Addiis Ababaa Kutaa Magaala Yakkaa, nannoo Faransaay Lagasiyon jedhamu, Mana barumsaa nannoo Guraaraatti walitti bu’insa barattoota gidduutti uumameen lubbuun barataa tokkoo darbuu himame.
Waldhabinsi kun kan uumame mana barumsichaa keessatti Alaabaa Mootumma naannoo Oromiyaa fannisuun wal qabatee barattoota kana mormaniifii deeggaran gidduutti jeequmsa uumameen ta’uu Addiis Maaladaan Barattoota mana barumsichaa irraa addeeffattee jirti.
Jeequmsa uumame kanaan lubbuun barataa tokkoo yoo darbu, barattoonni kudhan immoo miidhaan qaamaa irra gahuutu himame. Barsiisaan mana barumsichaa tokkos miidhaan akka irra gahe hubachuun danda’amee jira. Barattoonni jeequmsicha keessa hin jirre ille miidhamuun Ambulaansota lamaan gara Hospitaalaatti akka fudhatamanis beekamee jira.
Jeequmsi kun kan muudate Sadaasa 27 /2015 yoo ta’u ganama sanas barattoonni gara barumsa idilee isaaniitti akka hin deebinetu himame. Barataan Barumsa irraa hafe tokko Addis Maaladaatti akka himetti “Jeequmsicha irratti wantin arge waan na sodaachiseef hafeen jira” Jedheera.
Tibbana Manneen Barnoota adda addaa Addiis Ababaatti argaman keessatti jeequmsi sababa wal fakkaataa ta’een muudachaa jira. Guyyaa kaleessaas kutaa Magaala Addiis Katamaatti, Mana Barumsaa Addiis Katamaa sadarkaa 2ffaatti jeequmsi baratootaan ka’uu isaa Addis Maaladaan bartee jirti.
Alaabaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Manneen Barnoota Addiis Ababaa keessatti argamanitti akka fannifamu Mootummaan erga murtoo hojiin mul’acha dhufe dabarsee booda, qamolee hedduun mormaa turan. Mormuurra darbuunis gara fuulduraa rakkoo Uuma jechaas turan. Haa ta’u malee Kantiibaa Magaalittii Adaanach Abeebee irraa kaasee hanga Mummee Ministeraa Abiy Ahmaditti gochaan Alaabaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Manneen Barnoota Addiis Ababaa Keessatti Argamanitti fannisuu kun cimee akka itti fufu ibsuun ala wanti jedhan hin jiru.



