Kana kan jedhe Dhaabbata gumii mirgoota Namummaa Itopphiyaati. Dhaabbatichi tibbana, rakkoolee Nageenyaa fi dhumaatii namootaa Oromiyaa keessatti ta’aa jiru ilaalchisee Ibsa ejjannoo kennee jira.
Ibsa isaa keessattis Oromiyaa, Aanaalee Wallagga bahaa keessatti ajjeechaan eenyummaa bu’uura godhatee namootaa qulqulluu irratti raawwatamu cimee itti fufuu hime. Dhaabbatichi ajjechaan akkasii Oromiyaa keessatti raawwataamaa jiru kan dhuma hin qabne ta’ee jiras jedheera.
Ajjeechaan garee manni mare bakka bu’oota ummata Itoophiyaa shororkeessummaadhaan fo’e Shaneedhaan raawwatamu kun waggootii lakoofsisaa jiraachuus dubate.
Dhaabbanni gumii mirgoota Namummaa Itopphiyaa Dhimmi kun kallattiidhaan kan isa ilaallatu Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ajjeechaa dimshaashaa kana akka dhaabsisuufi Mirgoota Namummaa Ummataa kabajee akka kabachiisu irra deddebiidhaan Ibsa baasee gaafachaa akka ture caqasee jria.
Haa ta’u malee Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e kan federaalaa haleellaa namoota qulqulluu irratti taasifamu kanaaf xiyyeeffannoo gahaa waan hin kennineef humnoota hidhataniin, adda durumman immoo garee ABO shaneetiin haleellaan namoota qulqulluu irratti rawwatamu itti fufuu danda’ee jira jedhe.
Dhaabatichi Mootummaan Mirgoota namummaa kan ta’an Mirga lubbuun jiraachuu, Mirga nageenya qaamaa, Mirga walabummaan bakkaa bakkatti socho’anii jiraachuu akka kabajchiisuu fi akka mootummaatti dirqama isaa adda duree ta’e akka bahatu gaafatee jira.



