Sadarkaan jireenyaa Itoophiyaanotaa waggoota lamaan darbanitti daraan gadi bu’eera jedhame.

0
544

Itoophiyaan waraana keessa turuu ishee fi rakkoowwan wal-qabatab kan biraa keessa seenuu isheetiin lammiiwwan ishee jireenya dinagdeetiin haala hammaataa keessatti kufuun isaanii
qu’annoo haaraa ba’een mirkanaa’eera.

Qu’annoon dhaabbata “Gallup” edhamuun qu’atame akka mul’isetti Itoophiyaanonni baay’inni isaanii olaanaa ta’e jireenyi isaanii gama dinagdeetiin haala hammaataa keessa seeneera. A.L.A.

bara 2020 as sadarkaa jireenya Itoophiyaanotaa haala hammaataadhaan gadi-bu’aa kan dhufeen; Itoophiyaanonni dhibbeentaa 65 ta’an baasii nyaataaf isaan barbaachisullee guuttachuuf sadarkaa itti rakkatan irra gahaniiru jedhameera.

Dhaabbatichi qu’annoo taasise kanaan waggoota kudhan dura A.L.A. bara 2012 eegaluun sadarkaa jireenyaa Itoophiyaanotaa hordofuu erga jalqabee as sadarkaa jireenyaa gad-aanaa galmaa’ee dha jedhameera.

Haala yeroo Itoophiyaan keessa jiruun walqabatee lammiiwwan ishee gaaga’ama jireenyaa isaan mudateen dabalatatti; lammiiwwan baay’ee rakkoon fayyaa sammuu isaan mudateera jedheera.

Kanaanis waggaa lama dura yookaan utuu waraanni hinjalqabamin dura Itoophiyaanonni dhibeentaan 28 guyyaatti dhiphinni hedduun akka isaanitti dhaga’amu dubbataniiru.

Lakkoofsi kun xumura bara faranjootaa 2022 darbe gara dhibbeentaa 41tti guddachuu isaa qu’annichi mul’iseera.

Kunis dhibeen sammuu fi dhiphinni gabaasa taasifame yeroo kanatti dabaluu isaa agarsiisa.

Qorattoonni yaadaa bara 2021tti gara biyyaatti seenuu akka hindandeenye wayita himamu; waggaa itti aanu wayita deebi’anitti jijjiirama guddaa arguun isaanii dhaga’ameera.

“Gallup”tti darikteerri Afriikaa Zaak Biikuus akka jedhanitti; garichi namoota kuma tokkotti dhiyaatanuuf af-gaaffii kan taasise yoo ta’u; gara naannolee walitti bu’iinsi jiruu adeemuu garuu hindandeenye.

Itoophiyaan walitti-bu’iinsaan dabalatatti balaa ongee waggoota 40 darbanitti argamee hinbeeknetti saaxilamuu isheetiin; dhiyeessii nyaataa irratti dhiibbaan uumamuun qu’annichaan
eerameera. Galiin jiraattotaa dhiibbaa keessa jira kan jedhe qu’annichi; Itoophiyaanonni dhibbeentaa 45 ta’an haala amma jiruun galii baasii maatiif ga’u argachuun “baay’ee rakkisaa” itti ta’eera.

Sadarkaan jireenyaa Itoophiyaanotaa giddu-galeessa kan sadarkaa adunyaatii gadi yoo ta’es; A.L.A. bara 2020 jalqabee sadarkaan jireenya isaanii haala hammaataadhaan hir’ateera jedhameera. Sadarkaa jireenya isaanii 0 hanga 10tti akka Ramadan kan gaafataman hirmaattonni qu’annichaa; sadarkaa jireenya isaanii waggaa lamaan dura kan irra ture 4.5 irraa amma gara 3.6tti gadi bu’eera deebii jedhu kennaniiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here