Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaa aanaa Boosatitti namoonni nagaan digdamni hidhattootaan ajjeefamuun isaanii ibsame

0
1080

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaa aanaa Boosat ganda Booleetti namoonni nagaan digdamni hidhattootaan ajjeefamuun isaanii madden amanamoon dhiyeenya sana turan ibsan.

Jiraattonni naannoo sanaa maqaan isaanii akka ibsamu hinbarbaanne “nmoonni nagaan digdamni hidhattoota ABO Shaneetiin ajjeefamaniiru” jechuun ragummaa isaanii Addis Maaledaatti himaniiru.

Taatee sana hordofaa akka turan kan himan maddi kun akka ibsanitti; miseensonni garee hidhataa kanaa badii ajjeechaa kana kan qaqqabsiisan seensa ji’a Hagayyaa bara 2014tti yoo ta’u; gaazexeessaan bakka sana dhaquun argee fi gabaase hinjiru jedhaniiru.

Akka ibsichaatti yoo ta’e; ajjeechaan kun kan raawwatame guyyoota walitti aanan lamaan jechuunis Hagayya 1 fi 2 bara 2014 yoo ta’u; “mootummaan furmaata kennuuf fedha yoo dhabes gaazexeessitoonnillee haalicha gabaasuu hafuun isaanii gochicha caalaatti gadda nutty ta’eera” komii jedhu kaasaniiru.

Hidhattoonni ajjeechaa kana raawwataniiru jedhaman dhufaatiin isaanii bakka Minjaar jedhamuun beekamuun kan wal daangessuu fi maqaan isaa addaa Amsaa Ammist jedhamu gara ganda Booleetti jechuunis Agiroo Induustirii Awaash gara oliitiin qaxxaamuruun akka ta’e namoonni ijaan argan ibsaniiru.

Gareen hidhataa kun kanaan dura saamicha naannoo Minjaaritti raawwateen beeladoota gatiin isaanii birrii kuma 700tti shallagamu akka fudhate kan yaadachiisan madden Addis Maaledaa; ammas qabeenya namoota ajjeefamanii hedduu saamuu isaa ibsaniiru.

Qaaxxeen kun kan isaanitti aggaamame jiraattonni aanaa Boosat Boolee Awaash gara olii “haala suukanneessaadhaan mancaafamaniiru” jedhameera. Hata’u malee gareen hidhataa kun waan barbaade raawwatee yoo deemes; mootummaas ta’ee qaamni dhimmichi isa ilaalu kan biraa waa’ee namoota du’anii wanti jedhe jiraachuu hafuun akka isaan gaddisiise yaada komii isaanii kennaniiru.

Naannoon ajjeechaan kun itti raawwatame biqilaan burtukaanaa kan itti baay’atuu fi waggoota baay’eedhaaf dhalattoonni Amaaraa kana chi jiraatan ta’uun ibsameera.

Mootummaan na bulcha jechuun ummanni abdii horate hidhattootaan ajjeefama kan jedhan komattoonni; “wanti Itoophiyaa keessatti ta’aa jiru maal inni?” gaaffii jedhu namoonni Addis Maaledaan aasofsiiste sadii irra-deddeebi’uun kaasaniiru.

Haala walqabateen; “qonnaan bulaan aramee; shoogalee dhuma irrattis haamee tumuudhaan oomisha dhiyeessuu irra darbee hawaasa garraamii siyaasa hinbeekne mootummaan maaliif hindeeggaru?” gaaffii jedhu kan kaasan yoo ta’u; mootummaa fi qaama dhimmichi ilaalu bira gahee furmaanni akka kennamuuf abdii horataniiru.

Madden Addis Maaledaa Qellem Wallaggaattis tibba akana namoonni nagaan 50 ta’an garee hidhate kanaan ajjeefamuu kan eeran yoo ta’u; qaaxxee torban dura tureenis aanaa Boosatittis bakkawwan Isiranyaa, Daanii fi kan biraatti namoonni baay’inni isaanii sirriitti hinbeekamin baay’een ajjeefamuu isaanii himaniiru.

ABO Shaneen aanaa Boosatitti wayita hubaatii qaqqabsiisu inni kun isa jalqabaa akka hintaane kan kaasan namoonni odeeffannoo kennan kun; gareen hidhate kanaan dura gara gandoota Minjaar adda addaa keessa loo’ee seenuuf tattaafataa turuu yaadachiisaniiru.

Ofii isaa Adda Biliisummaa Oromoo jechuun kan waamu gareen hidhataa ABO Shaneen naannoo Oromiyaa bakka adda addaatti namoota nagaa irra-deddeebiin mancaasuun isaa kan himamuuf yoo ta’u; aanaa Boosatitti Sadaasa 22 bara 2014 namoota nagaa 14 akkasumas aanaadhuma kana bakka daangaa Minjaar Amooraa beet jedhamutti ji’a Caamsaa darbe; Wallaggaa fi bakkeewwan adda addaatti irra-deddeebiin ajjeechaa raawwachuun isaa ni beekama.


አዲስ ማለዳ Hagayya 14 2014 No 62

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here