Erga dahanii turtii xiqqoo booda siree isaanii irraa kufuun lafa irratti diriiranii turan. Du’aa fi jireenya gidduu ta’anii “daa’imni koohoo; da’eera mitii?” jedhu. Garuu immoo ammuma danda’an bitaa fi mirga isaanii yoo ilaalan humtuu isaan bira hinjiru. Haala kanaan utuu jiranuu akka abjuu itti fakkaanaan “maalan ta’e; essan jira?…” humna waan dhabaniif ofis waan wallaalaniif yeroo sanatti gaaffii deebiin hinargatinii fi kan isaan of gaafatan ture.
Yaalamsheet Wuubuu jedhamu. Wayita da’anitti dhiigni isanii baay’een waan dhangala’eef afaan du’aa gahanii deebi’aniiru. Haati seenaa kanaa maatiin isaanii illee dhiiga arjoomuufii dadhabanii akka turan yaadachuun; enyu akka isaaniif kennee fi lubbuun isaanii akkamiin akka hafte Addis Maaledaatti tarreessanii himuun gorsas laataniiru.
Yaalamsheet gaaf tokko baadiyyaa kutaa Itoophiyaa jiraatan tokko keessaa gara magaalaa Adaamaatti qajeeluuf dirqamanii turan. Imala isaaniitiif dhimmi dirqisiisaan da’insa ture. Kanaaf; naannoo jiraatan irraa buufata fayyaa isaanitti dhiyaattu tajaajila da’insaa argachuuf itti qajeelanii; nagaan yoo hiikamanis rakkoo biraatu isaan mudate.
Rakkinichi wayita da’insaatti dhiigni baay’een dhangala’uu dha. Isa irras hammaatee nama dhiiga arjoomuuf dhabuun qorumsa itti ta’uu erga of baranii booda haala keessa turan doktooriin isaanii akka taphachiisan yaadachaa ti Yaalamsheet Addis Maaledaatti kan himan.
Dubbichi akkas ta’e. Yaalamsheet daa’ima isaanii erga da’anii booda siree kutaa da’insaatti argamu irra xinnoo hirkatanii turan. Dooktoorri isaan deechise gara kutaa biraatti qajeele. Maatiin isaanii isaanuma waliin gara buufatafayyichaa dhaqan nagaan ofkaluu isaanii dhaga’aniitu gammachuu isaanii kana namoota biraatti bilbiluun ibsaa waan turaniif kutaa haati seenaa kana ciisan keessa namuu akka hinturre dubbatu.
Namoota baadiyyaa irraa gara buufata fayyaa sanatti qajeelan keessaa obboleettiin isaanii tokko mooraa keessaa bahanii waan turaniif gammachuu sana waan hindhaga’iniif wayita gara siree isaan ciisaniitti seenan wan nama naasisu argan. Yaalamsheet siree irra ciisan irraa sigigaatanii lafa irra diriiranii argan. Itti siqanii yoo ilaalan afuurri isaanii addaan ciccitaa kan ture yoo ta’u; kana caalaas dhiigaan laaqamanii waan arganiif wayita sanatti wanti uumame caalaatti taatee rifachiisaa ture.
Obboleettiin isaanii Yaalamsheet bakka kufanitti argan “maaloo naa qaqqabaa” jechuun hiyyan. Kan waamicha naqaqqabaa sana dhaga’an hundi gara kutichaatti wal-guuranii seenuu isaanii hordofee; daqiiqaa muraasaaf kutichi hiyyaan raafamaa turuu maatiin isaanii akka isaanitti himan ibsu.
Hata’u malee doktoorri gidduu isaanii jiru hiyyichi dhaabbachuu akka qabuu fi namoonni kuticha keessaa akka bahan ajajuun gargaarsi wallaansaa jalqabame. Yaalamsheet dhiigni isaanii baay’inaan erga dhangala’ee ture kan argaman. Doktoorri kana hubatan lubbuu deessuu sanaa baraaruuf qaama dhiiga arjoomu akka barbaachisu amanuun maatii isaaniif waamicha dhiyeessan.
Inumayyuu dhiiga arjoomuuf namni fedha horae hinturre. Dhuma irrattis doktoorichi dhiiga yuuniitii tokko arjoomuun lubbuu Yaalamsheet dhabiinsa dhiigaatiin bahuuf turte baraaruu danda’an. Kun ta’uu isaatiin du’a irraa hafanii daa’ima isaanii ji’oota sagaliif garaatti baatan haammachuu qaqqaban.
Taatee kana haala kanaan olitti tarreeffameen Addis Maaledaatti kan ibsan Yaalamsheet; dhiiga arjoomuun kan baraaru lubbuu haadholii qofa osoo hintaane kan daa’imaniis dabalateeti; kanaaf hawaasni muuxannoon dhiiga arjoomuu isaa gabbachuu qaba jedhan.
Dhiiga arjoomuun hawaasa biratti akka sodaatamu miti jechuun kan gorsan Yaalamsheet; “qaama dhiiga arjoomu wanti isa hordofu hinjiru; arjoomuu dhiisuudhaan garuu lubbuun namootaa ni darba” jechuun garaagarummaa isaa ibsaniiru. Kanaaf namni dhiiga arjoomuuf gahe hundi gara duubaatti jechuu akka hinqabne yaada isaanii gorsaa wajjin kennan.
Namoonni baay’een nama dhiiga isaaniif kennu dhabuudhaan lubbuun isaanii akka darbu ni dubbatama. Garuu rakkinichi kan uumamu dhiiga arjoomuudhaan lubbuu baraaruun utuu danda’amuu qaamni arjoomu gara duubaatti harkifachuu isaatiin akka ta’e irra deddeebiin ibsama.
Waa’ee burjaajjii tibbanaa xiqqoo ishee
Tajaajilli dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa baankonni naannolee jiran hanqina akka qaban ibsa. Hawaasni gama isaatiin “dhiiga arjoomame eessatti geessan?” kan jedhu gaaffii afuura shakkii of keessaa qabu wayita kaasu hubatama.
Sababa dhiiga yeroo da’umsaa dhangala’uutiin lubbuun nama tokkoo darbuu akka hinqabne kan amananii fi kutaaleen hawaasaa icitiin tola-ooluu galeef dhiiga arjoomuu irraa yeroon gara duubaatti jedhan akka hinjirre irra-deddeebi’uun ibsaa jiru.
Kun utuu kanaan jiruu; aadaan dhiiga arjoomuu hawaasaa immoo hangas akka hinta’in ni dubbatama. Kutaan hawaasaa hedduun dhiiga arjoomuun kan lubbuu isa dhabsiisu hanga itti fakkaatutti gara duubaatti wayita harkifatu mul’ata. Taatee hawaasaa kana immoo sirumattuu gochaawwan hammeessan tibbana uumamuu isaanii waldaan arjoomtota dhiigaa komee mul’isaa jira.
Komii dhiyeessitoonni tajaajilli baankii dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa gara siyaasaatti qajeelaa jiraachuu ibsuu irratti argamu. Tajaajilichi baay’inni arjoomtota dhiigaa hir’achuu fi dhiigni baankicha keessa jiru gad-aanaa ta’uu dhaabbilee sab-quunnamtii adda addaatti tibbana kan ibsaa jiru yoo ta’u; gama biraatiin immoo waldaaleen tola ooltotaa dhiiga arjoomuuf dhorkaan nurratti taasifameera jechuun isaanii dhaga’ameera.
Guyyaa dhaloota weellisaa Tewodiroos Kaasahun (Teedii Afroo) sababeeffachuun “kuma taanee lubbuu kumaatamaa habaraarru” dhaadannoo jedhuun tola-ooltonni dhiiga arjoomuuf turan qophii isaanii erga xumuranii booda; ergaa qaama olaanaa irraa darbeen dhorkaan hinbarbaachisne irratti taasifamuun arjoomichi hafuu isaatiin waldichi kan komii dhiyeeffatu.
Qaamoleen waldichaa akka ibsanitti yoo ta’e; tajaajilli baankii dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa waldaa arjooma dhiigaa kana irratti fedhii namoota siyaasaa raawwateera jechuun komataas turaniiru. Dhorkaawwan akka kanaa utuu jiran hanqinni dhiigaa uumameera jechuun taatee hedduuwwan burjaajessee dha.
“Sirumaanuu sitti roobee, durumaanuu fixeensa jennaan” akkuma jedhamu; kutaaleen hawaasaa kanuma qabata godhatan dhiiga arjoomuudhaan carraa jireenya namaa dheeressuun ofii isaatiinuu gochaa ebbifamaa nageenya buusu ta’uu yoo amananis; haalli Itoophiyaan keessa jirtuamantaa fi abdii mootummaa irraa qaban kan laaffise fakkaata. “Gochaan tajaajila baankii dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa gara qabiyyee siyaasaatti naanna’eera” kan jedhan namoonni tokko tokko; gochaan akkasii kaayyoo dhaabbatichi hundaa’eef kan hinibsine ta’uu ibsuun; gara siyaasaatti yoo galamellee dhiiga kan biraa gaafachuun cinatti mootummaan mataan isaa dhiiga namoota qulqulluu hidhattootaan dhangala’u dhaabsisuun hojii isaa isa dursaa bahachuu qaba jedhan.
Nageenya biyyaa mirkaneessuu irra qaamolee dhiiga dhangalaasan irratti tarkaanfii fudhachuu barbaachisa malee; wayita dhiigni dhangala’u callisanii ilaalaa dhiiga gaafachuun hojii maal jedhamuu dha ergaa jedhus baankii dhiigaatiif yoo hintaane illee mootummaa haqaqqabu jedhaniiru.
Tajaajilli baankii dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa dhiyeessii dhiigaa dhibbeentaa 20n dabaluuf karoorfachuu isaa kanaan dura ibsuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u; kunis ta’ee hanqinichi ammas uumamuu irra akka hince’in dhaga’amaa jira.
Hawaasni hubannoon waa’ee dhiiga arjoomuuf qabu gadaanaa ta’uun uumamuu hanqina dhiigaatiif sababa ta’uun kanaan dura karaa ministeera fayyaa himamaa tureera. Fakkeenyaafis bara 2012tti hubannoon hawaasni dhiiga arjoomuuf qabu gadaanaa ta’uu hordofuun dhaabbanni fayyaa adunyaa biyyoota guddataa jiranuuf kan kaa’e ummata dhibbeentaa dhibba keessaa tokko irraallee dhiiga argachuun akka hindanda’amin ibsamuun isaa hindagatamu.
Amma immoo wayita uummanni nan arjooma jedhutti dhorkaa kaa’uun dhimmicha “akka si hinamanneef waami akka hinyaanne immoo dhiibi” kan jedhamuun walfakkeesseera jedhamaa jira. Wixineen gatii hinqabne kun durumaanuu hawaasa qarqara irra jiruuf fedhii dhiiga arjoomuu isaa sirumattuu balleessuu akka danda’u asumaan komee yaaddoon walmake itti uumeera.
Biyyoota guddataa jiran keessatti ummanni dhibeentaan tokko dhiiga arjoomuu akka qabu dhaabbanni fayyaa adunyaa kan ibsu yoo ta’u; bu’uruma kanaan Itoophiyaa keessatti namni miliyoona tokko ta’u dhiiga arjoomuu akka qabu odeeffannoon ministeera fayyaa ni eera. Hata’u malee odeeffannoon waggaa sadii dura ture akka mul’isutti baay’inni uummata Itoophiyaa dhiiga arjoomuu dhibbeentaa 0.7 ta’uu isaa ti.
Ammaan kana shirri siyaasaa dhaga’amuu fi dhorkaan waldaalee arjoomtota dhiigaa immoo hanqina dhiigaa kana maal irraan gaha laata?… gaaffii hedduwwanii ta’eera.
Torban jalqabaa ji’a Adoolessaa darbe yaadatamee kan ture guyyaa dhaloota Tewodiroos Kaasahun sababeeffachuun arjoommiin waldichi qopheesse addaan cituun komii kaasuu isaa ilaalchisee tajaajilli baankii dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa gama isaatiin dhorkaa akka hintaasisin dhaabbilee sab-quunnamtii adda addaatti ibsaa jira.
Qaamoleen waldichaan ala jiran kan biraa immoo dhiigni waldaa tokkoo yoo hinarjoomamne hawaasni biraa dhiiga arjoomuu dhaabuu hinqabu kan jedhu yaada dhuunfaa isaanii kennaniiru.
Hanqina
Naannolee Itoophiyaa keessatti argamanitti hanqinni dhiigaa akka mudate qaamoleen dhimmichi ilaalu ibsaa jiru. Qaamoleen qooda qaban akka jedhan yoo ta’e; kuufamni dhiigaa baankii dhiigaatii argamu hanga barbaadamuu gadi ta’uu isaa hordofee torbee tokkoo fi lama booda dhibamtoota arjooma dhiigaa barbaadan keessummeessuun tabba itti ta’uu akka danda’u dursee yaaddoo uumeera.
Hanqinichi kan uumame magaalota naannolee adda addaa dabalatee ta’uun dhaga’amaa jira. Hanqinni dhiigaa kan isa mudate magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinnee dabalateemagaalota naannolees ni dabalata. Baankota dhiigaa hanqinni dhiigaa isaan mudate keessaa Dirre Daawaa, Adaamaa, Gondar akkasumas keessumattuu bakkeewwan naannoo waraana kaabaa keessa kan jiran adda duree dha.
Baankiin dhiigaa Adaamaa gama isaatiin; baankichatti yoo xiqqaate dhiigni yuuniitiin 200 jiraachuu utuu qabuu kan jiru garuu karaxiitii 70 kan hincaalle ta’uutibbana dhaabbilee sab-quunnamtii adda addaatti himeera. Baankiin dhiigaa Gondar gama isaatiin hanqinni dhiigaa akka mudatee fi hawaasaaf dhiiga yuuniitii kuma 15 akka barbaachisu ibsuun isaa hindagatamu.
Magaalaa Dirre Daawaattis hanqinichi mudateera jedhameera. Bakkeewwan biraa waraana keessa turanii fi waraana keessa jiranuttis hanqinichi akka hammate himamaa jira.
Tajaajilli baankii dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa gama isaatiin hangi dhiigaa baankicha keessa jiru torban tokkoof yoo ta’e malee sana caaluu akka hindandeenye ibsaa jira.
Akka ibsa dhaabbatichaa yoo ta’e; baay’inni harjoomtota dhiigaa guyyaa gara guyyaatti hir’achaa dhufuu hordofee hanqinni dhiigaa kan mudate yoo ta’u; murteessummaa dhimmichaa hubachuun namni hundi tola isaatiin akka arjoomu waamicha wayita taasisu hubatameera.
Sababaa fi furmaata hanqinichaa
Tajaajilli baankii dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa fi dhaabbanni fannoo diimaa hanqina dhiigaa sadarkaa biyyaalessaatti uumameef sababa isaa ijoo ibsaa jiru. Odeeffannoon tajaajila baankii dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa irraa argame akka mul’isutti yoo ta’e; uumamuu hanqinichaatiif sababoonni ijoon kn kanaan gadii ti.
Sababni jalqabaa dhaabbileen barnootaa cufamuu dha. Dhaabbileen barnootaa kutaalee Itoophiyaa adda addaatti argaman keessatti barattootaa fi barsiisota irraa dhiigni baay’een akka walitti qabamu ni beekaman. Hata’u malee yeroon ammaa kan dhaabbileen barnootaa itti cufaman waan ta’aniif hanqinichi akka uumamu ta’eera.
Waqtiin gannaa arjoomtotaaf gufuu ta’uun isaa uumamuu hanqinichaatiif ka’umsa isa biraa fi lammaffaa dha jedhameera. Yeroon keessa jirru ganna ta’uu isaa hordofee dhiima arjoomuun haahafuutii manaa gara hojii; bakka hojiitii gara manaatti socho’uufuu hawaasni wayita rakkatu mul’ata. Taateen kunis hanqinichaaf sababa ta’uun isaa eerameera.
Bakkeewwan kutaa waraanaa keessa jiran dhiiga arjoomuu irra dhiigni isaanii dhangala’aa jiraachuun sababa isa sadaffaa ta’uun ibsameera. Naannoo Oromiyaa aanaalee adda addaa Wallaggaa; naannoo Biiniishaangul Gumuz godina Matakkal bakkeewwan addaatti; naannoo kibbaa aanaa addaa Amaaroo gandota gara garaatti; daangaa Sudaan bakkeewwan karaa Humaraatiin jiran akkasumas bakkeewwan biraa nageenyi boora’ee jirutti dhiiga arjoomuuf gufuu akka ta’e ka’eera.
Kan biraa fi sadarkaa arfaffaa irratti kan ka’e ka’umsi hanqinichaa gama hawaasaatiin kan mul’atu hanqina hubannoo ti. Keessattuu kutaaleen hawaasaa baadiyyaa keessa jiraatu ilaalchi waa’ee arjooma dhiigaa irratti qabu gadaanaa ta’uun isaa irra-deddeebiin himama. Kanaaf ergaa ajaja fakkaatuu fi dhiiga arjoomaa jedhu caaaatti haala sammuu hawaasaa seenuun barnoota xiinsammuu babal’isuu barbaachisa jedhu hayyoonni dame kanaa.
Hawaasni ilaalcha dogongoraa dhiiga koo hinkennu jedhuun waan guggufateef barnoota xiinsammuu bu’ura ta’e isa barbaachisa kan jedhan hayyuu xiinsammuu Qaalkidaan Aamaayyoo ti.
Akka ibsa Qaalkidaan yoo ta’e; kan arjoomu osoo hintaane hawaasa hinarjoomne faayidaa dhiiga arjoomuun qabu sammuu isaa keessa akka galu gochuu barbaachisa. Kutaan hawaasaa baay’een dhiiga yoo arjoome jireenya isaa irratti rakkoon tokko waan uumamu akka ittifakkaatu wayita himu ni dhga’ama. Ogeeyyiin fayyaas yoo ta’an ilaalchi dogongoraa kun akka sirratuuf hawaasa barsiisuu qabu jedhu Qaalkidaan.
Tajaajilli baankii dhiigaa fi tishuu Itoophiyaa gama isaatiin; hanqinicha ilaalchisuudhaan bakkeewwan adda addaatti dunkaana dhaabuun dhiiga walitti qabaa jira.
አዲስ ማለዳ Adoolessa 30 2014 No 60



