‘Oduu madda irraa’ mata duree jedhuun odeeffannoowwan mirkanaa’an, balballoomiiwwan waqtaawaa bilchina qaban akkasumas dhimmoolee siyaasaafi hawaas-diinagdee irratti barreeffamoota xiyyeeffatan dubbiftootaaf Sanbata yeroo hunda dhiyeessuun kan beekamtu Gaazexaan Addis Maaladaa Afaan Oromoofi Afaan Somaaleetiin Sanbata har’aa Waxabajjii 19 bara 2013 irraa eegaluudhaan baatiiwwan sadiif fuulawwan yaalii dhiyeessuu jalqabde.
Afaan lameeniifuu tokkoon tokkoonsaaniitiif fuulawwan afur kan ramadaman yoo ta’u Addis Maaladaa Afaan Amaaraa wajjin maxxansa tokkoon waloon dhiyaatu.Qabiyyeewwan Afaanoota Kanaan dhiyaatan oduuwwan Afaan Amaaraatiin dhiyaataniifi mata dureewwan adda addaa filatamuudhaan hiikamanii kan dhiyaatan akka ta’e beekameera.
Hojii gaggeessaan muummeen Chaampiyoon komunikeeshin maxxansaa Addis Maaladaa Taammiraat Astaaxiqee faayidaa Addis Maaladaa Afaanoota sadiin dubbiftootaaf odeeffannoo dhiyeessuu jalqabuushii ilaalchisuun’Addis Maaladaan sab-quunnamtii guddachaa jirtu taatus Afaan Oromoofi Afaan Somaaleetiin tajaajila kennuu jalqabuunshii sab-quunnamtiilee kanneen birootiif fakkeenya ta’uu bira darbuudhaan dhaqqabamummaashii mul’isa.Sadarkaa lammaaffaatiin ammoo dhiibbaashii bal’isuufis fayyada’jedhaniiru.
Yeroo gabaabaa keessatti Magaalota Oromiyaafi Somaalee keessaa gabaasitoonni idileedhaan mindeeffamanii akka gabaasaniif haala mijeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jiru kan himan obbo Taammiraat,adeemsaanis Afaan lameenuu Gaazexoota of danda’anii hojjetan akka qabaatan taasisuuf akka karoorfame dubbatan.
Hanqina raabsii Gaazexaa ilaalchisuunis Taammiraat Addis Maaladaatti akka himanitti rakkoon akka jiru eeruudhaan hojmaatawwan haarawaa diriirsuuf qophiin taasifamaa akka jiru beeksisaniiru.Lakkoofsa muraasa Magaalota Adaamaa,Jimma,Baalee Roobeefi Jigjigaatti raabsuuf qophiin akka xumurame kan beekame yoo ta’u hanqina raabsii Gaazexaa tilmaama keessa galchuun odeeffannoowwan Afaanoota lamaaniin dhiyaatan www.addismaleda.com irratti akka dhiyaatanis taasifama jedhaniiru.
Gaazexaan Addis Maaladaa naamusa ogummaa Gaazexeessitummaa kabajuudhaan odeeffannoo dhiyeessuudhaan,waltajjii marii qaroomaa uumuu,sagalee lammiiwwanii ta’uun Itiyoophiyaatti sirni Demokraasii akka dagaagu,itti gaafatamummaan mirgaa akka cimu akkasumas itti gaafatamummaan akka jiraatuuf deeggarsa taasisuu kaayyeeffachuudhaan kan hundeeffamte yoo ta’u adeemsa hanga har’aatiinis gartummaan ala ta’uu qabatamaan mirkaneessitee jirti.Addis Maaladaan yeroo jalqabaatiif maxxanfamuu kan eegalte Sadaasa 8 bara 2011 yoo ta’u hanga har’aatti utuu addaan hincitin maxxansa 138ffaa irra geessee jirti.
ቅጽ 3 ቁጥር 138 ሠኔ 19 2013


