Diipiloomaasiin Itoophiyaa Daandii Miiraa fi Tooftaa Irratti

0
1025

Dhimmoonni hariiroo idil adunyaa Itoophiyaa diipiloomaatota ishee bira darbuun carraan inni ajandaa lammiiwwan hundaa itti ta’u baay’ataa dhufeera. Yeroo tokko tokko hiriirota irratti dhaadannoowwan adda addaa gama kanaan ni dhaga’amu. Qabiyyeen isaanii sirriis faalladhas; dhaadachuu fi qeequunis biraa hinhafne.

Yeroo biraa pirezidaantonni naannolee tokko tokkoo fi ministiroonnis aasaa yookaan barreeffama waltajjaa ummataa yookaan karaa sab-quunnamtiitiin dhiyeessanuunis wayita biyyoota arrabsan mul’atu. Sagaleen aktiivistootaa fi namoota karaa miidiyaa hawaasaatiin dhiibbaa uumanuus qabiyyee walfakkaatuti keessatti mul’ata.

Bu’aan waliigalaa haalawwan kanaa waltajjii diipiloomaasii irratti dhiibbaa ni qabaa? Yoo ni qaba ta’e sirrii dha moo faallaadha? Yeroo Itoophiyaan xiyyeeffannaa hawaasa adunyaa taate kanatti hirmaannaan lammiiwwanii fi namoota dhuunfaan dhiibbaa uumanii maal fakkaachuu qaba?

Gaaffiiwwan kanaa fi kanaan walqabatan qabachuun beektonni damee kanaa Addis Maaledaan dubbiste karaa adda addaatiin xiinxalaniiru. Yuunivarsiitii Dabre-Biraanitti barsiisaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo adunyaa gargaaraan piroofeeseeraa Daamxoo Tasammaa; keessumattuu hojmaanni basaasa diipiloomaasii biyyoota lixaa odeeffannoo dhibbeentaa 80 kan walitti qaban madden addabaabayii irraa ti jedhan. Kunis hooggantoonnii fi namoonni siyaasaa; akkasumas biyyattiitti namoonni dhiibbaa uuman dubbii waltajjiiwwan adda addaa fi dhaabbilee sab-quunnamtiitiin taasisan; yookaan ergaawwan hiriira hawaasaatiin bal’inaan darban dabalata.

Madaallii kana irraa ka’uun biyyoonni faayidaa biyyaalessaa ni herreeggatu; ejjennoos qabachuu ni danda’u. kunis mootummaa biyya sanaa wajjin hariiroo qaban irratti bu’aa sirrii yookaan faallaa ta’e hordofsiisuu ni danda’a jedhu.

Kan abbootii taayitaa dabalatee yaadni uummataa waltajjii diipiloomaasii idilee-hintaane irratti dhaga’amu faayidaa biyya keessaa irra ce’uun karaa sirrii ta’een hariiroo-alaa biyya biraa tokko jijjiirsisuu irratti dhiibbaa hangana jedhamu hinqaban kan jedhan yuunivarsiitii Finfinneetti barataa Dookteerummaa damee kanaa kan ta’an ogeessa hariiroo idil-adunyaa Guutamaa Daani’eeli.

Akka ibsa Guutamaatti;  yaadni hawaasaa kunii fi ergaawwan hooggantoonni dirree diipiloomaasii-idileetiin alatti dhageessisan; karaa faallaa ta’een hariiroo biyyoonni biraa biyya sanaa wajjin qaban miidhuu ni danda’a jedhu. Kun kan ta’us mootummaan dirree diipiloomaasii idilee ta’een wantoota dubbachuu dadhabe karaa diipiloomaasii al-idilee kanaan dhageessisaa jiraachuu isaatti waan fudhatamanuufi. Ejjennoowwan karaa al-idileetiin calaqqisan baay’een isaanii callisanii kan dhufan utuu hintaane itti yaadamee fi irratti hojjetamee ummanni akkasitti akka yaadu taasifameeti jedhamee waan fudhatamuuf akka ta’es ibsaniiru.

Daamxoon gama isaaniitiin; kaayyoon diipiloomaasii waliigalaan diina hir’isuu fi michuu baay’isuu yoo ta’u; kana gochuunis kaayyoo biyyi tokko milkeessuu yookaan qabaachuu barbaadu galmaan gahuuf kan barbaachisan faayidaa dinagdee; kan saayinsii fi takinooloojii akkasumas kan kana fakkaatan argamsiisuu dha jedhu.

Haaloowwan darban yookaan haalonni biraa akka hariiroo dhuunfaa utuu dhiibbaa itti hintaasisin birmadummaa biyyaa eegsisuuf; tokkummaa biyyaa kabachiisuuf; nageenya; misooma dinagdee fi fedhiiwwan biyyaalessaa kana fakkaatan qaama yookaan michuu fayyaduu danda’u kamiinuu mijeeffachuun hojii diippiloomaasii ammaa ta’uu Daamxoon ni dubbatu. Haalli kunis mootummoonni michuun yookaan diinni dhaabbataa ta’e akka hinjirre yaaduun akka socho’an isaan taasisa.

Kanaaf; diipiloomaasiin dameewwan isaaniitiin miira caalaatti sababa irratti hundaa’uudhaan kan adeemuu dha jedhu. Hojmaata al-idilee caalaatti dhaabbilee fi humna namaa yaaduu fi karoorsuun itti hojjetan kan barbaachisuuf kanumaaf ta’uu himu. Karaa idilee kanaan ala hariiroo biyya alaa ilaalchisuun sagaleewwan wawwaatan sirnaan yoo hinqajeelfamne firii barbaadamu dhabsiisuu akka danda’an hubachiisan.

Ogeessi saayinsii hawaasaa fi hariiroo idil-adunyaa Rabbumaa Dajanee immoo; waraanaa fi dhabiinsa nageenyaa Itoophiyaa keessatti uumame hordofuun Itoophiyaan xiyyeeffannoo hawaasa adunyaa ta’uu ishee ibsuun jalqabu. Yeroo gaaga’amaa kana fakkaatutti hojiiwwan diipiloomaasii fi hariiroo idil-adunyaa keenya of eeggannoon ilaalamuu qabu jedhan. Rabbumaan akka jedhanitti keessumattuu biyyoonni gara lixaa ejjennoon Itoophiyaa ilaalchisuun tarkaanfachiisaa jiran garri caalaan kan haqummaa hinqabnee fi xiinxala dogongoraa irraa ejjennoo madde ta’uu dubbatan.

Biyyoonni akka Ameriikaa fi Ayeerlaan ejjennoon Itoophiyaa ilaalchisuun tarkaanfachiisaa jiran dhuunfaa ta’uu isaa caalaatti kallattii imaammata biyyoota lixaa bakka bu’a kan jedhan Rabbumaan; warri lixaa biyya tokko keessatti akkuma gaaga’amni mudateen qoqqobbii fi giddu-seentummaa akka meeshaa isaanii guddatti fudhatu. Tarkaanfiin akka kanaa dogongora ta’uu isaa tarkaanfii hanga yoonaatti gaaga’ama Sooriyaa; Sudaan-kibbaa fi kan kana fakkaatan irratti fudhataniin ilaaluun ni danda’ama jedhan.

Akka ibsa Rabbumaatti; adeemsa haqa-dhabeessa biyyoota lixaa kanaaf haalota qooda gumaachan kan fakkaatan keessaa tokko biyyoonni kun xiinxala qulqulluu irratti hundaa’uu hafuu isaa ti. Itoophiyaa ilaalchisees manni maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irra-deddeebi’uun walga’ii taasisuu isaa fi murteewwan mootummaan Ameriikaa dabarse akka fakkeenyaatti kaasan. Qoqqobbiiwwanii fi murteewwan sun kanaan dura biyyoota biraa baay’ee irratti akkuma taasifaman bu’aa barbaadame fiduu irra gaaga’ama uumame kan caalaatti hammeessanii dha jedhan.

Mootummaan Ameriikaa dhimma Itoophiyaa irratti kan dhiyeesseen dhimmi yaada murtee HR 6600 sababoota akka ka’umsaatti eeraman keessaa tokko; dubbiiwwan abbootiin aangoo Itoophiyaa waltajjiiwwan adda addaa irratti taasisan ta’uu eeran. Yeroo gaaga’amaa akka kanaatti waltajjiiwwan ummataa qaqqabummaa bal’aa qabanittis ta’ee rgaawwan abbootii aangoo tokko tokkoon darban waltajjii diippiloomaasiitti akka galteetti kan fudhataman ta’uu isaaniitiif xiyyeeffannaa kennu.

Kanaaf; yaadonni miiraan durfamanuu fi dubbiiwwan tuttuqaa fakkaatan diipiloomaasii fi hariiroo idil-adunyaa Itoophiyaa keessatti kan faayidaa hinqabne ta’uu hubachuun gaaffiiwwanii fi deebii sirrii ta’anii fi sababaan deeggaraman calaqqisiisuu akka barbaachisu hubachiisan.

Yeroo ammaa kana tuuttuqaa fi dhiibbaa diippiloomaasii irraa kan ka’e biyyoonni lixaa yaada ummataa faallaa ta’een sadarkaa olaanaadhaan wayita kaafamu mul’ata. Hata’u malee Itoophiyaan bara mooticha Minilik irraa eegaluun daandii diipiloomaasii loogiin alaa (non-allignment) akka hordoftu kan ibsan gargaaraan piroofeeseeraa Daamxoon; haalli kun bara mootummaa Hayile-Sillaasee caalaatti ejjennoo idileetiin kan ibsame ta’uu dubbatan.

Bara mootummaa Darguu garuu sirna siyaasaa tureen kan ka’e haala gara biyyoota gara bahaatti duufuutu ture. Darguu boodaa fi haala amma keessa jirruun Itoophiyaan garee kanaa wajjin jirti kallattii nama jechisiisu akka hinqabne dubbatu.

Akka ibsa Guutamaatti garuu; bara mootummaa Hayile-sillaasee irraa eegalee harooroon dhimma alaa Itoophiyaa enyu waliinuu kan michoome miti kan jedhamu akka yaadaatti haajiraatu malee adeemsi bara mootichaa gara biyyoota lixaatti kan duufe dha. Darguun immoo gara caalu gara garee bahaatti kan caalchifatee dha. Adunyaan yeroo ammaa garuu bahaa fi lixa qofa jechuun ramaduuf hiriirichi kan mijate miti. Guutamaan daandii diipiloomaasii Itoophiyaa yeroo ammaa adeemsa “piraagmaatiik” jedhamutu caalaatti ibsa jedhu.

Michummaa yaadaan mijeeffame caalaatti haalawwan faayidaa biyyaalessaa eegsisuu danda’an irratti hundaa’uun hundaa wajjin tumsaan hojjechuuf kan banaa ta’ee dha jedhu. Adeemsi kun keessumattuu hiriira humna adunyaa sadarkaa olaanaadhaan ususaan guutame keessatti faayida-qabeessa yoo ta’es damee diipiloomaasii idilee keessatti hanqinoonni akka mul’atan ibsaniiru.

Guutamaan yaada kennaniin Itoophiyaan giddugaleessaan kanaan dura cimina fooyya’aa qabattee akka turte ibsan. Waggoota dhiyoo as garuu hojiiwwan diipiloomaasii idileetiin hojjetamuun irra turan hojjetamuu hafuu isaaniitiin hariiroo Itoophiyaan alatti qabdu hanga ammaatti rakkoon akka isa mudate dubbatu. Diipiloomaasii damee hawaasaatiinis (public diplomacy) yoo ta’e dhaabbata diipiloomaasii idileetiin deeggaramuun hojiiwwan hojjetaman hinmul’atan kan jedhan Guutamaan; “diipiloomaasiin hawaasaa keenya duula ‘tiwiitaraa’ fi geengoo daanga’e keessaa waan hinbaaneef hojii baay’eetu irraa eegama” jedhan.

Yaada kanatti Raabumaanis waliigalu. Yeroo baay’ee rakkoo keenyaaf rakkoo keessumattuu biyyoota warra alaa keessumattuu biyyoota lixaa itti gaafatamtoota taasisuutu jira kan jedhan Rabbumaan; ‘gama biyyoota lixaatiin dhuguma rakkoowwan baay’een jiraatanus nuyi immoo dogongoroota hojjenne duubatti deebinee ilaaluu barbaachisa” jechuun hubachiisu.

Fakkeenyaafis jijjiiramni siyaasaa erga taasifamee as Itoophiyaan hariiroon biyyoota lixaa fi dhaabbilee idil-adunyaa waliin qabdu gara tumsa cimaa fi sirriitti deebi’ee kan ture yoo ta’u; waraanni kutaa kaabaa erga uumamee garuu hariiroon kun baduu isaa fi hanga qoqqobbii kaa’uutti akka gahe; akkasumas hariiroon kun atattamaan gara sirrii hintaanetti akka jijjiirame dubbatu. “Egaa haalonni sadarkaa kana akka gahanuuf dogongorri hojjenne maal faadhaa?; hojiiwwan manaa utuu hinhojjetin hafne maaltu ture jechuun gaafachuu barbaachisa” jedhaniiru.

Ogeeyyiin sadan kan irratti waliigalan lammiiwwan hariiroo dhimma alaa biyya isaanii irratti hordoffii dammaqina qabuu fi xiyyeeffannaa yoo qabaatan faayidaan isaa hedduu akka ta’ee dha. Lammiiwwan biyya tokkoo birmadummaa fi fayidaa biyya isaanii irratti giddu-seentummaa taasifaman kamiinuu sagalee isaanii dhageessisuu fi balaaleffachuu fi ittisuuf mirgaa fi dirqama qabu.

Hata’u malee diipiloomaasii fi hariiroon idil-adunyaa; dirree, tooftaa fi seera ittiin taphatamu kan ofii isaa waan qabuuf dandeettii ogummaa ni gaafata. Gama kanaan akka ummataatti karaa miidiyaa hawaasummaa fi hiriira irratti ergaawwan lallabaman beekumsaa fi sababootaan qajeelfamuu qabu. Hariiroon dhimma alaa kan kallattiin isaan ilaaluun alatti abbootiin aangoos miiraan guutamuun aasaan addabaabayiitti taasisan daangaa qabaachuu qaba jedhu; hanga yoonaatti qaawwaan damicha keessatti mul’atu salphaa akka hintaane ibsuudhaan.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here