መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiGuraageetti hooggantoonni mootummaa fi dargaggoonni hidhamaa jiraachuun ibsame

Guraageetti hooggantoonni mootummaa fi dargaggoonni hidhamaa jiraachuun ibsame

Gaaffii naannoo ta’uu godina Guraagee wajjin walqabatee hooggantoota hojii mootummaa dabalatee dargaggoonnis hidhamaa jiraachuu Addis Maaledaan jiraattota irraa mirkaneeffatteetti.

Gaaffii naannoo ta’uu kaastaniittu; deeggartaniittu akkasumas gurmaa’insa kilaaterummaa mootummaa mormitaniittu qaamoleen jedhaman funaanamanii hidhamaa akka jiran ibsameera.

Hanga yoonaatti hooggantoonni qajeelcha godinaa saddeet hidhamaniiru kan jedhame yoo ta’u; hoogganaan qajeelcha fayyaa godinichaa gaaffii naannoo ta’uu ni deeggarta jedhamuun hidhamaniiru jedhame.

Akkasumas dargaggoota dabarsanii akka kennan kan gaafataman hoogganaan qajeelcha nageenyaa dargaggoonni bakka dhakaa hindarbatanitti, utuu hinjeeqinis maal godhan jedheen dabarsee kenna jechuu isaaniitiin hidhamuun isaanii dhaga’ameera.

Dabalataanis hoogganaan qajeelcha faayinaansii; hoogganaa itti aanaan qajeelcha ogummaa fi teekiniikaa; akkasumas qaamoleen sadarkaa hooggansaa olaanaa irratti hojjetan kan biraas hidhamuu isaanii beekuun danda’ameera.

Madden odeeffannoo Addis Maaledaatti akka ibsanitti; baay’een isaanii kan hidhaman Sanbata darbe yoo ta’u; Kamisa Hagayya 19 bara 2014 mana murtiitti dhiyaataniiru.

Mana maree godinichaatti gurmaa’insa kilaasteeraa kan kuffisan dabalateenamoonni 52 yeroo itti aanuuf ajejni hidhaa akka itti bahe ibsameera. Kanaafis mana maree godinichaatiin mirga himatamuu dhabuu miseensota qaban irraa mirgicha kaasuuf dhiyeenya kanatti walga’ii arifachiisaan ni waamama jedhameetu eegama jedhameera.

Kanaanis Kamisa Hagayya 19 bara 2014 irraa jalqabee sadoon mana ooluu guyyoota lamaaf turu magaalaa guddoo godinichaa Walqixxeeti akka taasifamee fi kana hordofuunis dhaabbileen mootummaa; kan dhuunfaa; akkasumas dhaabbileen tajaajila kennan kan biraa hundi cufamanii ooluun isaanii dhaga’ameera.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa jala bultii irraa jalqabuun hanga halkan walakkaatti mana irra naanna’anii guddiftuu-sagaleetiin namni kamiyyuu hojii mootummaa fi kan dhuunfaa irraas akka hinhafne kan sodaachisan yoo ta’es ummanni garuu mana isaa keessa taa’uun dabarsuu isaatu himameera.

Sadoon mana keessa ooluu kun yeroo lammaffaaf kan taasifame yoo ta’u; kanaan dura guyyoota kudha torba duras dhimmuma kanaan walqabatee magaalaa guddoo godina Guraagee Walqixxeetti dhaabbilee tajaajila namoomaatiin ala kan jiran dhaabbileen daldalaa; baankonni; dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa akkasumas kan tajaajila geejjibaa kennan guutummaadhaan sochii isaanii addaan kutuun sadoon hojii dhaabuu guyyaa tokkoo akka taasifame ni yaadatama.

Kaayyoo guddaan sadoo hojii dhaabuu kunis murteen manni maree godinichaa murteesse akka kabajamu gaafachuuf ta’uu jiraattonni ibsaniiru. Akkasumas hamaryannu jechuudhaan walga’ii waamamanii dargaggoonni hidhaman waan jiranuuf nuuf hahiikaman jechuuf akka ta’e himameera.

Godinichatti Hagayya 12 bara 2014 jalqabee ajajni muddamaa walga’ii, hiriira nagaa fi sochii konkolaataa dhorku darbuu isaa fi kanaanis suuqota daldalaa fi dhaabbilee sababa tokko malee cufuu fi sochii kana fakkaatu taasisuun waan dhorkamee fi qaamolee kana darban irrattis tarkaanfii akka fudhatu komaandi poostiin hundaa’e beeksisuun isaa ni yaadatama.

Ummanni mirga heera mootummaa ofiin of bulchuu akka argatu akkasumas dargaggoonnii fi hooggantoonni utuu yakka hinraawwatin hidhman akka hiikamanuuf dhimmicha dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhiyeessuun dhiyeenyatti hordofaa akka jiranuu fi deebiin atattamaa akka kennamuuf nutty himaniiru jechuun maddi odeeffannoo enyummaan isaanii akka ibsamu hinbarbaanne tokko Addis Maaledaatti himaniiru.


አዲስ ማለዳ Hagayya 21 2014 No 63

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች