Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa Itti aanaan dhaaba Koongireesii Federaalawaa Oromoo, Obbo Baqqalaa Garbaa biyya Ameerikaatti kooluu-galtummaa gaafachuu BBCtti himan.
Bara 2001 ALI miseensa dhaaba Warraaqsa Federaalawaa Dimookraatawaa Oromoo ta’uun hirmaannaa siyaasaa dhaaba keessatti godhamuutti kan makaman, osoo hedduu hin turiin gara hooggansa dhaabaatti kan guddatan Obbo Baqqalaan, amma booda dhaaba isaanii Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) irraa gadhiisuu isaanii beeksisaniiru.
Erga mana hidhaatii hiikamanii booda biyyaa kan bahan obbo Baqqalaan erga biyyaa bahanii waggaa tokkoofi walakkaatti yeroo siiqu keessatti halli siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru jijjiiramuu kaasuun ”amma biyya sanatti deebi’uun barbaachisaa ta’ee natti hin mul’anne” jedhan. Haalli siyaasaa Itoophiyaa keessa jiruu ”karaa nagaa qabsaa’uufis ta’e akka dhunfaatti jiraachuuf” yaachiisaadha jechuun achumatti hafuuf murtessuu himan.
Obbo Baqqalaan bara 2015 fi 2018 si’a lama hidhaa bahanii wayita Ameerikaa daawwachuu dhaqan dhaabbatni Scholars at Risk jedhamu ogeeyyii biyya dhalootaa isaaniitti lubbuun jiraachuun isaan yaachisuuf carraa US jiraachuu dandeessisu mijeessu hayyama kennefii akka tureefi didanii biyyatti akka galan dubbatu. Wayita biyyatti deebi’anis irra deebiin hidhamuun isaanii ni yaadatama.



