Aanaalee 158 keessatti dhibeen waagii qamadii wayita gannaa misoome mudachuu ministeerri qonnaa Addis Maaledaatti ibse.
Dhukkubni waagii qamadii kun naannolee qamadii magarsan kan akka naannoo ummattoota kibbaa, Sidaamaa, Amaaraa, Biiniishaangul-Gumuz, akkasumas naannolee Oromiyaa fi Sumaaleetti waliigalaan lafa qamadiin misoome hektaara kuma 300 fi kuma 39 ol irratti mudachuu isaa ministeerri qonnaa beeksiseera.
Ministeera qonnaatti hoogganaan eegumsa midhaanii Balaayinee Nugusee dhukkubicha ittisuuf hanga yoonaatti keemikaalli liitirri kuma 300 fi kumni saddeet biifamuu kan ibsan yoo ta’u; kanaanis hubaatii hammaataan akka hinmudanne dubbataniiru. Walqabsiisuunis lafti hektaara kuma 300 fi kuma 87 ol keemikaalli itti biifamuun hojiin ittisaa hojjetamuu kan ibsan hooggantichi; ta’us gatiin keemikaalichaa qaala’uun qonnaan bultoota irratti dhiibbaa utuu hinuumin akka hinhafne eeraniiru.
Hubaatii dhukkubichi oomisha irraan gahu addaan baasuuf qoratamaa jiraachuu kan eeran Balaayineen; kunis ogeeyyiin dirree qorannicha wayita xumuran kan beekamu ta’a jechuun ibsaniiru. Keemikaala biifuu irra darbuun haalli qonnaan bultoonni sanyiiwwan qamadii dhibee dandamatan itti facaasan waan jiruuf hanga hubaatichaa salphisuu akka danda’e ibsameera.
Dhukkubichi duraanis waan tureef qonnaan bulaan dursee qophii taasisuu kan ibsan Balaayineen; bakka tokko tokkotti sababa rakkoo nageenyaatiin kan hinqaqqabiniin kan hafe; keemikaalichi gatiin isaa yoo qaala’es bakka hunda qaqqabuu isaa ibsaniiru.
Biifaan keemikaalichaa kan taasifamu wayita mallattoon dhukkubichaa mul’atetti ta’uu eeruunis; tamsa’inni dhukkubichaa naannolee keessa jiru bal’ina naannolee fi baay’ina qamadii misoomsanuutiin walqabata jedhaniiru.
Kanaanis; naannoo Oromiyaatti dhukkubichi lafa hektaara 372 ol irratti kan mudate yoo ta’u; naannoo Biiniishaangul-Gumuzitti lafa baay’ee xiqqaa ta’e irratti akka mudate beeksisaniiru. Sababni dhukkubichaa garri caalu midhaan irra-deddeebi’amuu waan ta’eef; dhukkubicha ittisuuf keemikaala biifuu caalaatti midhaan bakka jijjiiruun misoomsuun akka filatamu ibsameera.
Dhibeewwan biraas jiraachuu akka danda’an kan eerame yoo ta’u; dhukkubni “erfoozaaren” jedhamu waggaa itti aanutti dhibee qamadii yeeddessaa ta’uu ni danda’a jedhameera. Dhukkubni kun duraanis kan ture yoo ta’es; malattooleen isaa naannolee adda addaatti kan mul’ataa jiranuu fi daraan yaaddessaa ta’uun himameera.
Qamadii jallisii bonaatiin bal’inaan fcaasuuf karoorfamuu hordofees ammumaan xiyyeeffannaan itti kennamuun kan hojjetamu ta’uu ministeerichi hubachiiseera. Kanaafis keemikaalli karaa waldaaleetiin cimee qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu ibsameera.
Gama biraatiin midhaan irraan hubaatii olaanaa geessisuun kan beekamu sinbira girrisaa hojiin ittisuu jalqabamuun isaa ibsameera.
Keessumattuu naannoo Oromiyaa (naannoo sulula qeenxamaa) fi naannoo Amaaraa (naannawaa Shawaa Roobiit) xiyyeeffannaan hojjetamaa kan jedhame yoo ta’u; bakkeewwan wayita qooran sinbirroonni girrisaa gara bishaan jirutti waan duulanuuf hubaatii qaqqabsiisan ittisuuf dhaabbata ittisaa hawaannisa gammoojii Afriikaa bahaa waliin qindoomuun hojjetamaa akka jiru beekuun danda’ameera.
Bara oomishaa kana qonna gannaa irraa callaan qamadii kuntaalli miliyoona 100 ol ni argama jedhamuun isaa kan yaadatamuu dha.


