Dame siyaasaatiinis ta’ee kan dinagdeetiin xiyyeeffannaa olaanaan kan kennamuuf kutaan Afriikaa-bahaa; hidhattoonni sadarkaa adunyaa adda addaa naannoo hidhata isaanii itti diriirfatan akka ta’e ni dubbatama.
Waggoota 40 dura wayita waraana Ruusiyaa – Afgaanistaan kan hundeeffame gareen Islaamummaa Alqaayidaan; naannoo bara kuma tokkoo fi dhibba sagalii fi saddeettamootaa keessa kan of gurmeesse naannoo kanatti kan argamtu Sudaan keessatti ture.
Biyyoota Afriikaa bahaa hedduu keessatti gara caalu namoota baay’ee biratti ergamaa du’aa ta’uun kan beekamu humni hidhataa Alshabaab jedhamu; bu’ura isaatiin qaamolee diina amantaa Islaamaa ta’an irratti Jihaada kan raawwatau waardiyyaa qulqulluu ta’ee waamama. Alshabaab Sochii Dargaggoota Jihaadistii (Mujahideen Youth Movement) ta’uun isaas ni ibsama.
Gareen hidhataa Islaamummaa kun dabalataanis Islaamummaa hinkabajan kan ittiin jedhu mootummaa Sumaaliyaa; akkasumas biyyattii keessatti dirqama loltummaa raawwataa kan jiru Gamtaa Afriikaas ejjennoo isaatti nan qabsa’a jedha.
Kufaatii sirna mootummaa abbaa hirree Ziyaad Baaree keessaa kan ba’e ta’uun isaa kan himameef gareen kun; hundee isaa Somaaliyaa keessa taasifachuun kan hundaa’e; humnoota gooltummaa beekamoo wajjinis hariiroo akka qabu dubbatama.
Kanaanis duula Jihaadaa farra Tsiyonummaatiin taasifamutti makamuudhaan miseensa Alqaayidaa ta’uu isaa fi damee Afriikaa bahaa ta’uu isaa kan ibsatu yoo ta’u; garee hidhataa Afriikaa lixaa keessa bal’inaan socho’u “Bookoo Haraam” jedhamu wajjinis walitti hidhamiinsa olaanaa akka qabuu fi garee gooltummaa idil-adunyaa ‘I.S. jedhamuufis ajejamaa akka ta’e ibsama.
Qaaxxee Tibba Kanaa
Somaalota irratti qaaxxee gooltummaa bal’aa fi burjaajjii uumuun bal’inaan kan beekamu Alshabaab; Itoophiyaattis qaaxxee akeekuuf fedhii yeroo dheeraa ture akka qabu eerama.
Hata’u malee hanga waggaa kanaatti daangaa sarbee seenuun qaaxxee ifa ta’e wayita qaqqabsiisu hinmul’anne; kunis isa jalqabaa ti.
Ji’a kana keessa; keessumattuu torban darbe guyyaa Roobii irraa jalqabee naannoo Sumaalee; godina Afdeeritti daangaa cabsee seenuun waraana baneera. Kanaanis miseensonni garichaa baay’een ajjeefamuu isaanii fi jiraattota naannichaa irras hubaatiin lubbuu fi qabeenyaa qaqqabuu naannichi beeksiseera.
Naannoo Somaalee keessa kan socho’u paartiin Adda Biliisummaa Biyyaalessaa Ogaaden ibsa baaseen; garee gooltummaa kanaan namaa fi qabeenya irra hubaatiin qaqqabuu ibsee; uummanni naannichaa humnoota nageenyaa waliin ta’uun akkasumas mootummaan naannichaa Alshabaab irratti atattamaan tarkaanfii akka fudhatu waamicha dhiyeesseera.
Ragaaleen akka eeranutti; Alshabaab wayita kanatti qaaxxee raawwachuuf sababni isaa garichi Itoophiyaa keessatti garee dhoksaadhaan socho’u hundeessuuf ajajaan gara Itoophiyaatti seensise tokko dhiyeenya kana ajjeefamuu isaatiif jedhameera.
Miseensonni humna addaa naannoo Somaalees sakatta’a naannoo daangaatti taasisaniin meeshaaleen waraanaa baay’een awwaalamee argachuu isaanii fi kana hordofees miseensota Alashabaab ta’u shakkii jechuun poolisiin hedduu isaanii too’annaa jala oolchuu isaatiin garichi qaaxxee bane tilmaamni jedhu ni dubbatama.
Itoophiyaan karaa seensa Afriikaa guddicha irratti akka argamuu ishee fi qabiyyee teessuma lafaa irra jirtuun nageenyi keessoo qabdu naannichatti kan xiyyeeffannaa olaanaan itti kennamu ta’uu namoonni baay’een irratti waliigalu.
Afriikaa-bahaa kutaa gooltummaa taasisee kan ture Alshabaab yeroo ammaa Itoophiyaatti qaaxxee aggaamuun isaas keessumattuu nageenya Itoophiyaa qarqara bowwaa irra jiru akka qileetti hingalchine yaaddoowwan jedhan baay’ataniiru.
Gooltummaadhaan kan ramadaman TPLF fi ABO Shaneen karaa kaabaatiin akkasumas giddugaleessa biyyaatti nageenya biyyattii rakkoo keessa kan galchan yoo ta’u; dhiyeenya kanas gara lixaatiin qaaxxeen Sudaan akka ture ni yaadatama.
Yeroo kana kallattii arfaniin qaamoleen hidhatan yeroo yeroon wayita qaaxxee raawwatanuu fi nageenyi amansiisaan biyya keessatti hindiriirin kanatti qaaxxeen humnoota alaa aggaamamuun isaa dhimmicha caalaatti yaaddessaa taasisa.
Humnoota hidhatanii biyya keessa socho’an irratti tarkaanfii cimaan fudhatamuu dadhabuu isaatiin qaamoleen gooltummaa biyyoota alaa karaa seensaa akka argatanuuf kan gargaaru ta’uun baay’inaan dubbatama. Kana waan ta’eef humnoonni hidhatan kun bara Dargii fi ADWUI raawwachuu utuu hintaane gooltummaa yaaduu hindanda’in irra-deddeebiin lammiiwwan irratti wayita raawwatan hubatama.
Alshabaab yaaduu irra darbee Itoophiyaa irratti qaaxxee aggaamuun isaa; keessatti hidhattoota socho’anuu fi badii bal’aa raawwataa jiranuuf onnee kan hore tarkaanfii laafaa fudhachuu mootummaa itti gaafatamaa kan taasisan ni jiru.
Kana irra darbees Alshabaab hubaatiin Itoophiyaa irratti raawwate yeroo jalqabaatiif ta’uu isaa hordofee; haala yeroo wajjin walqabsiisuun dugduuba isaa eenyufaatu jira gaaffii jedhu kan kaasan ni jiru.
Kunis Ijipt Afriikaa-bahaa burjaajessuuf qabdu keessaa qaama tokko kan jedhan yoo jiraatan; yeroo kanas yoo ta’e humna biyyoota lixaa irraa deeggarsa argatuu dha jechuun hayyoonni yaada isaanii ibsan ni jiru.
Tibba kana gara Ijiptitti kan qajeelan pirezidaantii haaraa Somaaliyaa dhimma Hasan Sheek Mahaammad kaasuunis Ijipt loltoota Somaaliyaa biyya ishee keessatti leenjisuu fi nageenya Galaana Diimaa waloodhaan eeguuf biyyoonni lamaan waliigaluu isaanii hordofee; hubaatii Alshabaab qaqqabsiise duuba Ijipti ifatti riphxeetti jedhama.
Gama Itoophiyaatiin baay’een barbadaa’eera jechuun kan himamus itti aanee maaltu uumamu akka danda’u haala hinbeekamnettii dha qeeqa jedhu kan aggaaman ni jiru.
Akkasumas Alshabaabiin hubuun yoo danda’ames daangaa Itoophiyaa keessaa akka bahu gochuu qofamoo yookaanis akkuma kanaan duraa Sumaaliyaa keessa seenuudhaan Itoophiyaan garicha irratti hubaatii ni qaqqabsiisti gaaffiin jedhu ni ka’a. Kun taanaan immoo Somaaliyaan dhiibbaa Ijiptiinis hata’u kaka’umsa mataa isheetiin Itoophiyaan na hubaa jirti jechuun himata dhiyeessuu ni dandeessi yaaddoon jedhu ni jira.
Kana waan ta’eef hubaatiin Alshabaab tibbanaa qaamoleen haala wayitaawaa Itoophiyaa hubatan dugduuba isaatti kan argaman shira walxaxaa kan qabuu fi balaa waan hinyaadamin of keessaa qabu waan ta’uuf; karaa mootummaatiinis ta’ee seenaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa fi walitti hidhamiinsa uummataa bal’aa naannoo daangaa jirutti fayyadamuudhaan diippiloomaasii hawaasaatiin hojii cimaa kan gaafatu malee; Alshabaab daangaa sarbuun seene barbadeessineerra jechuun akka salphaatti kan ibsamu akka hintaane hayyoonni dame kanaa ni hubachiisu.
Naannoo Somaaleetti daangaa irra qubatee kan ture raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa; waraana Itoophiya-kaabaatti uumamee ture hordofee humna addaa naannichaatiin bakka buufamee kan ture yoo ta’u; yeroo kanatti garuu raayyichi gara bakka isaa duraatti deebi’uun isaa dhaga’ameera.
Yuunivarsiitii Baahir Daaritti barsiisaan kutaa barnoota saayinsii siyaasaa fi qorannoo idil-adunyaa Dr. Taaddasaa Akloog turtii Addis Maaledaa waliin taasisaniin; kutaan Afriikaa bahaa Itoophiyaadhaaf carraas yaaddoos ta’uu kaasuun sirriitti hinqabamne taanaan miidhaa isaatu caala jedhan.
Qaaxxee Alshabaab tibbana uumame ilaalchisuunis Sumaaliyaan erga caccabuu jalqabdee bara 1980’mootaa jalqabee biyyattiin bakka calaqqisa fedhii humnoota alaa adda addaa ta’uun akka turte ibsanii; gareen goolaan kunis qaamolee kanaan akka socho’u utuu hinibsin bira hindabarre.
Kana waan ta’eef garichi maaliif yeroo kanatti qaaxxee aggaamuun isa barbaachise kan jedhuuf; gareen I.S. Afriikaa bahaatti babal’achuu; akkasumas keessoon Itoophiyaa dadhabuu akka carraa gaariitti fudhachuun qaaxxee qaqqabsiisuun waanuma eegamuu dha jedhan.
Itoophiyaan gaaga’ama tokko irraa gara gaaga’ama biraatti ce’aa jirti; biyyoota akka Ijipti jiranuufis dadhabuun biyya keenyaa kun carraa gaarii dha amantaa jedhu qabaachuu isaanii ibsan.
Qaaxxeen Alshabaab tibba kanaa akka salphaatti kan ilaalamu miti; akka garee goolaatti loo’ee osoo hintaane gurmaa’uudhaan konkolaataadhaan seene; maaliifis hanga daangaa cabsee seenutti carraan kennameef erga jedhanii booda; biyyi keenya olloota ishee fi Afriikaadhaafis abdii ta’uu utuu qabduu fallaa kanaatiin biyya dadhabduu of irraa ittisuu hindandeenye wayita taatu ilaalaa jirra jedhan.
Kanaanis karaa bahaatiin Alshabaab; karaa lixaatiin hidhattoota Sudaan kibbaa akkasumas humnoonni Sudaan birmadummaa Itoophiyaa yaaddoo keessa galchuu isaanii hubachiisaniiru.
Biyyoota gidduutti michummaa fi diinummaa dhaabbataan yoo hinjirres; Itoophiyaan garuu dhimma yaa’a Abbayyaatiin diina dhaabbataa horatteetti kan jedhan barsiisichi; diinonni dhaabbataan kun immoo kan qaaxxee qaqqabsiisan wayita dadhabneettii dha jechuun ibsan.
Qaaxxee Alshabaab kana duuba Ijipt akka jirtu shakkiin hinjiru jechuun itti dabalanii; akka waan ittiin amansiisanutti Itoophiyaa keessatti walitti bu’iinsi amantaa xiqqaan wayita ka’u; dhimmichi atattamaan Ijipt gahee dhaabbilee sab-quunnamtiitiin yeroo tamsa’u argina; kun immoo dhimmicha akka hordofan; akka deeggaranuu fi akka qindeessanu mirkaneessa. Ammas Ijipti Itoophiyaa dadhabsiisuuf Alshabaab qofa osoo hintaane carraa jiru hundatti ni fayyadamti jedhan.
Shirri Ijipti Itoophiyaa qofaan kan hindaangeffamin ta’uus kaasuun Ugaandaa, Ruwaandaa fi Burundiin utuu hinhafin shira akka itti xaxxu eeranii; akkasumas biyyoota yaa’a Abbaayyaas Itoophiyaa irratti akka kaka’an taasisuun imaammata ishee dhaabbataa dha jedhanii jiru.
Biliisummaa argachuu Sudaan kibbaatiif shoora olaanaa kan taphatte Itoophiyaa taatee utuu jirtuus Ijipt siyaasa hojjettuun lootee seenuun humnoota biyya keenya jibban uumteetti jedhan.
Kana waan ta’eef Ijipti waan Itoophiyaa ni miidha jette hundatti gara duubaatti jettee hinbeekstu; biyyi keenyas birmadummaa ishee kabachiisuu; faayidaa ishees kabachiisuu dadhabaa jirti; kunis waan Ijipti cimteef osoo hintaane nuti itti gaafatamummaa keenya waan hinbahatiniifi amantaa jedhu qabu.
Barsiisichi ittuma dabaluun; biyyoonni akka Ijipti jiran faallaa Itoophiyaa ta’anii dhaabbachuun isaanii kan nama dinqu utuu hintaane nuti hanga kana rafuu keenya jedhaniiru.
Akka biyyaatti balaa hammaataa keessa seennee utuu jirruu keessumattuu namoonni siyaasaa itti gaafatamummaan itti kenname doonii guddaa biyya gara sadarkaa fooyya’aatti geessu oofuu irra; doonii faayidaan dhuunfaa fi siyaasi gosummaa xixiqqaan itti guutametti imalaniiru jedhan.
Itoophiyaanis biyyoota akka Ijipti faayidaa biyyaalessaa isaaniif tattaafatan faallaadhaan tokkummaan dhaabbachuu dadhabuun biyya hooggantoonni faayidaa biyyaalessaa dhabaa jiruu fi bututaa jiruun guutamteedha ittiin jedhaniiru.
Biyya diina dhaabbataa taatee fi garee Arabootaa fi guutummaa adunyaatti dhaga’amaa jirtu Ijiptiin qabaatanii utuu hintaane; biyyoota xixiqqaa akka Sudaan kibbaa, Jibuutii fi Ertiraan utuu hinhafin yaaddoon birmaddummaa Itoophiyaa irraan gahan salphaa akka hintaane kaasan.
Kana waan ta’eef yaaddoon yeroo birmadummaa Itoophiyaa ajandaa marii uummataa fi dhaabbilee sab-quunnamtii ta’uun xiyyeeffannaan kennamuufii akka qabu hubachiisan.
Garichi barbadaa’eera kan jedhamu ammam dhugaadha?
Gareen Alshabaab daangaa sarbuun gara Itoophiyaa seene miseensota isaa ajjeefaman 200 oliin dabalatatti baay’een isaanii akka booji’amanii fi meeshaalee waraanaa hadduus akka kenne keessumattuu karaa naannoo Sumaaleetiin ibsameera.
Hata’u malee; barsiisaan saayinsii siyaasaa kun gooltonni caasaan isaanii bal’aa fi wal xaxaa dhabarbadeessineerra kan jedhamus daangaa ifa ta’e irratti raayyaan biyyoota lamaa yoo wal waraananii dha jechuun falmu.
Itti dabaluunis Alshabaab adda kamitti akka dhufus ta’ee waa’ee dargaggoota dhoksaadhaan gurmeessee hinbeeknu; hawaasa fakkaatees ni taa’a; kanaaf barbadeessineerra jechuun hindanda’amu jedhu.
Barbadeessineerra jechuun dubbachuun gowwomsuu dha; kanaan duras ABO Shanee barbadeessineerra utuu jedhamuu lammiiwwan du’uu irraa hinhafne jechuun ibsaniiru.
Sirna gurmaa’insaa garee goolaa kanaa; madda maallaqaa; dabalataanis buufataalee leenjii isaa barbadeessuun daguuganii bal’eessuun utuu hindanda’amin barbadeessineerra jechuun akka hindanda’amne ibsaniiru.
Gareen gooltummaa kun kaayyoon isaa maali?
Naannoon Somaalee qaaxxee garichaa ilaalchisuun ibsa baaseen; kaayyoon Alshabaab “naannichatti karaa aanaa Alakrreetiin darbee naannoo Oromiyaa seenuun garee gooltummaa Shanee wajjin wal arguuf yaadee ture” jechuun mul’iseera. Kaayyoon isaa kun karaa mootummaatiin akka fashalaa’u taasifameera jedhamaa jira.
Kaayyoo fi hubaatii Alshabaab akka salphaatti fashaleessineerra kan jedhamu miti kan jedhan barsiisaan saayinsii siyaasaa kun garuu garichi kaayyoo burjaajessuu irra darbe qaba jechuun ibsanii; haalli Itoophiyaan yeroo ammaa keessa jirtu humnoota olaantummaa humnaa mirkaneessuu barbaadaniif mijataa dha jedhaniiru.
Itti dabaluunis; biyya keenya keessa dhaabbileen siyaasaa gurmaa’ina kan amantaa fakkaatu qaban waan jiranuuf gareen gooltummaa kun damee loltummaa ta’uufiidhaan cimdoomina uumuun boca siyaasaa barbaadan qabachuun haalli itti hinadeemne hinjiru jedhaniiru.
Garee kanaa wajjin humnoonni hidhataa Itoophiyaa akka jiran dhaga’uun keenyas dhimmichi kaayyoo siyaasaa olaanaa kan qabu ta’uu akka danda’u tilmaamuun rakkisaa miti jechuun ibsaniiru.
Alshabaab dhimmi Somaaliyaa na galcha humna jedhu yoo ta’es; ajandaa mootummaa biyyattii duraanii kan tarkaanfachiisuu dha. Kanaaf Ogaadeniin kutachuu akka salphaatti raawwachuu kan danda’auu dha. Kun yaalii isaa xiqqaa hata’u malee humna qolatu yoo argate malee hawaasa addaan qoqqoodame fayyadamuun Itoophiyaa waliin ga’uun gaaga’ama olaanaa uumuuf carraa ni qabaata jedhan.
Bu’ura isaa Iraaqii fi Sooriyaa keessa kan taasifate garee I.S. (Islamic State of Iraq and Syriya) yoo ta’es; daangaa gooltummaa isaa bal’isuun kan socho’u ta’uu isaa hordofee Itoophiyaa irrattis qaaxxee raawwachuuf fedha akka qabu irra deddeebiin ni ka’a.
Kanaan duras yeroo adda addaatti mootummaan Itoophiyaa miseensota Alshabaabiin dabalatatti miseensota garee gooltummaa idil-adunyaa I.S. irra-caalaa Finfinnee keessatti qaaxxee raawwachuuf utuu socho’anuun qabe jechuun isaa ni yaadatama.
Itoophiyaan kanaan dura sochii Alshabaabiin bal’eesuuf taasisteen loltoota ishee hedduu kan dhabde yoo ta’u; maallaqa doolaara miliyoonaan lakkaa’amus saanduqa ishee keessaa hir’isteetti. Ammas taanaan biyyattii keessa hidhattoonni gurmaa’anii fi diigdota ta’an baay’een jiraachuu isaanii hordofee; milkaa’ina kaayyoo badii garee kanaatiif kun carraa guddaa akka ta’u yaaduun Alshabaab yaaddoo Itoophiyaa olaanaa akka ta’u namoota baay’eetu tilmaama.


