Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa turtii waggaa Sadii booda yeroo jalqabaatiif waajjira isaa kan damee Tigiraay Magaalaa Maqaleetti bane

0
475

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa turtii waggaa Sadiin booda yeroo jalqabaatiif waajjira isaa kan damee Tigiraay Magaalaa Maqaleetti banuun hojii jalqabsiise.Wayita Waajjirichi banamee hojii jalqabauttis Hojjettoonni Boordichaa kan gara Tigiraay deeman hooggantoota dhaabota siyaasaa naannicha keessa socha’an, Sabaa himaalee fi dhaabbilee siivilii waliin marii gaggeessaniiru.

Hirmaattoota wal ga’ichaa keessaa tokko kan ta’anii fi dhaabbilee Siivilii bakka bu’uun kan hirmaatan Obbo Yaared Berihee kuni jalqabbii gaariidha. Dhaabileen mootummaa Federaalaa naannoo Tigiraay keessatti hojii jalqabuun walii galteen Piriitooriyaa hojiitti hiikamaa jirachuu isaafis agarsiiftuudha jedhan. Itti dabaluunis kun marii haal filannoo gaggeessuu danda’amurratti qorannoo taasifamaa jirudha. UUmmatichi mootummaa ofii filateen buluu akka barbaaduu fi waantoonni dafanii hiikkachuu qaabanis akka jiran wal ga’ii kanarratti ka’eera jedhan.

Gama biraatiin Roobii dabarsine Boordiin Filannoo biyyaaleeessaa Itiyoophiyaa raawwii hojii isaa kan ji’a Sagalii yommuu dhiyyeessetti Naannoo Tigraay dabalatee sababoota rakkoo nageenyaan bakkeewwan filannoon hin gaggeefamiinnitti bara 2016 . Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti filannoo taasisuuf karoora qabaachuu isaa ifoomseera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here