መነሻ ገጽAfaan OromooHaala YerooGaaffii caasaa fi gaaga’ama isaa

Gaaffii caasaa fi gaaga’ama isaa

Itoophiyaa keessatti kallattii arfaniin gaaffiiwwan naannoo, godina akkasumas aanaa hataanuu wayita ka’an hubatama. Naannolee Amaaraa, Biiniishaangul Gumuz, naannoo ummattoota kibbaa, naannoo Oromiyaattis yeroo adda addaatti gaaffiiwwan caasaan naaf hata’u jedhan ni ka’u.

Gaaffiiwwan naannoo hataanuu kun gama tokko tokkoon yaadni sirrii dha jedhu wayita ka’u; gama biraatiin immoo lakkii! heera mootummaa irraa jalqabee dogongora falmiin jedhu ni dhaga’ama. Kun hundi hanga ammaatti dhimma falmisiisaa ta’eera.

Gaaffiin caasaa tokko deebii argachuu; kan biraa barfachuu akkasumas dhorkamuun qaamolee gaaffii dhiyeessanu biratti komii ta’aa jira. Itoophiyaa keessatti kallattii adda addaatti kan argamanuu fi qaamoleen gaaffii caasaa dhiyeessan komiin kaasanu gaaffiin isa tokkoo deebi’ee kan biraa deebii dhabuun isaa gochaa walqixxummaa hinqabneedha jechuun dubbatu.

Kanaan dura kan ka’an gaaffiiwwan naannoo ykn godina hataanuu muraasni deebiin sirriin kan kennameef yoo ta’u; tokko tokko immoo gaaffii isaanii dhiyeessaa jiru. Gaaffiin naannoo ta’uun qaba jedhu keessumattuu kutaa Itoophiyaa kibbaatti ammas akkuma itti fufetti jira.

Hata’u malee; gaaffiiwwan akkasii fi raawwiin isaanii karaa kallattiinis ta’e al-kallattiin faayidaa isaanii irra miidhaan isaanii caalaa jiraachuu hayyoonni damee kana agama isaaniitiin yaada itti kennaa jiru.

Yeroo adda addaatti kan ka’anii fi kan ka’aa jiran gaaffiiwwan “naannoo, godina, aanaa” hataanu jedhan faayidaa isaanii irra miidhaan isaanii kan caalu fakkaatakan jedhan xiinxalaa siyaasaa Suraafeel Ayyaaloo ti. Akka ibsa hayyichaa yoo ta’e; gaaffiin caasaa kun faayidaa isaa irra miidhaan isaa kan baay’atu bulchiinsaaf akka tolutti naannoodhaan caaseffamuun filatamaa ta’ee utuu jiruu; hojmaanni aantummaa qaamolee caasicha dursauu waan caaluuf biyya yaaduu irra carraan naannoo irratti xiyyeeffachuu bal’achaa waan dhufeef.

Suraafeel Addis Maaledaatti akka ibsanitti yoo ta’e; gaaffiin kun yeroo tokko tokko keessumattuu naannolee gidduutti babal’ina sanyummaa fi finxaaleyyummaatiif ka’umsa ta’uu akka hinhafnee dha. Haala yeroo Itoophiyaan keessa jirtuun arifachiisaa fi furmaata fiduuf kan tolu gaaffii caasaa kaasuu irra waraana waliin waliinii sabummaa ka’umsa taasifachuun babal’achaa jiruuf ka’umsi isaa wal qooduu ta’uu hubachuu dha jedhu xiinxalaan siyaasaa kun.

Caasaan baay’achuu fi qorumsa itti aanan

Bakkeewwan kanaan dura gaaffiin isaanii kanaan dura deebi’eef jalqaba isaa irraa hanga deebii argatanitti gaaga’ama hedduu akka dabarsan dubbatama. Karaa nagaa fi seera-qabeessa ta’een keessumaa’u jedhamanii eegamaa kan turan gaaffiiwwan naannoon nuuf hata’uu dhiiga dhangalaasuu fi lubbuu dabarsuu akkasumas barbadaa’uu qabeenyaa hordofsiisaniiru.

Naannoleen bifa haaraadhaan erga hunda’anii boodas jiraattonni rakkoowwan hedduutti wayita saaxilaman hubatamu. Fakkeenyaafis jiraattonni naannoo haaraa Itoophiyaa kibba lixaatti argaman naannichi dhiyeenya kana hundeeffamuu isaa hordofee rakkoowwan baay’een isaan mudataniiru.

Jiraattonni godinaalee naannicha jala galan keessa jiraatan akka jedhan yoo ta’e; misooma bu’uraalee bishaanii, hanqina meeshaalee barnootaa, rakkoowwan nyaataa fi kan biraa baay’eetti saaxilamtoota ta’aniiru.

Kana qofa osoo hintaane naannoolee Amaaraa, Biiniishaangul Gumuz akkasumas naannoo Oromiyaatti caasaalee godinaa taasifameen bu’aa ba’iin salphaa hintaane jiraattota mudataniiru.

Yeroo fi bakkeewwan adda addaatti naannoo, godina akkasumas aanaa ta’uu qabna qaamolee jedhan irratti miidhaan hanga du’aatti gahe raawwatameera. Gaaffiiwwan dhimmichaan cinatti ka’anus qaamoleen achi keessaa qooda qaban deebii sirrii dhowwachuun isaanii akkasumas gaaffii baay’ee irra-deddeebi’ame boodas gaaffiiwwan tokko tokkoof deebii kennuun isaanii ni beekama.

Hata’u malee gaaffiin isa tokkoo deebii sirrii argachuun; “nuti maaliin hanqanna” dhaadannoo jedhuun gaaffii caasaan naaf ta’aa isa biraa caalaatti yoo jajjabeessu mul’ateera. Mana mare federeeshiiniitiif bara baraan gaaffiin irra-deddeebi’ame dhiyaataafii kan ture gaaffiin Sidaamaa naannoo taana jedhu deebii erga argatee booda gaaffiin naannoo hataanuu Guraagee hammaateera.

Hiyyi naannoo hataanuu uummata Guraagee Sidaamaaf naannoo ta’uun erga hayyamameefii gaaffiin Guraagee sababni hinkeessummoofneef hinjiru kan jedhuu dha. Gaaffii naannoo ta’uu Guraagee bu’aa akka fiduu fi naannoo ta’uuf akka hinhanqanne kan ittiin ibsan gidduudhaa; kanaan dura kan kanaan dura hayyama naannoo ta’uu argatanii gadi akka hintaane baay’ina aanaalee isaa ibsuudhaan.

Fakkeenyaafis “gaaffii fi hiyya naannoo ta’uu uummata Guraagee” jedhamuun kan moggaafame gareen tarkaanfachiisa sagalee jiraattotaa; “Harar naannoo ta’ee kan caaseffame aanaalee sagaliin yoo ta’u; Guraageen caasaa haaraadhaan aanaalee gara 16 ta’an utuu qabuu manni mare federeeshiinii maaliif deebii hinkennu; Guraageen naannoo ta’uutu isaaf mala; qabsoon keenyas itti fufa” yaadonni jedhan keessatti argamu.

- ይከተሉን -Social Media

Gama biraatiin; sadarkaa naannootti erga caaseffamee ji’oota saddeet kan lakkoofsise naannoo haaraan Itoophiyaa kibba lixaa keessa lammiiwwan jiraatan lubbuu isaanii dhabuu irraa jalqabee qaqqabamummaan misooma bu’uraalee qormaata akka isaanitti ta’e dubbatu.

Dhimmoota ittiin qoraman keessaas gama barattootaatiin kan hubatamu guutamuu hafuun galteewwan barnootaa ni eeramu. Barattoonni naannichatti argaman hanqina kitaabaa furmaata dhabe akka qaban irra-deddeebiidhaan dubbatu. Keessumattuu barattoonni kutaa 12 kanaan dura “maal dubbisnee ha qoramnu; kitaaba omaa hinqabnu” jechuun dubbatanii turan.

Barsiisonni gama isaaniitiin; miindaan waan hinkaffalaminiif barsiisuu dhiisuuf murteessuu isaanii hordofeebarattoonni barnoota isaanii hordofuuf carraan itti hindanda’in hubatameera. Naannolee fi godinaalee haaraa caaseffaman keessatti rakkoon bishaanii lammiiwwan mudates hiyyata isa biraa ti.

Dhiyeenya kana kan hundaa’e naannoo Itoophiyaa kibba-lixaa keessa lammiiwwan jiraatan rakkattoota hanqina bishaanii ta’uunis; waggoota 12f duubatti kan harkifate piroojeektiin bishaan dhugaatii magaalaa Boongaa dabalatee magaalota biraa keessas kan jiru rakkoon dhiyeessii bishaan qulqulluu akka furamuuf naannichi ji’a Caamsaa bara 2014 keessa mootummaa federaalaatiif gaaffii dhiyeessuun isaa ni yaadatama.

Naannoo ta’uun hayyamamuun  ni fayyada?

Gaaffiiwwan caasaa naannoo, godina, akkasumas aanaa hataanu jedhan yeroo yeroon ni ka’u. Hata’umalee bu’aan murtichaa faayidaa isaa irra miidhaan isaa akka caalu hayyoonni ni dubbatu.

Faayidaa isaa irra miidhaa isaatu caala kan jedhan gaaffii caasaa kana qaamni biyya bulchu teessoo ittiin argachuuf kan ittiin fayyadamu ta’uu kaasuun. Gurmuun biyya bulchu teessoo irra taa’e malee carraa rakkoo furuu hinuumne kan jedhan ministeera dhimma alaatti qorataa olaanaa Dr. Wuhii Begzeer Farrada ti.

Sirna federaalizimii sababa godhachuun aangootti bahuuf hayyoonnii fi namoonni siyaasa tarkaanfachiisan kan wixxifatan “enyummaan kee tuqameera; ka’i” jechuudhaan ummata kakaasaa akka meeshaatti itti fayyadamuun gamatti; sadarkaa caasaatti jijjiiramni madaala kaase hinmul’anne jedhan.

- ይከተሉን -Social Media

Gareen bittootaa uummataan “enyummaan kee dhiibameera ka’i” tuttuqaa jedhuun teessoo ofii isaa mijeeffachuu irra darbee adeemsa sirrii federaaizimiitti kan fayyadamu hinjiru jedhan WuhiiBegzeer.

“Akka hubatamu yoo ta’e; naannoo ta’uun kan uummataaf fayyadu osoo hintaane miidhaa isaatu waan caalu fakkaata; gaaffiin naannoo hataanuu kan kaasu hundi kan teessoo barbaaduu fi uummata xuuxuu dha.” Kan jedhan WuhiiBegzeer; gaaffiin caasaa Itoophiyaa keessatti hubatamu warra biyya hooggananiif malee ummataaf omaa kan hinfayyadne ta’uu dubbataniiru. Kanaaf kan humna qabaatu gareen biyya bulchu aangoof gaggabuu yoo dhiisee dha jechuun dubbataniiru. Kana waan ta’eef faayidaa qabaachuu kan danda’u qaamni biyya bulchu aangoof wuxxifachuu yoo dhiisee dha jechuun hubachiisaniiru.

Sidaamaan misooma bu’uraalee, bulchiinsa uummataa fi wantoota kan biraa baay’eedhaan jijjiirama agarsiiseera wayita jedhamu ni dhaga’ama. Hata’u malee akka ibsa xiinxaltoota siyaasaa yoo ta’e; Sidaamaan sadarkaa naannoo jedhamu irratti hinargamu.

Hayyama naannoo ta’uu kan argatan keessaa naannoon Sidaamaa baay’inaan cimeera, misoomeera akka jedhan miti kan jedhan WuhiiBagzeer; mallattoo isaaniitiin garuu naannoon Sidaamaa akka dadhabe malee misoomtee akka hinargin Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Xiinxalaan siyaasaa Izaanaa Zemenfes; barreeffama isaanii “federaalizimii fi keewwata 39” jedhuun kaasaniiru. Sana irratti wayita ibsan; keewwanni 39 gara caalu kan hammatu saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni Itoophiyaa hariiroo sirrii hintaane seenaa isaanii darbe irraa dhaalan sadarkaa sadarkaadhaan sirreessaa tokkummaa diimookiraatawaa obbolummaa biyyaa irratti hundaa’e ijaaruu akka danda’an taasisuuf galma hawwe kan kaa’ate yoo ta’es; paartileen siyaasaa mormitootaa garuu milkaa’ina fedhii dhiphaa ofii isaaniitiif haala mijatuun hiikuuf wayita yaalan mul’atu jechuun kaa’aniiru.

    Itoophiyaa ammaatiif kan wayyuuf …?

Itoophiyaan keessumattuu waggootaa as lammiiwwan ishee sadarkaa walumaan diina walitti ta’an irra geesseetti. “jaamaan walqabattee bishan ceeti” akkuma jedhamu Itoophiyaanonni baroota duraan darbanitti tokkummaan dhaabbatanii diinota alaa kan biraa wayita qolatan malee; akka amma mula’atu Adiwaa faarfataa lammiin lammii irratti kan itti ka’e gochaa qaanessaa akka hinkeessummeessin seenaan ni ibsa.

Wuhii Bagzeer gama isaaniitiin; sirni federaalizimii utuu hindhufin dura Itoophiyaan seenaa isheetiin waraanni waliin waliinii kan yeroo ammaa fakkaatu ishee mudatee hinbeeku jedhaniiru.

- ይከተሉን -Social Media

Itoophiyaa keessatti waliin wal ajjeesuun taatee yeroo dhiyoo as jalqabamee dha kan jedhan WuhiiBegzeer; kunis kan madde yaadni fottoqaan “kan keenya” jedhu erga dhufee booddee dha.

Kana waan ta’eef; uummata tokko gidduutti wal qoodinsa uumuun Itoophiyaa amma jirtuuf kan mijatu akka hintaane Wuubegzeer hubachiisaniiru. Fakkeenyaafis Itoophiyummaaf giddugala ni ta’a jedhamee kan ture naannoon kibbaa kukkutamaa jiraachuu kan eeran Wuubegzeer; bu’aan kanaan argamu immoo waliin wal ajjeesuu; wal qooduu fi gosaan adda bahuu dha jedhu.

Itoophiyaa rakkoo amma keessa jirtu keessaa baasuuf yeroo ammaatti gaaffiin caasaa arifachiisaa ta’uu akka hinqabne eerameera. Gaaffiiwwan naannoo hataanu jechuun kanaan dura irra-deddeebiin ka’aa turaniif deebiin kennamuu hordofuun kutaaleen hawaasaa gaaffii baay’ee kaasanii fi kaasaa jiran ni jiru.

Hata’u malee; Itoophiyaa yeroo ammaatti kan ishee fayyadu kallattii arfaniin gaaffiiwwan caasaa kaasuu utuu hintaane; tokkummaadhaan ta’anii gamtoomuun diinota alaa of irraa qoluu dha. Kun ta’uu hafnaan dinagdeen Itoophiyaas akkuma naannoon baay’ataa adeemeen fedhii bajataa kana hordofee dhufu guutuun deebii kennuun akka dadhabsiisu ka’eera.

Hundumtuu dabareedhaan gaaffii caasaa yoo kaasu; ummanni biyya tokkoo akka waan alaa dhufeetti akka ormaatti wal ilaaluuf karaa bana jechuun yaaddoo isaanii ibsaniiru. Kana waan ta’eef caasaan baay’achuun jijjiirama dinagdee cimaa waliin ta’uun uumamuu fi walitti hidhamiinsa hawaasummaa akkasumas gurmaa’ina siyaasaa cimaa yoo gufachiise malee hawwii dhugoomsuu hindanda’u jechuun Wuhiibegzeer turtii Addis Maaledaa wajjin taasisaniin ibsaniiru.

        Seeraa fi gaaffii caasaa

Bu’uura heera mootumaa keewwata 39tiin sabni, sab-lammii fi uummanni Itoophiyaa kamiyyuu mirgi carraa ofii isaa ofiin murteeffachuu fi hanga fottoquutti qabu bifa kamiinuu daangeffama malee kan eegame ta’uu; afaan isaa guddifachuu fi aadaa fi seenaa isaa ibsachuu; gabbifachuu; babal’isuu fi kununfachuuf mirga guutuu akka qabu ogeeyyiin seeraa ni dubbatu.

Kutaaleen hawaasaa gaaffii caasaa kaasanus sadarkaa jalqabaa irratti gaaffii isaanii kan dhiyeessanu heera mootummaa bu’ura godhachuun. Gaaffiiwwan naannoo, godina, ykn aanaa addaa ta’uuf yeroo yeroon dhiyaatan seerichaan hayyama akka qaban ogeeyyiin seeraa ni ibsu.

Gaaffiin caasaa ofiin of bulchuu; dhimma ofii ofiin murteeffachuu wajjin kan walqabate mirga heera mootummaa ti kan jedhan yuunivarsiitii Baahie Daaritti barsiisaa seeraa piroofeeseer Tamasgeen Sisaay.

Mootummaan federaalaa; naannoleen akkamiin hundaa’u; akkasumas daangessuun maal fakkaachuu qabaqabxiiwwan jedhan heerri mootummaa amma tokko yoo ta’es kaa’eera kan jedhna barsiisaan seeraa kun; sabaa fi sab-lammiin Itoophiyaa kamiyyuu mirgi carraa isaa ofiin murteeffachuu daangeffama tokko malee taa’uun isaa heera mootummaa Itoophiyaatiin tumameera jedhan.

Carraa ofii ofiin murteeffachuu ilaalchisee keewwata 39 keewwati xiqqaan lama; sabaa fi sab-lammiin Itoophiyaa kamiyyuu mirga afaan isaa guddifachuu; aadaa isaa ibsachuu akkasumas seenaa kunuunfachuu akka qabu ni kaa’a jedhu Tamasgeen.

Hata’u malee seerichi sirriitti rawatamummaa haalli itti hinarganne akka jirus eerameera. Akka ibsa ogeessichaa yoo ta’e; keewwanni 39 sirrummaa dhimmichaa yoo tumes; gaaffiin caasichaa deebiin utuu hinkennaminiif waggoottaniif turuu fi deebii kennuuf qaamni hayyamamoo ta’e dhabamuun dhimma karaa nagaa fi seeraatiin hiikamu bifa isaa akka jijjiirratuuf sababa ta’eeraaf.

Gaaffiiwwan naannoo ta’uun naaf malaa karaa hawaasaatiin dhiyaatan gama tokkoon qaamoleen qeeqan ni jiru. Gama biraatiin immoo seericha irratti hundaa’uun gaaffii isaanii dhiyeeffatan sirrii ta’uu isaanii cimsanii falmatu.

Addis Maaledaan kan aasofsiiste hayyoonni seeraa gama isaaniitiin; bu’ura seerichaatiin gaaffiin hawaasa biraa ka’u sirrii fakkaatee yoo mul’ates; heerri mootummaa garuu keewwata 39 irratti kan tume hubannoon kan isa hanqatuu fi sababaan kan guutame federaalizimii sabummaa kan jajjabeessu ta’uu dubbatu.

Heerri mootummaa Itoophiyaa amalaa fi qabiyyee isaatiin; gaaffii bahachuu fi deebisuu hindandeenye kan baatee fi kan deebise natty fakkaata jedhu hayyuun seeraa Tamasgeen. Kutaaleen hawaasaa gaaffiin caasaa isaanii utuu deebii hinargatin oolee yoo bule komiin itti dhaga’amu jiraachuun kan beekamu yoo ta’u; gama biraatiin immoo deebii argatees qormaanni bulchiinsaa haalli itti aggaamamu akka hinbadin dubbatama.

Gaaffii caasaa dhiyeessanii deebiin kennameefii dhiyeenya kana naannoo kan ta’an naannoleen Sidaamaa fi Itoophiyaa-kibba-lixaa; misooma bu’uraalee irraa jalqabee rakkoowwan hedduu akka qaban irra-deddeebiin dubbachuun isaanii hinhaalamu.

Barsiisaan seeraa kun akka jedhanitti yoo ta’e; gaaffiiwwan caasaa jijjiiramaa fi harkifamaa yoo dhufan sadarkaa dhimmoonni bulchiinsaa deebii itti kennuu hindandeenye irraan gahuu akka danda’an tilmaamama.

Gaaffii caasaa kutaaleen hawaasaa tokko tokko kaasaniif mootummaan deebii kennee kaan tursiisuun isaa; hedduu isaanii immoo mirgi alqixxummaa isaanii akka hinkabajaminiif miira fakkaatu wayita itti uumu mul’ata.

Barsiisaan seeraa kun gama isaaniitiin; Itoophiyaa keessatti wantoota bifa adda addaa qaban ilaalla jedhan. Keessumattuu gaaffiin naannoo, godina, aanaa hataanu jedhu bakkeewwan adda addaatti ka’u. Mootummaan wayita waan siyaasni itti ulfaate fakkaatutti haalli isa tokkoof hayyamee kan biraa dhorku jiraachuu eeruun; kutaan seeraa isa tokko dhorkanii isa tokkoof ittiin hayyaman immoo hinjiru jedhu.

Deebiin mootummaan kennu seera dhimmichaaf deebii kaa’e wajjin wayita wal cinatti ilaalamu; keessumattuu gama ofiin of bulchuu fi sadarkaa walqixxummaatiin wayita ilaalamu qaawwaatu keessatti hubatama jedhaniiru.

Dhimmi bulchiinsaa yeroo fudhachuun dhimmicha irratti yaaduu fi bajata olaanaa kan gaafatuu dha kan jedhan Tamasgeen; heera mootummaa sana irratti rakkoowwan haala-duree yaada keessa hingalchin ni hubatamu jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.


አዲስ ማለዳ Adoolessa 9 2014 No 57

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች