabqunnantii Itoophiyaa gama isaatiin dhimmi Gaazexeessitoota yeroo yerootti hidhamanii kan Isa yasdessaa jiru ta’uu ibseera.

Waldichi muudamni boordii ifaa fi seera hin cabsine adda bahe dhibuu,seerri osoo irraa hin sharafamiin hojii irra ooluu dhabuun rakkoolee olaantummaan mul’atan,Itoophiyaatti guddina miidiyaalee olaantummaan  kan miidhu akka ta’es eereera.

Uummannis dhaabbata seera baasu irratti amanamummaa akka hin qabanne kan godhu akka ta’e ni hubataas jedheera.

Waldichi kanaan dabalatas manni maree bakka bu’oota uummataa labsiilee raggaasisee fi labsiiwwan labsaman hojiirra ooluu isaanii xiyyeeffannoon hordofuu danda’uun Isaa gaaffii kan Isa keessatti uumu ta’ee arguu isaas ibseera.

Waldichi itti dabaluunis seerri cabuun kan mul’atee muudamni boordii abbaa taayitaa sabqunnantii Itoophiyaa fi ramaddiin hojii madaalamuun sirra’uu  kan qabu akka ta’e ibsuun,haala gahee murteessaa miidiyaaleen biyyaaf qaban ilaalcha keessa galcheen ta’uu akka qabus ibsameera.

Rakkoon ifatti mul’atu kun furmaataa kan barbaaduu fi mormii miseensota mana maree muraasaa fi kan sagalee hin kennineen kan dhihaatu muudamni Kun kan Isa yaaddessu ta’uu waldichi beeksiseera.Manni maree bakka bu’ootaa uummataa filannoo dhimmicha irra deebii ittiin ilaalu,ilaaluu akka qabus cimsee gaafateera.

Pireezidaantiin Waldaa ogeessota sabqunnantii Itoophiyaa Xibabuu Ballaxaa gama isaaniitiin waggaa sadii dura Mootummaan haaraa gara aangootti dhufuu isaatiin booda waggaa tokkoof walabummaan pireesii fooyya’insa gaarii agarsiise turuu fi Gaazexeessitootni hojii isaanii bilisummaan kan hojjetan akkasumas yeroo hidhaaf hin saaxilamne ta’uus eeraniiru.

Kanarra kan darbes guyyaan walabummaa pireesii addunyaa Itoophiyaatti akka kabajame taasifamuun yeroo milkaa’insi guddaan kan itti galmaa’e ture.

- ይከተሉን -Social Media

Pireezidaantichi itti dabaluunis  seerri miidiyaalee Itoophiyaa Waggoota hedduuf kan Wal nama gaafachiisu kan ture ta’us,Mootummaan haaraa gara aangootti erga dhufee booda seerri ogeessotaan wixinamee raggasifamuun hojii akka oolu yeroo itti godhames tures jedhaniiru.

Seerri miidiyaalee kun Gaazexeessitootni yakkaan yoo himataman adeemsi yakkaan  itti gaafataman osoo jiraateeyyuu hanga birrii Kuma 300’tti yakkaa adabsiisu adeemsa taasifamudha jedhu.

Pireezidaantichi itti fufuunis Itoophiyaan Waggoota hedduuf immaammata miidiyaa kan hin qabne yoo ta’u,Mootummaan haaraan erga gara aangootti  dhufee booda immaammatichi barreeffamee bahuun paarlaamaan raggasifamuun hojiirra akka ooluuf adeemsi adeemame gaariidha.

Dabalataanis Mootummaan waggaa sadii dura miidiyaalee akka kunuunsuu fi miidiyaaleen wayita meeshaalee adda addaa biyya alaarraa galchan dhiibba sharafni alaa isaan irraan gahu hir’isuuf deeggaruun cinatti kanfaltii taaksii ilaalchisee deeggarsa akka taasisu ibsuun Isaa kan yaadatamu ta’uu dubbataniiru.

Kun osoo kanaan jiruu Mootummaan aangoorra jiru suuta suutaan seerota bahan cinatti dhiisuun Gaazexeessitootni osoo hidhamanii,reebamanii fi adeemsi eessa akka jiran kan hin beekamne jiraachuu kan kaasan pireezidaantichi,dhaabbileen miidiyaas balleessitaniitu jedhamanii meeshaaleen isaanii akka fudhatamanii fi ariitiin osoo hin deebiin yeroon itti hafan jira jedhu.

Waldaan ogeessota miidiyaalee Itoophiyaa Mootummaan walabummaa pireesiin akkasumas hidhaa irra deddeebiin Gaazexeessitoota irra gahu akka sirreessuu fi seerota bahanis hojiirra oolchuu akka qabu irra deddeebiin  watwaataa turuu himaniiru.

Akka pireezidaantichi jedhanitti gara fuulduraa Mootummaan Gaazexeessitootni adeemsa rakkisoo  keessa ta’uun, hojii isaanii hojjechaa jiraachuu hubachuun,walabummaa pireesii mirkaneessuun akkasumas seerotni baase hojiirra oolaa jiraachuu xiyyeeffannoon irratti hojjechuu qaba jedhaniiru.

Dabalataanis immaammata miidiyaa Fi seerota miidiyaalee hojiirra oolchee agarsiisuurra kan darbe rakkoo  walabummaa pireesii yeroo ammaa mudataa jiru maraammartoota keessaa baasuun akka barbaachisu eeraniiru.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 13 2014 No 49

ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads
- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች