DKTn hojjettoota isaa dhibbeentaa 50 ol karaa seeraan-alaatiin hojii irraa ari’eera jedhame

0
971

Hojjettoonni DKT Itoophiyaa; dhaabbatichi yeroo rakkisaa kanatti hojjettoota isaa dhibbeentaa 50 ol karaa seeraan-alaatiin hojii irraa buqqiseera jechuun Addis Maaledaatti ibsan.

Hojjettuun maqaa isaanii ibsuu hinbarbaanne tokko; yeroo qaala’insi jireenyaa fi hoji-dhabdummaan hammaate kanatti; haala nama rifachiisuun hojjettoota isaa dhibbeentaa 50 ol hojii irraa akka buqqa’an taasiseera jedhan.

Itti dabaluunis; dhaabbatichi kan sadarka idil-adunyaa waan ta’eef; sababni hojii irraa hojjetaa ari’uuf arjoomaan (donor) hinjiru jechuudhaan. Hata’u malee arjoomaan jiraatus jiraachuu baatus ofii isaatiin dhaabbachuu kan danda’uu dha jechuun dubbataniiru.

Hojiin isaa oomishaalee biyya alaatii galanuu fi fayyaa irratti xiyyeeffatan hospitaalotaaf,  kiliniikotaa fi manneen qorichaatti gurguruu akka ta’e eeranii; yeroo kanatti oomishaalee irratti dabalata gatii naasisaa taasisuudhaan hojii seeraan-alaa hojjetaa jira jedhaniiru.

Konkolaachistoota irraa jalqabee hanga hojjetoota bulchiinsaatti hojjettoota isaa guutummaa biyyattii keessa jiran irratti gochaan hojii irraa buqqisuu seeraan-ala ta’e qaqqabaa jira jechuun himaniiru.

Hojjettuttiin dabalataanis gochaa kana kan raawwataa jiran hoogganaa biiroo giddugaleessaa (country director) fi hoogganaa damee Finfinnee (area office manager) waliin ta’uuni jechuun komii isaanii dhageessisaniiru.

Hojjettuun kan biraa utuu maqaa isaanii hindha’in komii qaban dhiyeessan gama isaaniitiin; waggoota shanii ol dhaabbiidhaan hojjechuu isaanii ibsanii; hata’u malee labsii yeroo atattamaatiin akan ka’e hidhamee wayitan deebi’un hojii irraa dhorkame jedhaniiru.

Kanaanis mana murtiitti himdhee yoon tures; kanaan dura hojii keenyaan ala waggaatti fandii doolaara miliyoona 10 qabna ture. Amma sababa waraana kaabaatiin gara doolaara miliyoona lamaatti waan gadi bu’eef hojjetaa hir’isaa; caasaa haaraas hojjetaa jirra deebii jedhu dhiyeessaniiru jechuun ibsan.

Kunis caasaa haaraa ta’uu akka hindandeenye kaasanii; guutummaa biyyattiitti hojjettoonni 100 ol yoo jiraatanis kan hafan gara 30 ta’u jedhan. Kanaanis isaan kan itti ari’aman ji’a Sadaasaa dabalatee hanga ammaatti ji’a ji’aan dhorkaa hojii kennaa jiraachuu mul’isaniiru.

Bakka keenyatti hojjetaa haaraa qacaruu isaanii sirriitti hinbeeku; hata’u malee Jimmaatti kan argamuu fi man-kuusaa cufamee ture tokkoof; faarmaasistii hayyama qabu beeksisa qacarrii utuu hinbaasin bakka buusuu isaanii odeeffannoon dhaga’eera jedhan.

Akkasumas hojjetaan tokko waggoota hedduuf dhaabbaticha keessa akka turan eeranii; amma garuu nutty duulameera jechuun ni danda’ama jedhan.

Dhaabbatichi waggoota 32 darbaniif gama karoora maatii fi sirna wal-hormaata fayyaatiin dhaabbata maqaa guddaa qabu ture erga jedhanii booda; jalqaba hojjettoota bulchiinsaa achi keessa turan akka dhorkaman taasisuun; itti aansuunis hanga gadiitti kan jiran ari’amaniiru jedhan.

Itti dabaluunis; hoogganaa haaraan dhaabbatichaa bara kana dhufe ifatti hojii dhaabbaticha diiguu hojjetaa jira jedhaniiru. Dabalataanis oomishaalee gatii sirriidhaan akka raabsaman barbaadaman imaammata mootummaatiin ala gatii olaanaa itti dabaluun hawasni akka komatuu fi dhiibbaa biraa keessa akka galu taasifamaa jira jechuun dubbataniiru.

Hojjettoonni hojii irraa dhorkamanis biiroo akka hinseenne dabalataan dhorkamaa jiraachuu eeranii; kunis seeraan-alummaa dha jedhan.

Dhiyeessitoonni komii; akkasumas bakka hojii isaanii gadhiisanii akka adeeman kan gaafataman ta’uu kan ibsan hojjettoonni kun; fakkeenyaafis namni bakki hojii isaa Finfinnee ta’e akka hindeemne utuu beekamuu gara Finfinneen alaatti deemi jedham; hindeemu yoo jedhe hojii gadhiisuuf dirqama jedhaniiru.

Itti dabaluunis; labsii hojjetaa fi wabii hawaasummaatti waan hinhaammataminiif rakkoon kun nurra ga’eera jechuun ibsanii; kunis ta’ee garuu dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa kana dhaabbata dhimmichi ilaalutti beeksisaa jirra; mana murtiitiinis dhimmi keenya qabameera jedhan.

Addis Maaledaan komee dhiyaate kana bu’ureeffachuun gara biiroo DKT Itoopiyaatti bilbiluun kan gaafatte yoo ta’u; deebii bilbilaan hinkenninu waan jedhameef deebii dhaabbatichaa itti ida’uun hindanda’amne.


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 4 2014 No 52

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here