Sibiilonni ciccitaan tilmaamni isaanii birrii miliyoona 79 ol ta’u qisaasatti saaxilamaniiru jedhame.

0
886

Manneen hojii federaalaa keessatti sibiilonni ciccitaan tilmaamni isaanii birrii miliyoona 79 ol ta’an qisaasatti saaxilamuu abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa Addis Maaledaatti beeksise.

Abbaa taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaatti daarikteerri koomunikeeshiinii Sexxeny Galaan Addis Maaledaatti akka beeksisanitti; abbaan taayitichaa waajjiraalee federaalaa Itoophiyaa keessatti argamanuu fi yuunivarsiitota dhaabbilee barnoota olaanaa mootummaa ta’an keessatti sibiilota ciccitaa qisaasatti saaxilaman addaan baasuun maallaqatti tilmaamuun kaa’ee jira.

Daarikteerichi itti dabaluunis; sibiilota qisaasatti saaxilama adda baasuun kan danda’ame duula hojii ji’oota sadii keessatti taasifameen ta’uu fi kanaanis sibiilonni ciccitaan tilmaamni isaanii birrii miliyoona 79 fi kuma 600 fi kuma 38 fi 243 ta’u qisaasatti saaxilamuun isaanii akka mirkanaa’e eeraniiru.

Kanaafis sibiila ‘istiilii’ kiiloo giraama miliyoona tokkoo fi kuma 300 fi kuma 45 fi 841 madaalu; sibiila aluminiyeemii kiiloo giraama miliyoona tokkoo fi kuma 200 fi kuma 55 fi 148 madaalu; sibiila ‘nahaasii’ kiiloo giraama kuma 100 fi kuma shanii fi 120; sibiila meeshaalee jijjiirraa konkolaataa adda addaa tajaajilan kiiloo giraama kuma 100 fi kuma 74 fi 460; waliigalaan gosa sibiilotaa ciccitaa shan ta’uu daarikteerichi himaniiru.

Sibiilonni ciccitaan kanaan olitti ibsaman irra-caalaa baay’inaan kan keessatti argaman ministeera qonnaa; ministeera fayyaa; abbaa taayitaa daandiiwwan Itoophiyaa; yuunivarsiitii Finfinnee; yuunivarsiitii Arsii; akkasumas yuunivarsiitii Madda Walaabuu ti jedhameera.

Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa manneen hojii mootummaa federaalaa hundi sibiilota ciccitaa tajaajilanii fi dhaabbilee isaanii keessatti kuufaman ji’oota sadan itti aanan keessatti ministeera albuudaa wajjin dubbachuun gurgurtaaf akka dhiyeessan hubachiiseera.

Dhaabbileen maallaqa gurgurtaan argatan yeroodhaan qaama mootummaa dhimmichi ilaalutti galii akka taasisan daarikteerichi gaafataniiru.

Dhaabbileen ji’oota jedhaman keessatti sibiilota ciccitaa gurgurtaaf hindhiyeessinee fi galii isaa hingalchine irratti ministeerri maallaqaa tarkaanfii bulchiinsaa of danda’e akka fudhatuu fi seeraan itti gaafatamaa akka taasisus himameera.

Qindeessummaa abbaa taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaatiin manneen hojii mootummaa federaalaa hunda keessatti sibiilota ciccitaa tajaajilanii fi kuufaman; konkolaattotaa fi maashinoota Ebla 4 bara 2013 jalqabee galmeen akka raawwatamu taasifamee gabaasni gosaa fi baay’ina qabeenyichaa abbaa taayitichaaf dhiyaachuun hindagatamu.

Kanaan dabalatatti konkolaattota daandiitti ba’uun tajaajila hinkenninee fi maashiinonni; dhaabbileen misooma induustirii sibiilotaa duraanii wajjin ta’uun kan adda ba’an bifa ‘iskiraayippiin’ akka dhorkaman murtaa’uun isaanii ni beekama.

Bu’uura kanaan kan kanaan olitti ibsamanii fi dhaabbileen sibiilota ciccitaa qaban hundi qabeenyaa isaanii gurgurtaadhaan akka dhorkan gaafatameera.

Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa dabalataan dhaabbileen mootummaa sadarkaa federaalaatti argaman qaamolee mootummaa dhimmichi isaan ilaaluu fi qooda keessaa qaban wajjin dubbachuun adeemsi diriirsa sirna dhorkaa balfa keemikaalaa fi eleektirooniiksii hanga xumuramutti; manneen hojii mootummaa meeshaalee keemikaalaa fi eleektirooniiksii faayidaan ala ta’an irratti of-eeggannoo fi eegumsa taasisanuun dabalatatti qajeelfamni fooyya’insa hojmaataa akka isaan qaqqabu taasifamuun himameera.


አዲስ ማለዳ Adoolessa 9 2014 No 57

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here