Hanqina dhiigaan dubartoota ulfaa saditu lubbuun darbe

0
202

Hanqinni dhiyeessii dhiigaa Hospitaala Waliigalaa Giddaa Ayyaanaa mudate du’a lammiileef sababa ta’uun himame.

Hospitaalli namoota miliyoona tokkotti siiqaniif tajaajila kennu kun hanqina kutaalee yaalaa, meeshaalee wal’aansaa akkasumas rakkoo dhiyeessii qorichaafi dhiigaan rakkachaa jiraachuu hoji gaggeessaan hospitaalichaa Obbo Hirkoo Mitikkuu himaniiru.

Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Ayyaanaa keessatti kan argamu Hospitaalli Waliigalaa Giddaa Ayyaanaa yeroo ammaa aanaalee akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Eebantuu, Limmuu fi aanaa Haroo Limmuuf tajaajila kennaa jira.

“Aanaleen shanan kun heddumminaan rakkoo nageenyaa kan qabaniidha. Sababa rakkoo nageenyaatiin buufataaleen fayyaa baay’een isaanii hojjechaa hin jiran. Baay’inni uummataa yeroo yerootti hospitaalichatti kan dabaludha. Fedhii hawaasa aanaa shanii kana guutuuf dhiyeessii gaarii qabaachuu qabda,” jedhan Obbo Hirkoon.

Hospitaalichi kanaan dura guyyaatti namoota hanga 200 ta’an keessummeessaa akka ture kan himan anga’aan hospitaalichaa kun, amma garuu guyyaatti namoota 400 hanga 600 ta’an keessummeessaa akka jirus himaniiru.

“Yaa’insi dhukkubsattootaa baay’eedha. Ji’attiyyuu naannoo dhukkubsataa 12,000 hanga 14,000 deddeebii duwwaadhaan kan yaalamaa jiru,” jedhan.

Rakkoo hanqina qorichaafi dhiigaa Hospitaala Waliigalaa Giddaa Ayyaanaa mudateef sababni tokko rakkoo nageenyaa godinicha keessa jiru ta’uu kan himan Obbo Hirkoon, “akka barbaaddetti deemtee magaala godinaarraa qoricha bituu hin dandeessu,” jedhan.

“Konkolaataan yoo bahe waraana malee bahu hin danda’u. Qorichi magaala Naqmteerraa gara keenyaatti yoo dhufullee waraana malee deemuu hin danda’u. Kana kanaan walqabatee komiin hawaasaa jira. Komii hawaasaa kana guutuuf immoo rakkoon nageenyaa furmaata argachuu qaba,” jedhan.

Hanqina qorichaa Hospitaala Waliigalaa Giddaa Ayyaanaa mudateef sababni inni biraan ammoo rakkoo dhiyeessii gama dhaabbata raabsa qorichaa damee Naqamteen jiru ta’uu himu.

“Gara damee kanaa gaafa dhaqamu qorichoota gosa baay’ee yoo gaafatte kan ati argattu gosa xiqqoodha. Baay’inni ummataa immoo baay’ee dabalaadha,” jedhan.

Qorichawwan hanqinni dhiyeessii irratti mul’atus qorichoota yaalii baqaqsanii yaaluuf barbaachisan, qorichoota adoochituu, qorichoota dhibeewwan daddarbaa wal’aanan akkasumas qoricha farra bookee busaa ta’uu anga’aan kun himu.

Qorichi farra bookee busaa dhaabbilee fayyaa mootummaatti bilisaan kan laatamu ta’uu kan himan Obbo Hirkoon, dhiyeessiin qoricha kanaa hanga barbaadamu ta’uu dhabuu isaatiin hawaasni hanga birrii 500 kanfaluun manneen qorichaa dhuunfaarraa bituuf dirqamuu himan.

Hammi qoricha busaa dhaabbata raabsa qorichaa damee Naqamteerraa argatan guyyoota lama yookiin sadi keessatti kan dhumu ta’uu isaa fi hawaasni qe’eefi qabeenya isaarraa buqqa’e baasiif saaxilamuus himan.

“Yeroo ammaa weerarri dhukkuba busaa ka’uudhaan uummanni baay’inaan miidhamaa jira, daa’imman miidhamaa jiru, haadholiin miidhamaa jiru,” jechuun haala keessatti argaman dubbatu.

Jiraataan magaalaa Ayyaanaa harmee isaanii dhukkuba busaan qabaman yaalchisuuf Hospitaala Waliigalaa Giddaa Ayyaanaatti argamanfi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan tokko, qoricha muraasa hospitaalichaa argachuu isaaniifi kan hafe alaa manneen qorichaa dhuunfaatii bituu isaanii himan.

Kana malees kutaaleen ciisichaa kan guutan ta’uu isaatiin harmeen isaanii kutaa ciisichaan ala koridarii irra iddoo qorraaf saaxilametti ciisanii wal’aanamaa jiraachuu himaniiru.

Gama biraatiin dhiiga dhukkubsattootaaf barbaachisu Baankii Dhiigaa Damee Naqamteerraa akka argatan kan himan hojii gaggeessaan Hospitaala Waliigalaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Hirkoo Mitikkuu, hamma dhiigaa barbaadan argachaa akka hin jirres kaasan.

“Dhiyeessiin dhiigaas ciccitaadha. Yoo gaafanne baay’inaan argamuu hin danda’u. Kanaan walqabatee hanga lubbuun namaa baay’inaan darbuutti gahaa jira,” jedhan.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here