Sulula Gubaa keessatti ijaaramaa kan jiruu fi Afriikaa keessatti madda eleektiriikii guddicha kan ta’e hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa ganna kana keessa guutinsa bishaanii marsaa sadaffaa akka keessummeessu ni beekama.
Kana hordofees keessumattuu Ijipti wayita guutinsa bishaanii marsaa lammaffaa fi sadaffaatti ture kan caalu haala fakkaatuun guutinsicha akka mormitu ibsaa jirti.
Guutinsi bishaanii marsaan jalqabaa lafa hektaara kuma afurii fi 800 gadi hintaane irratti bishaan kiyubiik meetirii biliyoona 4.9 qabachuun waggaa lama dura giddugaleessa ji’a Adoolessaatti raawwatamuun isaa ni beekama. Guutinsi marsaa lammaffaas ganna waggaa darbee keessa raawwatamuun isaa kan yaadatamuu dha.
Kana hordofee waggaa waggaan ganna keessa wayiya guutinsi bishaanii raawwatamutti gama Sudaanii fi Ijiptiin mormiiwwan barataman jiraachuun isaanii hinhaalaman.
Fakkeenyaafis Sudaan waggaa darbe guutinsi marsaa lammaffaa waliigalteen seera-qabeessi utuu hinraawwataminii fi dhiibbaawwan hidhichi qaqqabsiisu irratti qu’annoon utuu hintaasifamin ni raawwatama yoo ta’e mootummaa Itoophiyaa fi hojii ijaarsa siivilii hidhichaa kan raawwatu dhaabbata Xaaliyaanii Saaliinii irratti himata akka bantu dhaadattee turte. Itoophiyaanis guutinsi hidhichaa bifa kamiinii kan hafu miti jechuun ibsitee; guutinsi marsaa lammaffaa raawwatamuun isaa ni yaadatama. Ganna kana marsaa sadaffaan guutinsa bishaanii akka raawwatamu ibsameera.
Maqaan isaanii akka ibsamu kan hinbarbaadin ogeessi bulchiinsa qabeenya bishaanii; bishaaniin guutamuun hidhichaa adeemsa ijaarsa isaa hordofa jechuun ibsanii; guutinsi marsaa kamiiyyuu adeemsa ijaarsa hidhichaa irratti dhiibbaa hinqabaatu jechuun Addis Maaledaatti himaniiru.
Kana waan ta’eef hanga guutiinsichaa kan murteessu sadarkaa ijaarsa hidhichaa ta’uu erga kaasanii booda; guutinsa marsaa lammaffaatiin mishaan meetir kiyuubiikii biliyoona 13.5 qabuuf karoorfamee kan ture yoo ta’u; kan guutame garuu kiyuubiikii biliyoona sadii gadi ta’uu eeraniiru. Kunis kan ta’e haala nageenyaa wayita sana tureen adeemsi ijaarsa hidhichaa duubatti harkifachuu isaatiin akka ta’e utuu hinibsin bira hindabarre.
Ganna kanas guutinsi bishaanii marsaa sadaffaan gama mootummaa Itoophiyaatiin ifatti yoo hinibsamnes; Ijiptii fi Sudaan garuu guutinsi raawwatamaa jiraachuu dubbataa jiru kan jedhan ogeessichi; kan hordofees kallattii adda addaatiin dhiibbaan qaamolee alaa cimaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana hordofees duraan deeggarsa kennaa kan turan Gamtaan Awurooppaafaa waliigaltee dirqisiisaa irra gahaa jechaa jiru. Pirezidaantiin Ameriikaa Joo Ba’idenis tibbana kanuma himeera; Liigii Arabaa irraas biyyoota Galf irraas dhiibbaan dabalaa jira jedhaniiru.
Ofii; guutinsi bishaanii marsaa sadaffaa kan hanga yoonaatti ture irra maaliin adda ta’eetu akkasitti dhiibbaan hammaachuu danda’e jechuun gaaffii ka’eefis; hanga bishaanii marsaa tokkoffaa fi lammaffaatti qabame irra amma dachaadhaan qabamuu danda’a sodaan jedhu jiraachuu isaatiin akka ta’e eeran. Kanaanis gama Itoophiyaatiin wanti ifa ta’e yoo hinjirres; bishaan kiyuubiik meetirii biliyoona 10 marsaa kanaan guutamuu akka danda’u ogeessichi eeraniiru. Hata’u malee kana kan murteessu sadarkaa ijaarsa hidhichaa ti jedhan.
Kana ilaalchisuun gaazexaan guyyuu Ijipt; hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaatiif sagantaa guutinsa bishaanii marsaa sadaffaatiin bishaan meetir kiyuubiikii biliyoona 10 guutuuf lafti hektaarri kuma 17 qophaa’eera jechuun ji’oota dura dubbisiisuun isaa ni yaadatama.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan kutaa barnootaa saayinsii siyaasaa fi hariiroo adunyaa akkasumas qorataan dhimma Abbayyaa Dr. Yaaqoob Arsaanoo gama isaaniitiin; ijarsii fi guutinsi bishaanii hidhichaa kan adda adda hinbaane ta’uun Ijptii fi Sudaan wajjin akka lakkoofsa faranjootaa bara 2015tti dhimma waliigalteen irra gahame ta’uu turtii Addis Maaledaa waliin taasisaniin ibsaniiru.
“Dhiibbaan jiraatus rakkoo haaraan uumamee miti; isaanii fi deeggartoonni isaanii dhimmoota biraa irrattis waan hedduu jedhu; ammas dhiibbaa jechuun waan yaadan gochuu danda’u; Itoophiyaa garuu hidhicha guutuu irraa wanti dhorku hinjiru” jedhaniiru.
Itoophiyaan wayita hidhichatti guutinsa bishaanii raawwattu beeksisuun maaliif ishee barbaachise? Enyuttuu utuu hinbeeksisin cufaadhaan guutuu hindandeessuu? Yaadawwan jedhan ni ka’u. Ogeessi bulchiinsa bishaanii sun Itoophiyaan wayita hidhichatti bishaan guuttu beeksisuuf dirqama akka qabdu dubbatu.
Kunis guutinsichi wayita adeemsifamu Ijiptii fi Sudaan qophiin taasisan yoo jiraatee fi ofii isaanii balaa irraa ittisuuf kan isaan barbaachisu yoo ta’e waa’ee guutinsichaa beeksisuun barbaachisaa dha jedhu. Fudhatanus fudhachuu baatanus; qophaa’anus qophaa’uu baatanus beeksisuun muuxannoo idil-adunyaa ti jechuun itti ida’an. Itoophiyaan beeksisaa akka barbaaddetti guutuuf mirga ni qabdi jedhaniiru.
Dr. Yaaqoob Arsaanoo “hidhichi durumaa guutamuuf mitii kan ijaarame? Itoophiyaan waa’ee guutinsichaa kan beeksistu yeroo bonaa osoo hintaane ganna bishaan lolaatiin akka guuttu beeksisuuf kunis biyyoota sana guutuuf yaada akka hinqabne; naamusa gaarii qabdu beeksisuufis” jechuun dubbataniiru. “Kana waan ta’eef Itoophiyaan guutinsicha akka barbaaddetti raawwachuuf mirga guutuu qabdi; kan ta’aa jirus kanuma” jedhan.
Ogeessi bulchiinsa qabeenya bishaaniis; “biyyoonni sadan akka lakkoofsa faranjootaa bara 2015tti waliigaltee Kaartumitti taasifameen (Declaration of principles) qajeelfama guutinsaa irratti waliin gala jedhanii turan. Hojii qabatamadhaan garuu waliigaluu hindandeenye.
Hata’u malee Itoophiyaan guutuu dhiisuuf dirqamni seente waan hojirreef Ijiptii fi Sudaan irraan miidhaa hingeessisu jechuun karaa yaaddeen yeroo barbaaddetti guutuu ni dandeessi jedhniiru.
Waliigaltee hidhaan maal inni?
Tibbana guutinsi marsaa lammaffaa ni raawwatama jedhamuun erga himamuu eegalee as; keessumattuu Ijipt sagalee mormii ishee baratamaa dhageessisuu itti fufteetti.
Kanaanis tibbana gara giddugaleessa bahaa fi Awurooppaatti imalanii kan turan pirezidaantiin Ijipt Abdulfattaah Alsiisi chaansileera Germeen Olaaf Sheelz wajjin waa’ee hidhichaa kaasanii hidhi haaromsichaa nageenya bishaanii Ijipt balaa irra ni buusa waan ta’eef Itoophiyaa wajjin waliigaltee hiisisaa irra akka gahamuuf deeggarsa kan barbaadan ta’uu ibsuun isaanii dhaga’ameera.
Biyya isaaniitii baanaan dachee miilli isaanii ejjete hundatti waa’ee hidha haaromsaa utuu hindubbatin kan hindeebine Siisiin; guyyoota muraasa dura yaa’ii biyyoota Galf giddugaleessa bahaatti qophaa’e irratti dhimma kana kaasaniis biyyoota miseensota mana marichaatiiniis deeggarsi akka taasifamuuf ibsameeraaf.
Naannoodhuma kanatti pirezidaantii Ameriikaa Joo Baa’iden waliin wayita wal arganittis; dhimma waliigaltee hidha haaromsaa isaanitti bare kana ibsaniiru. Ameriikaanis waliigalteen faayidaa biyyoota hundaa mirkaneessu akka taasifamuuf gahee ishee ni bahatti kan jedhuu fi dubbiin isaanii gara raawwiitti wayita dhufu maal akka fakkaatu deebii hinbeekamne kennaniiru.
Akka ibsa ogeessa bulchiinsa qabeenya bishaanii sanatti; keessumattuu Ijiptii fi Sudaan amma kan falmaa jiran waliigaltee kanaan dura biyya Ameriikaatti yaalamee kufee dha. Waliigalteen kun dirqisiisaa akka hintaaneef Itoophiyaan ejjennoo cimaa qabdi. Ijiptii fi Sudaan garuu waliigaltichi dirqisiisaa akka ta’u barbaadu.
“Hajennuutii Itoophiyaan qabiyyeewwan waliigalticha keessa jiranutti waliigaltee yoo mallatteessitee fi dirqisiisaa ta’ee yoo ragga’e; isa booda laga Abbayyaatti fayyadamuuf carraan qabnu balaatti kufa. Kanaafi waliigaltee kana isaan yoo barbaadanis gama Itoophiyaatiin garuu hiisisaa waan ta’eef hinfudhu ejjennoon jedhu kan jiruuf” jechuun ibsaniiru.
Dr. Yaaqoob Arsaanoo gama isaaniitiin; waliigalteen hiisisaan hataasifamu kan jedhamu keessumattuu gama Ijiptiin bara 2018 jalqabee dhimma irra-deddeebiin ka’uu dha jechuun dubbatu. Kunis Itoophiyaan hidhicha akka hinguunne; qabeenya bishan isheetti akka hinfayyadamnee fi qabeenya bishan ishee irratti sochii ishee kamiinuu Ijiptitti dursitee akka beeksistu kan godhuu dha. Kana waan ta’eef; Itoophiyaan kana fudhattee hinbeektu; biyya ulfinaa fi faayidaa isaa kabachiisu kamiifuu gaaffiin kun fudhatamaa miti jedhaniiru.
Mormiin Ijiptii fi Sudaan akkasumas deeggartoota isaaniitiin dhiyaatu guddina Itoophiyaa mormuu malee waan haaraa hinqabu kan jedhan qorataan kun; dhiibbaa hidhichi biyyoota lamaan irraan gahu hanga yoonaatti ragaadhaan kan dhiyeesse hinjiru. Ammas raga dhiyeessan hinqaban. Hanga kana hunda kan hiyyanus dhimmicha tapha siyaasaa waan taasisaniif jechuun fashaleessaniiru.
Kana waan ta’eef; hayyamsiisaa miti kan guunnu. Dhiibbaa dandamachuu; hidhicha guutuu fi gara fuula duraatti tarkaanfachuun furmaata isa ijoo ta’uu isaa qoratichi cimsuun ibsaniiru.
Marii addaan cite ture
waraana Itoophiyaa keessatti ka’ee fi gaaga’ama biyya keessaa Sudaanitti tureen gara waggaa tokkootiif mariin addaan citee ture akka jalqabamuuf Itoophiyaan ji’a Amajjii darbe waamicha dhiyeessitee turte. Hata’u malee yeroo kanatti Itoophiyaan dhimma hidhichaa maryachuu irra dhimmi miliyoonota waraanichaan godaananii fi beela’anii ishee yaaddessa. Kanaaf marichi hanga kana abdii hinqabu jechuunis itti dabaltee turte.
Waraanichi erga ka’ee as keessumattuu hayyoota siyaasaa Ijipt biratti walitti bu’iinsonni yeroo yeroon Itoophiyaa keessatti ka’an Itoophiyaan humna ishee guutuudhaan hidhicha akka hinijaarree fi bajata ishee gara sanatti akka naannessitu taaasisa yaada jedhu gammachuun makanii aggaamaa turaniiru.
Gama Itoophiyaatiin marichi maaliif akka addaan cite wanti ibsame yoo hinjirres; ogeessi bulchiinsa qabeenya bishaanii sun mariin Itoophiyaan itti hirmaatte icitiidhaan Emireetota Arabaatti adeemsifamaa akka jiru dhaabbileen sab-quunnamtii adunyaa gabaasaa jiru jedhaniiru. Kana darbee gama mootummaatiin wanti beekame hinjiru; biyyoonni sadan mariif qophii ta’uu isaanii garuu beeksisaa jiru jechuun dubbataniiru.
Dr. Yaaqoob Arsaanoo gama isaaniitiin; biyyoota sadan gidduutti kan adeemsifamaa ture falmii osoo hintaane marii jedheen waama jedhu. Sababni isaa kan ture waan tokko kennanii kan biraa fudhachuu osoo hintaane; keessumattuu gama Itoophiyaatiin Ijiptii fi Sudaan yaaddoon akka itti hindhaga’amneef ibsa kennuu fi isaaniinis kan fayyadu malee kan miidhu akka hintaane agarsiisuuf waltajjii gar-sadee kanatti hirmaataa turte jedhaniiru.
“Isaan garuu kana hinfudhu jechuun waliigaltee hiisisaa irra ga’uu qabna jechuun yeroo barbaadan hafaa; yeroo biraa dhiisanii bahaa turan. Gara fuula-duraattis qalbii horatanii fi ejjennoo Itoophiyaa duraanii fudhachuuf qophii ta’anii yoo dhufan marichi waan itti hinfufneef hinqabu” jechuun ibsan.
Guutinsi bishaan hidhichaa marsaa meeqaan xumurama?
Ogeessi bulchiinsa qabeenya bishaanii sun; guutinsi bishaan hidhichaa marsaa meeqaan akka xumuramu ibsuuf guutinsi marsaa sadaffaa murteessaa ta’uu kaasaniiru. Walqabsiisaniis karoorri bara darbee utuu xumurameera ta’ee kana booda marsaa tokkoon xumurama ture jedhaniiru. Ammas marsaa sadaffaan hanga karoorfameen xumuramaayii? Yaaddoo jedhu kaasuunis kana booda marsaa meeqaan akka xumuramu tilmaamuun akka hindanda’amne ibsaniiru.
Qorataan dhimma Abbayyaa akka jedhanutti immoo; guutinsa waliigalaa hidha haaromsaa marsaa torbaan deemsisuuf biyyoota sadaniin waliigaltee irra ga’amee ture. Hata’u malee torba ta’uu hinqabu; gara marsaa 20tti ol haguddatu yaada jedhu turtii booda fidan.
“Garuu; bishaan yoo jiraatee fi Itoophiyaan bishaan gahaa yoo argatte yeroo ganna torbaa gadi ta’e keessatti guutuu ni dandeessi. Wanti guddaan guutinsichi marsaa meeqaan raawwatama isa jedhu utuu hintaane sadarkaa ijaarsa hidhichaa hordofuun guutinsi isaa ganna ganna guutuu fi humna maddisiisuu danda’uu isaa ti” jedhaniiru.
Hidhoota dabalataa laga Abbayyaa irratti ijaaramanu
Itoophiyaan Afriikaas ta’ee adunyaa irraa qabeenya bishaaniitiin toora duraa irra kan hiriirtu ta’uun ni beekama. Kana waan ta’eef; keessumattuu laga guddicha Abbayyaa irratti ijaaraa kan jirtu hidhi haaromsaa guddichi wayita xumuramu hidhoota itti fufan kan biraa ijaaramuu akka qaban ni ka’a. kan dubbatan dhugaa ta’ee yoo hinmullatinis ministirri muummee Abiyyi Ahimads hidhoota 100 laga Abbayyaa irratti ijaarra jechuun dubbatanii turan.
Qorataan dhimma Abbayyaa Yaaqoob Arsaanoos aasaa ministira muummee kana leellisuun; hidhi ijaaramu baay’inni isaa dhibba tokkos hata’uu kuma tokko; hanga humna biyyattiitti biyyoota yaa’ichaa wajjin miira faayidaa waliiniitiin ijaaruun keenya hinhafu jechuun ibsan.
Hidha hangam; ariitii hangamii fi baasii ammam gahuun akkasumas hidhoota anniisaa hangam maddisiisan ijaarra kan jedhan amma ibsuun yoo hindanda’amnes; laga Abbayyaa irratti hidha dabalataa ijaaruun barbaachisaa dha. Sababni hinijaaramneefis hinjiru; inumayyuu yoo hinijaarre nama dinqa jechuun yaada isaanii kennan.
Tuttuqaa Ijipt
Ogeessi bulchiinsa qabeenya bishaanii hidhi haaromsaa Ijipt irratti dhiibbaa ni qabaata; garuu hammaataa miti jechuun dubbatanii; fakkeenyaafis hangi bishaan hidha madda humna isaanii qaqqabuu hir’achuu ni danda’a jedhu.
Tibbana ogeeyyii fi maryattoonni bebbeekamoon hidhichi nu hinmiidhu callisnee yoo bira dabarre ni wayya sochii jedhu taasisaa jiraachuu ogeessi bulchiinsa qabeenya bishaanii eeruu kennaniiru.
Hata’u malee Ijipti haala Itoophiyaa caaluun dhimmoota diippiloomaasii fi kan biraa waa’ee laga Abbayyaa hojjettuun ofii ishee hanga waan abbaa bishaanichaa taateetti of beeksisteetti.
Dhiyeenya kanas agarsiisa “Abbayya guyyaa guyyaan” jedhu qopheessuu fi gaazexeessitoota biyyoota yaa’a Abbayyaa keessaa afeeruun lagichi hawaasa Ijiptiif maal jechuu akka ta’e hubachiisuuf tattaafatteetti.
Ijipt hidhi haaromsaa utuu hinijaaramin duras yoo ta’e Itoophiyaan boodatti haftuu taatee akka itti fuftu sababoota adda addaatiin hojjetaa turuu isheetiif qeeqni irra-deddeebiin itti dhiyaata.
Keessumattuu biyyoota lamaan kan walitti hidhu laga Abbayyaatiin kan ka’e yeroo yeroon waraana jechootaa walitti darbachuu irra darbee Ijipt dhimmoota Itoophiyaa keessa akka seensistu ni himama. Kun yeroo dhiyoo asitti kan ta’uu jalqabe osoo hintaane; waggoota baay’ee kan lakkoofsisee fi falmiin baraa baratti darbu Itoophiyaa fi Ijipti gidduu turuutu ibsama.
Fakkeenyaafis naannoo bara 1960’mootaa dursaa Ijipti kan turan Gamaal Abdiulnaasir mootii Itoophiyaa Hayile-Sillaasee jecha hintaaneen arrabsaa akka turan beektonni seenaa ni dhugaa ba’u. keessumattuu laga Abbayyaa ilaalchisee Itoophiyaan nageenya bishaanii Ijipti irratti yaaddoo yoo taate hoogganaan Ijipti wayita sanaa Jaanoyi irratti tarkaanfii fudhachuu akka danda’an dhaadataa turan jedhama.
Hata’u malee mootichi Hayile Silaasees sirna mootummaa isaanii biyya keessatti tasgabbeessuutti qabamanii waan turanii fi Ijipti wajjinis gochaa hinbarbaachifne keessa galuu dhiisuuf callaisanii darbaa akka turan dubbatama. Kana waan ta’eef furmaanni isaa inni guddaan nagaa fi tokkummaa keessoo mirkaneessuun Abbayyaan misoomsuu akka ta’e eerama.
Addis Maaledaan guutinsa bishaanii marsaa sadaffaa ilaalchisuun ministeera bishaanii fi inerjii ibsa kan gaafatte yoo ta’u; waajjirri ministeerichaa odeeffannoon beeku hinjiru jedheera.
Bitootessa 24 bara 2003 kan jalqabame hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa; hanga yoonaatti doolaarri biliyonni shanii ol akka itti ba’ee fi adeemsi ijaarsichaas dhibbeentaa 80 ol xumuramee; tarbaayinoonni lama anniisa maddisiisuu jalqabuun isaanii ni beekama.
አዲስ ማለዳ Adoolessa 16 2014 No 58



