መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiWaldaaleen hojii gamtaa Naannichaa daldaltoota simintoo chirichaaroo bakka bu’uun hojjechuufi

Waldaaleen hojii gamtaa Naannichaa daldaltoota simintoo chirichaaroo bakka bu’uun hojjechuufi

Daldaltootnisimintoo chirichaaroo  guutummaa guutuutti sirnicha keessaa akka bahangochuun naannichatti Waldaaleen hojii gamtaa isaan bakka bu’uun akka hojjetan gochuuf hojjechaa jiraachuu ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa beeksiseera.

Itoophiyaatti yeroo ammaa kana oomishni simintoo gahaan gabaarra jiraachuu dhabuuIsaa waliin Wal qabatee,gabaa irratti gatiin simintoo kuntaala tokkoo gidduu galeessaan hanga birrii Kuma tokkoo fi dhibbatokkootti akka gurguramuu fi hojiin to’annoomootummaan hojjetan ture ka’uunis rakkoo amma mul’atan jiru hammeessaa jiraachuu daayrektarri kominikeeshinii ministeerri daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Qumnagar Isheetuu Addis Maaledaatti himaniiru.

Hoggantittiin rakkoo eerame furuufi uummannis oomisha simintoo sirnaan akka argatuuf kan yaadamee fi gara fuulduraa daldaltootasimintoo chirichaaroo guutummaa guutuutti sirnicha keessaa akka bahan taasisuun Waldaaleen hojii gamtaaNaannichaa keessa jiran  bakka isaanii bu’uun akka hojjetan taasifama jedhaniiru.

Akkasumas gaheen raabsitoonni jumlaas akka ol ka’u magaaloota gurguddookeessatti dhiheessi barbaachisaa guutuun sirna oomishichi kallattiin fayyadamtootaaf itti dhihaatu diriirsuuf hojjetamaa jiraa jedhaniiru.

Kanarra kan darbe bittaa fi gurgurtaa oomisha simintoo fi cancala wal irra fuudhinsa irratti kan mul’atu oomisha dhoksuu dabalatee adeemsa hojmaata walxaxaa fi dhoksaa kanneen biroo hambisuun gatii oomishaalee bu’uuraa mootummaan baasuukeessa galchuun balbala warshaslee irraa eegalee hanga fayyadamtoota bira gahutti gatii murteessuun hojiin raabsaa hogganuukan raawwatamu ta’uu Hoggantittiin ibsaniiru.

Ministeerichi dabalataanis warshaaleen oomishtootaa magaaloota keessatti mankuusaa  oomisha simintooakka banan gochuurra kan darbe oomishicha namoota magaalaan ala jiraataniif akkasumas raabsitootni jumlaa fi waldaaleen shamattootaakaraa raabsitoota chirichaarootiin sirna ittiinkallattiin fayyadamtoota biraan gahan mijeessuun ni hojjetamaa jedhameera.

Ministeerri daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa,Itoophiyaatti warshasleennaannoolee rakkooleen nageenyaa itti uumama turanitti oomisha oomishuu dadhabuun isaanii sababoota hanqina oomisha simintoo keessaatokko ta’uu kan ibse yoo ta’u,gara fuulduraa warshaaleen oomisha dhaabaniituran gara oomishuutti akka deebi’uu danda’aniif dhaabbilee dhimmi isaan ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetamus ibsameera.

Ministeerichi sababa rakkoo nageenyaan maashinoota miidhaan isaan irra gahe haala bakka buusuun danda’amu irratti warshaalee waliin mari’atamee furuuf akka hojjetamus fi keesumaa ammoo warshasleen simintoo Habashaa fi Mugar humna isaanii guutuun oomisha oomishuu akka danda’aniif rakkooleen qaban adda bahanii  ni furamuu jedhameera.

Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaatti  warshaa simintoo guddaan ijaarsi isaa eegalame ijaarsi isaa xumuramee gara hojiitti akka galuuf deeggarsaa fi hordoffiin addaa akka godhamuufis ibsameera

Ministeerri daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa, abbootiin qabeenyaa damicha irratti bobba’uu barbaadan jajjabeessuun,deeggarsa investimentii gochuun warshasleen simintoo haaraan keesumaa naannolee dhiheessi meeshaalee dheedhii jiranitti akka babal’atangama gochuutiinkaroora yeroo dheeraa qabachuun akka hojjetamu eereera.

Warshasleen irracaalaa isaanii hangi oomisha oomishanii gabaaf dhiheessanii hanga oomisha ol kanfaltii duraa fayyadamuun isaanii dhiheessi galtee simintoo irratti dhiibbaa uumuu isaanii Ministeerichi irra deddeebiin kan ibsu yoo ta’u,akka fakkeenyattis warshaan simintoo Habashaa raabsitoota jumlaa irraa gatii gurgurtaa fudhatee oomisha osoo hin kenniin ji’oota saddetii ol turerra jedhameera.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 13 2014 No 49

 

ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads
- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች