መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiBaay’inni haadholii garaa baqaqfachuun dahanuu dabalaa dhufuun himame

Baay’inni haadholii garaa baqaqfachuun dahanuu dabalaa dhufuun himame

Da’iinsi karaa uumamaa hir’achuun baay’inni haadholii garaa baqaqfachuun hiikamanuu dabalaa jiraachuun himameera.

Addis Maaledaan dhaabbilee wallaansaa daawattee irraa akka mirkaneeffattetti baay’inni haadholii garaa baqaqfachuun dahanuu guyyaa guyyaatti dabalaa dhufuu taajjabdeetti.

Miixachuu sodaachuunis ta’ee sababoota walqabatanuun baay’inni haadholii miixatanii da’uu utuu danda’an garaa baqaqfachuun dahanuu akka dabale kan dubbatan hospitaala haadholii fi daa’immanii Abbabach Goobanaatti daarikteera wallaansaa Dr. Anaaniyaa Salamooni.

Haadholii hospitaala haadholii fi daa’immanii Abbabach Goobanaatti dahan keessaa dhibbeentaa afurtama kan ta’an kan garaa baqaqfachuun dahan ta’uu ibsaniiru. Hata’u malee hospitaalichi riiferaala waan ta’eef madaalliin kun karaa haadholii buufataalee fayyaa 16 irraa dhufanuutiin kan ilaalamee dha jedhaniiru.

Akka ibsa Dr. Anaaniyaatti; hospitaala isaaniitti qoodni haadholii utuu miixachuu danda’an gara baqaqfachuun dahuu filatan dhibbeentaa tokko hincaalu. Hata’u malee lakkoofsi kun dhaabbilee fayyaa dhuunfaa keessatti akka ol ka’u ibsaniiru. Sadarkaa adunyaatti akka idileetti kan fudhatamu hawaasa tokko keessatti haadholiin dhibbeentaa 10 hanga 15 ta’an garaa baqaqfachuun yoo da’an akka ta’e ibsanii; ol ka’uu baay’inichaa irratti utuu hintaane wayita da’insaatti balaa haadholii fi daa’imman irra ga’u hir’isuu irratti xiyyeeffachuu barbaachisa jedhaniiru.

Dhimma kana irratti Addis Maaledaan kan dubbiste haati maqaa isaanii ibsuu hinbarbaanne; dhaabbilee fayyaa mootummaatti ogeeyyiin fayyaa tooftaa da’insaa haala fayyaa haadholii fi daa’immanii giddugaleessa taasifate filachuudhaan akka fayyadaman ibsaniiru.

Dhaabbilee fayyaa dhuunfaatti garuu filannoo haadholiitiif dursi akka kennamuu fi haadholiin humna dinagdee isaa qaban garaa baqaqfachuun ykn tooftaa da’insaa qorichootaa fi meeshaaleedhaan deeggarame carraan filachuuf qaban olaanaa ta’uu himaniiru. Kanaafis sababa isaa wayita ibsan dhukkubbii wayita miixuutti mudatu sodaachuu fi fayyaa daa’imman da’aniitiif yaaduu irraa akka ta’e ibsaniiru.

Keessumattuu haadholiin miixachuu danda’anuu fi yeroo jalqabaatiif da’an utuu miixatanii da’anii filatama kan jedhan dhaabbata fayyaa mootummaa keessatti kan argine ogeessa fayyaa Anteeneeh Geetaachoo ti. Haadholiin yeroo tokko garaa baqaqfachuun da’an yeroo lammaffaaf wayita da’anus irra-deebiin garaa baqaqfachuuf carraan qaban olaanaa dha jedhaniiru.

Tajaajilli garaa baqaqsuu dhaabbata fayyaa isaan hojjetan keessatti taasifamu yeroo gara yerootti dabaluu isaa Addis Maaledaatti kan ibsan ogeessichi; kanaafis haadholii haalli fayyaa isaanii isaan dirqisiisuun dabalatatti; kanaan dura garaa baqaqfachuun kan dahanii fi dhukkuba yeroo miixannaatti jiru sodaachuudhaan haadholiin garaa baqaqfachuu filatan waan baay’ataniif jedhaniiru.

Dhimma kana irratti dubbisuu fi baay’ina yookan lakkoofsa sirrii argachuuf Addis Maaledaan biiroo fayyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi ministeera fayyaatti yaaliin bilbilaan irra-deddeebi’uun taasiste waan hinmilkaa’iniif yaada isaanii itti ida’uun hindanda’amne.

Karaa uumamaatiin da’uun dafanii bayyanachuuf; harmi haadholii aannan akka qabaatu taasisuuf; wayita da’insaatti balaa hir’isuuf akkasumas hariiroo haadhaa fi daa’ima gidduu jiruu fi gama guddina daa’immanii fayya-qabeessa taasisuutiin shoora akka qabu qorannoowwan ni mul’isu.


አዲስ ማለዳ Ogosto 28 2014 No 64

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች