መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiItoophiyaanonni 12 mana murtii Zaambiyaatiin godaantota seeraan alaa jedhamuun adabbiin itti murtaa’e

Itoophiyaanonni 12 mana murtii Zaambiyaatiin godaantota seeraan alaa jedhamuun adabbiin itti murtaa’e

Godaantota seeraan alaa too’annaa mootummaa Zaambiyaa jala kan seenan Itoophiyaanonni 12 mana murtii Zaambiyaatiin tokko tokkoon isaanii Kiwaachaa Zaambiyaa kuma 10 akka kaffalan itti murtaa’eera.

Itoophiyaanni kun biyyoota qaxxaamuruun toora gara Afriikaa kibbaatti geessu qabachuun utuu adeemanuu too’annaa jala oolan jedhameera. Guyyoota 15 dura bulchiinsa Zaambiyaa Ayisooka jedhamtu keessatti kan qabaman godaantonni Itoophiyaa kun akkuma biyyattii keessa seenaniin kallattiin gara biiroo godaantotaa dhaquun waan hingalma’iniif yakkamtoota jedhamanii murteen itti murtaa’eera.

Itoophiyaanonni murteen balleessummaa kun torban darbe isaanitti murtaa’e kun; adabbii balleessaa isaaniitiif tokko tokkoon isaanii maallaqa biyyattii (Kiwaachaa) kuma 10 akka kaffalan itti murtaa’era. Birrii Itoophiyaa kuma 32 ta’u kana kaffaluu yoo dadhaban hidhaan hanga ji’oota sagaliitti akka murtaa’e ‘Lusaka Times’ gabaaseera.

Maqaan Itoophiyaanota kanaa gabaasichaan kan hinibsamin yoo ta’u; baay’inni isaanii fi kallattiin itti adeemaa turan ibsameera. Bu’ura eeruu lammii Zaambiyaa tokkootiin poolisiin biyyattii hordofuun dandii isaan qaxxaamuranii darbu jedhame cufuun yoo eeges; argachuu hindandeenye ture jedhameera. Kunis ta’u garuu daandii jijjiiruun karaa qaxxaamura biraatiin darbuu isaanii kan dhaga’e poolisiin biyyattii kun isaan hordofaa turee itti qaqqabuu akka danda’e ibsameera.

Godaantonni kun kan qabamuu danda’an konkolaataan Miitsubuushii ummata deddeebistu isaan ittiin adeemaa turan tasa miidhamee daandii irra dhaabbachuu isaatiin akka ta’e himameera. Kana hordofee konkolaachisaan lammii Zaambiyaa naannoo sanaa miliquun dhabamuu isaatu beekameera. Itoophiyaanonni garuu naannichaa waan hinbeekiniif achuma turuun poolisiin qabamuun isaanii beekameera.

Miila isaaniitiin miliquuf waan hinyaaliniif isaan qabamanii mana hidhaa akka turan yoo taasifaman; konkolaatichi garuu gara mootummaatti akka galu murtaa’eera. Guyyoota 90 keessatti abbaan qabeenyichaa dhufuun yakka ittiin hojjetamaa tureef sababa qabatamaa yoo hindhiyeessin mootummaan ni dhaala jedhamuun isaa dhaga’ameera.

Godaantonni Itoophiyaa kutaa bulchiinsa Ayisookaatti qabaman karaa seeraan alaatiin Zaambiyaa seenaniiru jedhamuun kan itti murtaa’e mana murtii bulchiinsichaatiin. Biyyattiitti waggoota 12 dura kan tumame labsii godaantotaa fi diiporteeshiinii cabsaniiru jedhamuun himati itti banamee kan tureItoophiyaanonni kun; yakka itti dhiyaate ittisuun mormuu waan dadhabaniif murteen balleessummaa itti murtaa’eera.

Itoophiyaanonni adabbiin Kiwaachaa kuma 10 yookaan hidhaan ji’oota sagalii itti murtaa’e; kan umuriin isaanii waggaa 24 hanga 30 gidduu jiraniidha jedhameera. Enyummaan konkolaachisaa isaan imalchiisee turee qulqulla’aa jira kan jedhame yoo ta’u; isas too’annaa jala oolchuuf konkolaatichaan haala walqabateen qorannoon taasifamaa jiraachuun ibsameera.

Godaantonni Itoophiyaa kun adabbii birrii kuma 300 fi kuma 80 itti murtaa’e kaffalanii bahuu danda’uu fi dhiisuu isaanii wanti jedhame hinjiru. Maallaqa hanga kana qabatanii akka hingodaanne yoo beekames; hiyyummaan kan jiraatanuu fi jireenya keessan isiniif jijjiirra jechuun maatii isaan geggeessan argachuu danda’uun isaaniis wanti jedhame hinjiru.

Mootummaan Itoophiyaas ta’ee waldaan fannoo diimaa adunyaa dhimmicha irratti wanti jedhan yoo hinjirres; Addis Maaledaan argachuuf yaaltee hinmilkoofneef. Namoonni kun adabbicha kaffalanii yookaan hidhaa isaanii xumuruun gara biyya isaaniitti akka deebianu yoo shallagames; haala kamiin akka turanu garuu hinbeekamne.

Mootummaan Zaambiyaa guyyoota sadan torban darbee keessa qofa godaantota seeraan alaa 51 too’annaa jala oolcheera jechuun yoo gabaases; haala lammummaa isaanii ibsuu irraa of qusateera. Biyyattiin kanaan dura Itoophiyaanota baay’ee qabuun kan adbdee fi gara Itoophiyaattis kan deebiste ta’uun ni beekama. Mootummaan Itoophiyaas Itoophiyaanota Zaambiyaa jiran gara biyya isaaniitti deebisuuf sochii jalqabuu isaa walakkeessa ji’a Adoolessaa darbe keessa beeksisuun isaa ni yaadatama.


አዲስ ማለዳ Hagayya 7 2014 No 61

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች